Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkamaan ajjeechaa Haacaaluu ragaa ittisaa dhiyeesse, dhaddachi Jawaarfaa hin taa'amiin hafe
Manni murtii Olaanaa Federaalaa namoota ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaatiin shakkaman keessaa ragaalee ittisaa Himatamaa Sadaffaa Abdii Alamaayyoo dhagahe.
Ajjeechaa Wellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin shakkamee hidhaa kan ture himatamaa Sadaffaan Abdii Alamaayyoo manni murtii mirga wabii eegeefii wabii birrii kuma 10 tin bahuun isaa ni yaadatama.
Himatamaan kuni guyyaa har'aa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddacha Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa lammaffaa irratti argamuun ragaalee ittisaa lama dhiheefachuun jechi ragaalee ittisaa dhagahameera.
Yaada ragaaleen ittisaa himatamaa kanaa mana murtiitiif kennan irrattis abbootiin alangaa gaaffilee qaxxaamuraa gaafachuun wal falmii dheeraan taasifameera.
Falmiin kuni erga xumurameen boodas manni murtichaa gara murtii kennuutti deemuu isaatiin dura abbootii alangaa fi abukaatota himatamtootaa gidduutti wal falmiin afaanii taasifamuu qaba jechuun abbootiin alangaa mana murtii gaafataniiru.
Gaaffii abbootii alangaa kana abukaatonni himatamtootaas waan fudhataniif manni murtichaaa adeemsa himannaa waliigalaa hanga ammaa jiru irratti qaamolee lamaan gidduutti falmii afaanii akka godhamuuf Caamsaa 12, bara 2013 tti beellama qabateera.
Himtamaa tokkoffaa Xilahun Yaamii fi Himatamaa lammaffaa Kabbadaa Gammachuu beellama mana murtichaa darbe irratti ragaalee ittisaa dhiheeffachuun isaanii niyaadatama.
Dhaddachi dhimma Jawaarfaa hin taa'amiin hafe
Dhaddachi galmee Obbo Jawaarfaa Mana murtii Waliigalaa federaalaatti har'aaf beellamamee osoo hin taa'amin hafe.
Abbaan Alangaa Waliigalaa jalamurtii Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa ragaaleen Abbaa Alangaa dhaddacha banaa irratti yaa dhaggeeffataman jechuun kenne mormuun ture.
Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo kan dhiyeeffate. Haaluma kanaan Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa abbaa alangaafi himatamtoota wal falmisiisuf ture har'a ganamatti beellamee kan ture.
Haa ta'u malee sababa galmeewwan biroo hin xummuramneef galmeen Obbo Jawaarfaa namoota 24 waaree booda sa'aa saddeet irratti akka ilaallamuf abbootin seeraa himan.
Waaree booda sa'aa 8:00 irrattis abbootin seeraa abukaatoowwan himatamtootaa gara waajjiraatti waamun sababa rakkoo abbaa seeraa tokko mudaten dhaddachi galmee Obbo Jawaarfaa gara Ebla 20 bara 2013ti jijjiiramuusaa akka itti himan abukaatoowwan himatamtootaa keessaa tokko kan ta'an Obbo Dajanee Fiqaaduu BBCti himaniiru.
Gama biraatin hojjetaan Mana Sirreessaa Qaallittii gama 'plasma tv' dhaan himatamtoota mana sirreessaatii mana murtichaa waliin quunnamsiisaa turan Obbo Jawaarfaan "hin dhiyaannu" akka jedhanin abbootii seeraatti himaniiru.
Abukaatoon Obbo Jawaar Mahaammadfaa Obbo Dajanee Fiqaadus Obbo Jawaar Mahaammadfi namootni biroon galmee isaanii keessatti argaman qaamaan yoo ta'e malee gama televiziyoonaan /plasma tv/ dhaddacharratti hirmaachuuf fedhii akka hin qabne BBCti himaniiru.
Gama biraatin abbaan alangaa ragaaleensaa 146 eenyummaansaanii dhokfamee dhaddacha cufaan golgaa duuba ta'uun ragaa akka bahan Mana Murtii Olaanaa Federaalaatif iyyatee iyyannoonsaa kufaa ta'uunsaa ni yaadatama.