Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Raayyaa Qobbootti humnooti TPLF qonnaan bultoota ajjeesan jedhan jiraattonni
Naannoo Raayyaa qabatee kan jiru TPLF haleellaa jiraattota naannichaa irratti raawwateen namootni baayyee ajjeefamuu kanneen naannichaa baqatanii bahan ni dubbatu.
Haleellaan namoota nagaa irratti raawwate kunis haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaan mana manarra deemanii raawwatan jalaa kanneen baqatanii bahan dubbatanis lakkoofsa himuun garuu rakkisaadha jedhaniiru.
Buqqaattonni kunneen yeroo ammaa kaampii magaalaa Dassee akka jiran BBCtti himaniiru.
Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa gaafa Sanbataa baaseen, ’’haleellaan magaalaa Qobboofi magaalawwan naannoo jiran keessatti raawwatu na yaaddessa,’’ jedheera.
Koomishinichi gabaasa na qaqqabe jedheen, ’’manneetii jireenyaatti, manarra naanna’anii ajjeesuu, saamichaafi bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaa geessisuu himuun akka qoratu ibseera.
TPLF, dhaabi mootummaan shororkeessaa ittiin jedhe haleellaa Qobbootti raawwate jedhamuun himatame kanarratti hamma yoonaa homaa hin jenne.
Ajjeechaa Raayyaa Qobbootti raawwate ilaalchisee gabaasoti bahuu erga eegalani bubbulus, naannicha to’annoo TPLF jala erga kufee kaasee tajaajilli bilbilaafi intarneetaa addaan citee waan jiruuf, odeeffannoo argachuu rakkisaa taasiseera.
Warreen haleellaa raawwatame jedhame baqataniifi waan tahaa ture ijaan argan BBCtti dubbataniiru.
Erga TPLF naannicha to’ateen as magaalaa Qobbootii bahanii akka hin beekne kan kan himan Obbo Alamuu Abbaba fi Kadiir Alii haleellaa dhiyoo mudate kanaan miiliqanii Dasee galuu himu.
Kadiir daldalaa ture, humnooti TPLF ‘’erga naannicha to’atanii kaasee mana namoota dhuunfaa fi mootummaa saamuufi gubuu irraan kan hafe, baatii tokkoof namoota irratti miidhaa badaa hin dhaqqabsiifne,’’ jedha.
Ibsaan gatii hin jirreef jiraataan miidhaan daaksifatee nyaachuuf rakkatee gatii tureef piroojektii ''Qobboo Giraanaa'' jedhamurraa jenereetara ergifachuun tajaajila midhaan daaksisuu kennaa turre jedha. Tahus tajaajilichi guyyaa shaniif qofa ture.
Guyyoota shaniin booda hoggansi TPLF geeddaramee dhufe jenereetaricha fudhateera jedha.
‘’Hoggansi TPLF geeddarame gaafa Hagayya 22, 2013 A.L.I gara gandoota baadiyyaa Arraammoo fi Gadaamaayituu galuun ‘meeshaa fidaa’ jechuun dhukaasa banan,'' jechuun erga naannichi TPLF’n qabamee ji’a tokko booda waraanni lammata dhalachuu hima.
Haaluma kanaan jiraataa ganda Arraamoo, Kaasaa Kabbada jedhamu meeshaa fidi jedhanii ajjeesuufi ilmisaa waggaa 13 ‘abbaa koo’ jedhee gara abbaasaa yeroo fiigu ajjeefamuu Kadiir dubbata.
‘’Haaluma wal-fakkaataa taheen qonnaan bultoota biroos meeshaa fidaa sababa jedhuun ajjeesuun jalqabame yeroo qonnaan bulaan ofirraa ittisuuf jecha haleeluu jalqabe,’’ jedha.
Gaafuma kana Hagayya 22/2013 qonnaan bultoonni haleellaa irratti baname of jabeessaa fi humna dabalachuun ’’hidhattoota TPLF naannoo baadiyyaarraa baasanii magaalaa geessisan,‘’ tahus qonnaan bultoonni gara magaalaa otoo hin galiin gara dhufanitti akka deebi’an Alamuun BBCtti himeera.
Guyyaa kanaan booda magaalaattis tahe baadiyyaatti haleellaan dabalataa akka hin raawwanne Alamuufi Kadiir dubbataniiru.
‘Meeshaa fidaa’
Gaafa guyyaa shanaffaa Hagayya 27/2013 guutummaa magaalaa Qobboo marsanii ‘’meeshaa fidaa’ jechaa jiraataa haleeluu isaanii dubbatu. ‘’Kan meeshaa qabu kenne, kan hin qabne immoo reebichi hamaa irra gahee ture,’’ jedhan.
