Waraana Tigraay: Manneen barnootaa Dasee buqqaatota keessummeessaa jiranitti barnooti yoom jalqaba?

Manneetiin barnootaa magaalaa Dasee 22 buqqaatota 300,000 ol waan keessummeessaa jiraniif barnoota yeroon jalqabuun akka hin danda’amne Qajeelchi Barnootaa magaalattii BBCtti himeera.

Itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa bulchiinsa magaalaa Dasee Obbo Iyyaasuu Zawduu, manneetiin barnootaa baayyeen gatii miidhamaniif barnootaaf qopheessuun hojii olaanaa gaafataa jedhan.

Itti gaafatamaan kuni ’’manneetiin barnootaa kunneen ibsaa, teessuma, foddaa, balbalaafi manni fincaanii isaanii caccabeera,’’ jedhan.

Qorannoo adeemsifameenis manneen barnootaa kunneen haaromsuuf qarshiin miiliyoona 21 ol akka barbaachisu Obbo Iyyaasuun dubbataniiru.

Torbee darbe Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) Itoophiyaa keessatti namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’an miiliyoona 1.8’f dahoo dhiyeessuuf doolaarri miiliyoona 21.1 na barbaachisa jedheera.

Ji’oota muraasaan dura mootummaan Tigraayitti labsii dhukaasa dhaabuu hordofee loltoota isaa Tigraayii baasnaan, finciltoonni TPLF gara naannoo Affaariifi Amaaraa galuun waraana bananiiru. Ammallee kaaba Walloofi bulchiinsa saba Waagihimraafi godinaaleen Kibba Walloo muraasni to’annoo isaanii jala jiru.

Baatii 11 dura waraana kaaba biyyattiitti eegaleen namoonni kumaan lakkaa’aman yoo lubbuu dhaban, miiliyoonaan kan lakkaa’aman immoo qe’eerraa buqqa’aniiru.

Iddoowwan kanatti barnooti yoom eegala?

Kutaalee biyyattii baayyee keessatti barnooti bara 2014 (ALI) eegalee jira.

Haa tahu malee naannolee rakkoon nageenyaa jiruufi buqqaattota keessummeessaa jiranitti manneetiin barnootaa dahoo yeroo tahuun tajaajilaa waan jiraniif barnooti hin eegalamne. Kanneen keessaa immoo tokko magaalaa Dasee dha.

Itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa magaalattii Obbo Iyyaasuun akka jedhanitti, barnoota jalqabsiisuuf ‘manneetiin barnootaa sadarkaa lammaffaa buufata milishaa fi raayyaa turan kudhan gadhiifamuun, shan keessatti Onkololeessa 1/2014 qoramtoota bara 2013f barnooti irra deebii kennuun eegalameera jedhan.

Barnooti kutaa 12ffaas Onkololeessa 8/2014 akka jalqabuuf hojiin daree qulqulleessuufi teessuma haaromsuu jalqabeera jedhan.

Magaalattii keessa manneetiin barnootaa 12 jiraachuu kan himan itti gaafatamaan kuni, manneetii barnootaa buqqaatotaan qabamanii jiran keessatti barnoota eegaluuf buqqaatotaaf dahoo yeroof tahu qopheessuun barbaachisaa akka tahe himaniiru.

‘’Garaadootti dunkaanni 25 dhaabameera. Dahoowwan xixiqqoo dhaabuun yeroof fayyadamuuf koreen dhaabbatee hojjetamaa jira,’’ jedhan.

Dahoowwan Baankii Addunyaan ijaaramaniif furtuu akka fudhatan himuun, erga buqqaatonni achitti dabarfamaniin booda Onkololeessa 15 barnoota eegaluuf akka karoorsan himan.

Manneetii barnootaa kunneen keessa buqqaatonni 20,000 ol jiraachuu kan himan itti gaafatamaan kuni, amma tumsi yoo taasifame malee dahoon qophaa’aa jiru akka hin geenye himaniiru.

Akka itti gaafatamaan kuni jedhanitti, bara kana magaalaa Daseetti barattoota kuma 57 fi 500 barsiisuuf kan karoorfame yoo tahu buqqaatonni 800 tahanis barachuuf qophaa’aniiru.

Manni barumsaa yeroo banamus isa karoorfameen ol barattootni dhufuu waan danda’aniif isaafis of qopheessaa akka jiran Obbo Iyyaasuun himaniiru.

