Waraana Tigraay: Lola Naannoo Amaaraa Walloo Kibbaatti babal'ataa jiru ittisuuf waamichi dhihaate

Bulchiinsi Godina Walloo Kibbaa lola akka haaraatti eegale hordofee hunduu humna qabuun akka gumaacha taasisu waamicha dhiheesse.

Lolli Tigraayitti baatii 11 dura jalqabe keessumaa torban darbe bakkeewwan daangaa Naannoo Amaaraafi Affaar keessa akka haaraatti eegaluun gabaafameera.

Dhaabi mormituu Sochi Warraaqsa Amaaraa (ABIN) ammoo ibsa kaleessa baasen finciltoonni Tigraay magaalota Godina Walloo Kibbaa kan ta'an Kombolchaafi Dasee to'achuuf lola bananiiru jedheera.

Baatii Waxabajjii waggaa darbe eegalee humnoonni Tigraay Affaariifi Amaaraatti lola waan bananiif ummanni dabalataa kuma dhibbaan lakkaa'amu qe'eerraa buqqa'eera.

Ibsi godinichi baase kun yeroo hogganoonni finciltoota Tigraay waraanaan irra aanu himaa jiranitti dhagahame.

Ajajaa waraanaa finciltoota Tigraay kan jedhaman Janaraal Taaddasee Warradee lola waraanni Federaalaa nutti bane jedhan ''ofirraa qolachuufi fashaleessuu'' dubbatan.

Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Raddaa humnoonni isaanii magaalaa Wagal Xeenaa to'achuu har'a barreessaniiru.

Dhimma kana irratti wanti gama mootummaa Federaalaatiin himame hin jiru.

'Hunduu gara adda waraanaa'

Guyyaa kaleessaa Bulchiinis Godina Walloo Kibbaa ibsa baasen, hunduu waan gumaachuu danda'u akka godhu waamicha dhiheesse.

''Kan meeshaa qabu meeshaatiin, kan humna qabu humnaan, kan qabeenya qabu qabeenya isaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaa Amaaraa, milishaafi Faannoo waliin hiriiruun … hunduu hanga humna isaa deeggarsa haa taasisu,'' jedheera.

Bulchiinsi Walloo kun finciltoonni Tigraay Wucaalee, Tahuladaree, Warra Baabboofi Dalaantaatti lola bananiiru jedheera.

''Hunduu gara adda waraanaatti'' kan jedhe dhaabni filannoo biyyaalessaa jahaffaan Naannoo Amaaraatti teessuma gonfate ABIN immoo mootummaa federaalaa qeqe.

''Mootummaan murtee kennuu, dhiheessii meeshaafi gala akkasumas qindeessummaa irratti hanqinawwan gurguddaa mul'atan sirreessuun …'' jechuun itti gaafatama isaa akka bahu gaafate.

Sochiin barnootaafi kaan dhaabatanii weerara finciltootonni Tigraay raawwatan jedhan qolachuuf akka sosso'u dhaabichi waamichi ni taasifama jedheera.

Lola akka haaraatti eegale

Lola akka haaraatti eegale karaa adda waraanaa afurii kan eegale waraana Itoophiyaati jechuun finciltoonni Tigraay himatu.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa immoo TPLF'tu lola eegale jechuun ibse.

Raayyaan ibsa torban darbe baasen ''Waraana eegalaniin adabbii cimaatu irra gahaa jira'' jedhee ture.

Himannaa gama bitaa mirga jiru maddeen walabaa yookiin ummata lafa jirurraa baruun ni rakkisa. Kanaaf sababni tokko maloonni kominikeeshinii cufaa ta'u isaaniiti.

Guyyoota lama dura Naannoon Amaaraa ibsa baasen bakkeewwan finciltoota Tigraayin to'atamitti badiin raawwatu hime.

Kaaba Walloo, Waag Himraa, bakkeewwan muraasa Kaabaafi Kibba Gondaritti namaafi meeshaa irratti humnoota TPLF'n badiin raawwachuu hime.

''Nagaan ummata Amaaraas ta'e nagaan biyya keenyaa kan mirkanaa'u owwaalcha TPLF irratti'' jechuun hunduu gahee ofii akka gahee ofii akka gumaachu gaafateera.