Haleellaa inni cimaan garuu gaafa Qaammee afurii raawwachuu maddeen lameen ni dubbatu. Gaafa Hagayya 27, ‘meeshaa fidaa’ jechuun uummata magaalaa erga haleelaniin booda gaafa Qaammee 4, humna isaanii jabeeffatanii jiraataa baadiyyaa waliin lolatti galuu himu.
‘’Kanaanis magaalaa Qobboo irraa gama bahaan ganda jirtu Gadamaayituu keessatti hidhattoonni TPLF waraana cimaa banuun waraanni adeemsifame,’’ jedhu.
Gaafas waraanni sa’atii sadii irratti jalqabe yeroo dheeraaf adeemaa akka ture kan dubbatan jiraattonni kunneen, ’’qonnaan bulaan kallattii hundarraa humna jabeeffatee hidhattoota TPLF irratti cimnaan waraanichi hanga km 10 dhiibee deemuun magaalaa Qobboo gahe,’’ jechuun himu.
Waraana kanarratti humnoota TPLF iddoowwan naannichaa baayyee irraa baasuun iddoo qawwee kaawwatan qabachuun waan barbaadan fudhataniiru. Galgala sa’aatin 11:00 yeroo tahus naannicha gadhiisuun gara gandoota baadiyyaa deebi’uu himu.
'Haleellaa haaloo bahuu'
Alamuun akka jedhutti qonnaan bultootni qe'ee isaaniitti yoo deebi'an hidhattootni ammoo magaalaatti deebi'uun ''haleellaa irratti raawwateef namootaa nagaafi kanneen waraana keessaa hiree hin qabne irratti haaloo bahan''
''Waraana sodaatee nama isa taa'e manarra naanna'anii ajjeesan. Achiis nama qonna isaa aramachaa oolee gara mana isaa galu daandiitti eeganii ajjeesan'' jedha Kadiir.
Alamuun gama isaan ''jiraataan magaalichaa haleellaa homaa hin raawwanne jedhee keessumaa dargaggoonni xiyyeeffannoo haleellaa kanaa turan jedha.
Ofii isaa madaan xiqqaan isa mudachuu kan dubbatu Kadiir, dubaraa fi daa'immaniin alatti nama argan hunda miidhaniiru. Gara caalu garuu waraqaa eenyummaa qotee bulaa kan qabateefi marxoo isa hidhate qonnaan bulaa magaalichaa fixan jedha.
Dubartootniifi daa'imman ta'e jedhamee itti hin dhukaafamnes jedhe.
Jiraattotni dubbifne lakkoofsa namoota haleellaa kanaan du'anii adda baasanii akka hin beekne ibsaniiru.
''Jimaatas Sanbatas namoota hedduu awwaaleerra. Bataskaana shan ta'antu jira Qobboo keessa, maasjiidis jira. Iddoo hundatu awwaalaa ture. Bataskaana naannoo keenya jiru tokko keessa qofa gara nama 50tu awwaalame. Reeffi dirree keessatti kufe jiruyyu ol hin kaafamne. Qabeenya mootummas kan nama dhuunfaas barbadeessaniiru'' jedha hiriyyootaafii obbolaa isaa awwaalee Daseetti kan baqate Alamuun.
Gandootni baadiyyaa 11 ta'an haleellaa meeshaa waraanaa gurguddoon haleelamaa akka turanis Kadiir himeera.
ALI Fulbaana tokko haleellaan hin raawwatamne kan jedhu Kadir, Dilbata Fulbaana lama gandoota baadiyyaa haleeluufi yeroo magaalittii keessaa bahu horii manaa fixan daandiirratti arguu hima.
Saamichaafi mancaatii qabeenyaa
Haleellaa kanaan ooyiruun qotee bulaa kunuunsa malee hafeera, waajiraaleen mootummaa magaalaa Qobboo keessa jiranis guutummaatti saamamaniiru, qabeenyi namoota dhuunfaas akkasuma saamameera jedha Kadir.
''Qabeenya suuqii qofa osoo hin taane manneen waldaaleen ijaaraman kan namni itti hin gallee qorqoorroon isaa irraa buqqifamee saamameera'' jedha Alamuun.
Sadaasa darbe kan eegale waraanni Tigraay Waxabajjii darbe Tigraayii bahuu humnoota mootummaa federaalaa hordofee hidhattootni TPLF naannolee Amaaraafi Affaar keessa seenuun haleellaa raawwachuun lafas qabataniiru.
Naannolee amma to'annoo humnoota TPLF jala jiran keessatti sararri qunnamtii hawaasaa adda citee waan jiru achitti wanna ta'aa jiru irratti odeeffannoo dabalataa argachuun rakkisaa ta'eera.
*Jiraattotni BBC'n odeessa kana keessatti dubbise maatii isaanii Qobboo jiruuf waan yaaddahaniif maqaan isaanii jijjiirameera.