‘’Hanqina kutaa barnootaa furuuf dunkaana ijaaraa, waajiraalee akka dareetti fayyadamuufi barsiisota buqqaatota keessa jiran akka barsiisan gochuun,’’ dhimmicha furuuf akka yaadan dubbataniiru.

Magaalaa Kombolchaa kibba Wallootti argamtu keessa buqqaattonni kuma shanii ol tahan manneetii barnootaa 12 keessa dahatanii akka jiran Qajeelcha Barnootaa godinichatti Itti gaafatamaa, Itti aanaa kan tahan Obbo Darajjee Amaara himaniiru

Obbo Darajjeen manneetii barnootaa kanattis tahe kanneen dhuunfaatti barnooti hin jalqabne.

Kanaan ala, sababa waraanichaan manneetii barnootaa Warra Baabboo lama, Tahuladareetti immoo tokko akkasumas naannoowwan Dalantaa fi Ambaasal rakkoo nageenyaa qabaniin ala aanaalee birootti rakkoon barnootaaf gufuu tahe hin mudanne jedhan.

Kanaafis kanneen waraanichaan barbadaa’an suphuu fi buqqaatota manneetiin barnootaarraa gara dahoo yerootti dabarsuuf hojjatamaa jira jedhan.

Jiraattotaa fi maatiin maal jedhu?

Maatiin barattootaa BBC’n dubbise barnooti otoo hin jalqabiin hafuu isaatiin xiinsammuu isaaniirratti dhiibbaa akka qabu dubbatu.

Malaakuu Ambaayeen jiraataa magaalaa Dasee yoo tahu abbaa barattoota kutaa 7ffaa fi 2ffaati.

‘’Kan na yaaddessu waa’ee ijoollee koo qofa osoo hin taane, kan ijoollee buqqaatotaasi, kan koo osoo baratanii kan isaanii yoo hin baranne mataa na dhukubsa,’’ jedhu.

‘’Ijoolleen xiin-sammuu gaarii hin taane keessa jiru. Mucaan koo milishoonni magaalaa keessa yeroo qawwee dhukaasan argee, ‘na ajjeesu mana barnootaa hin deemu,’ jedhe,'' jechuun dubbatu.

Jiraattuun magaalattii biroon Lishaan Asaggaahanyi barataa kutaa 12ffaa qabu.

Aadde Lishaan, ‘’Hamileen ijoollee keenyaa miidhameera, haalli dubbisuufi qayyabachuu jalaa wal-dhaheera, abdii kutachuutu irraa mul’ata, mucaa koorras kaniin hubadhu kanuma,’’ jechuun akka yaadda’an himu.

Mucaan isaan baatii kana keessa qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf barnoota kan eegale tahuu himuun, tasgabbaa’ee qabxii fiduu danda’a jedhanii akka hin amanne garuu dubbatu.

Jiraattonni rakkoo mudateef waan furmaata jedhan himu

Jalqaba waraanni yeroo gabaabaa keessatti raawwatee buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gochuu kan jedhudha. Tahus kuni yeroo gabaabaatti milkaa’a jedhanii hin amanan.

Kanaaf buqqaatota kunneen gara dahoo yeroof tajaajilutti dabarsuufi, ‘’waraana kanaan buqqaatota miidhaman kana gara dahoo bishaaniifi ibsaan jirutti haa dabarfaman,’’ jedhu.

Jiraattonni dhimmi kuni mootummaafi dhaabota deeggarsaan xiyyeeffannoon akkatti kennamu gaafataniiru.

Magaalaa Dasee osoo hin dabalatiin bara kana godina Kibba Wallootti barattoota kuma 538 barsiisuuf karoorfamus, kan barnoota jalqaban garuu walakkaa lakkoofsa kanaa tahuu qondaalli barnootaa godinichi himaniiru.

Mana barnootaa sadarkaa lammataa godinichaatti barattoota kuma 148 fi 745 barsiisuuf karoorfamus kan barnoota jalqaban garuu kuma 50 fi 65 qofa jedhan qondaalichi.

Waajira Barnootaa Naannoo Amaaraatti Itti gaafatamaa itti-aanaa kan tahan Obbo Geetaachaw Biyaazin naannichatti barattoonni miiliyoona 1.5 tahan barnoota isaaniirraa akka hafan miidiyaa Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Waraana kanaan manneetiin barnootaa 277 barbaadaa’uufi 1,300 kan tahan irra immoo miidhaan gahuu himan.

Obbo Geetaachoon barattoonni buqqa’anii jiran iddoo jiranitti haal-duree tokko malee akka galmaa’aniifi baratan gochuuf hojjetamaa jira jedhan.