Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Naannoon Amaaraa finciltoonni Tigraay namoota 120 ol ajjeesun himate, TPLF waakkate
Finciltoonni TPLF Naannoo Amaaraa Kaaba Gondar Aanaa Daabaat bakka Cinaa jedhamuun beekamu keessatti namoota 119 ajjeesan jechuun jiraattonni fi bulchaan aanichaa BBCtti himan.
Haleellaan kun tibba naannoon kun to'annoo TPLF jala turetti raawwatuufi haleellaa kanaanis jaarsoliin, abbootin amantii, dubartoonni fi daa'imman ajjeefamuu bulchaan aanaa kun dubbataniiru.
Haa ta'u malee, TPLF ibsa baasen ajjeechaa keessa akka hin jirre ibsuun qorannoon qaama walabaa akka taasifamu waamicha taasise.
Rooyitarsiifi AFP'n maddeen hospitaalaa fi kaan eeruun akka gabaasanitti lakkoofsi namoota ajjeefamanii 120 ni caala.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa jumlaan reeffa namootaa gaafa Fulbaana 07, 2021 argamuu isaatti rifatuu ibsa baasen beeksiseera.
Kan lubbuun hafan kanneen ajjeefaman lammiilee nagaa ta'u eeruu isaaniifi finciltoonni TPLF haleellaa raayyaafi humnoota Amaaraa jalaa baqataniin haleellichi raawwatamuu odeeffachuu hime.
Maaltu ta'e?
Baatilee darban lama keessatti humnoonni TPLF naannoo Amaaraa fi Affaaritti ce'uun haleellaa garaagaraa akkasumas saamicha raawwachuun yeroo himataman kuni kan jalqabaa miti.
Jiraatonni yeroo finciltoonni TPLF magaalattii to'atan hanga soorata dhiheessaniifitti nagaa taana jechuun akka abdatanii turan jechuun komishinichi himeera.
Komishinichi garee mirga namoomaa qoratu gara bakkichaatti akka erguufi kanneen lola keessa qooda fudhatan lammiilee nagaafi qabeenya ummataa akka tiksan waamicha taasise.
Ganda ollaa Cinaa taate Abxiraa keessa kan jiraatan Obbo Asamaraa Taaffare BBCtti akka himanitti, ALI Hagayya 12, 2013 waaree booda sa'atii 9:00 irratti humnoonni TPLF seenuun dhukaasa eegaluu fi kanaanis lolli hamaan akka mudate himan.
Waraanni guyyaa sana jalqabame hanga Hagayya 29, 2013tti hin dhaabanne kan jedhan Obbo Asmaraan, hanga ammaatti namoonni ajjeefamanii reenfi isaanii argame 119 ta'uu fi namoonni ajjeefaman kunneenis kanneen waraana keessatti hin hirmaanne ta'uu himan.
"Kunneen namoota du'uunsaanii mirkanaa'ee boo'ichi taa'ameefidha,'' jechuun lakkoofsi namoota ajjeefamanii hedduu kana caaluu akka danda'u himan jiraataan kun.
Tarkaanfii finciltoonni TPLF fudhataniin jaarsoliin, abbootiin amantii, daa'imman fi dubartoonni ajjeefamuus himan.
Obbo Asmaraan maatii tokko keessaa miseensi 5 hanga 6 du'uu BBC'tti himan.
Jiraataan kan biraan Obbo Mollaa Wubee ALI Hagayya 12, 2013 irraa eegalee naannichatti waraanni deemaa jiraachuu BBCtti himan.
Finciltoonni TPLF wayita gara ganda Cinaa seenan hawaasarra haleellaan qaqqabe akka hin jirre kan himan jiraataan kun, boodarra wayita waraanni cimaa deemu gareen TPLF mo'amuusaa wayita hubatu jaarsolii, daa'imman, dubartootaa fi bineeldota ajjeesuu eegalan jedhu.
Namoonni ajjeefaman kunneen waraana keessatti kan hin hirmaannee fi inumaa finciltootaaf sangaa qalanii nyaachisaa kan turaniidha jedhan.
Ganda Cinaa keessatti guyyoota 11'f walitti fufinsaan waraanni gaggeeffamaa ture kan jedhan bulchaan aanaa Daabaat Obbo Sawunnat Wubaalam, humnoonni TPLF beelladootaa fi qabeenya qonnaan bultootaa saamuun, kaan barbadeessuu himan.
Guyyoota 11'f walitti aansee hanga Hagayya 29, 2013tti waraanni naannawa sana akka ture himan bulchaan kun.
Akka Obbo Sawunnat jedhanitti tibbana qorannoo taasifameen naannawa kanatti iddoon lammiileen jumlaan itti awwaalaman argameera.
Obbo Sawunnat hawaasa naannoo akkasumas awwaalacha jumlaa argame irraa mirkaneeffanne akka jedhanitti hamma yoonaa namoonni 119 ajjeefamuu isaanii baraniiru.
Bulchaan aanichaa ragaa hanga yoonaa qabuun dubartoota mukatti hidhamanii rasaasaan dhahaman, maanguddoota, daa'immaniifi lubootni qiddaaseedhaa deebi'aa turan akka keessa jiran BBC'tti himaniiru.
Haleellaan kuni maaliif akka raawwate yeroo ibsanis, ''ummata akka salphaatti isaan dabarsuu dide gatii taheef abdii kutuu irraan kan ka'e dha,'' jedhan.
Dabaluunis, finciltoonni miseensonni isaanii yeroo booji'aman akkasumas miidhaan gaafa irra gahu 'aariidhaan' ganda Cinaa keessatti namoota nagaafi waraanarra hin hirmaanne irratti ajjeechaa raawwataniiru jedhaniiru.
Humnooti TPLF guyyootaaf naannicha turuu kan dubbatan jiraattonniifi bulchaan kuni, ''waraana naannichatti taasifameen miidhaan cimaa irra gahee mo'amanii gara duubaatti yeroo deebi'an namoota nagaa isaan sooraa turan haaloo bahun isaan ajjeesan,'' jechuun dubbatu.
Akka naannicha to'ataniin, ''nuti rakkoon keenyi mootummaa waliin malee isin wajjiin miti,'' jechuun jiraattota naannichaatti dubbachaa akka turan himuun booda garuu namoota nagaa ajjeesaniiru jedhaniiru.
Namoota 100 ol finciltoota kunneeniin ajjeefamaniiru jedhaman dabalataan namoonni ammallee hin argamne akka jiran jiraattonni himu. ''Qabanii isaan fudhataniiru tahas,'' jedhu.
Waraana baqachaa gara ganda biraatti kan ce'e, holqa keessa kan dhokate namni ajjeefame, dabalataa akka jiraachuu malu jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Obbo Mollaa Wubee hamma yoonaa namoonni 119 ajjeefamuu jiraataan lakkaa'ullee namni du'e lakkoofsisaa kana akka caalu yaaddoo qaban ibsu.
Bulchaan aanichaa Cinaan naannoo magaalarraa fagaattee jirtuufi ummatnishees qonnaan bulaa dha jedhan.
Hidhattoonni TPLF gara Daabaatiifi Cinaa gahuun dura aanaa Adaarqaayiifi Dabaarqitti haleellaa jabaa raawwachuu isaanii bulchaan kuni dubbataniiru.
Naannoo Amaaraatti, godina Gondar Kaabaatti aanaan Daabaat finciltoota TPLF jala erga bilisa baheen booda awwaalcha jumlaa namoonni keessatti awwaalaman akka argate kan beeksise bulchiinsa godinichaati
Kanaanis humnooti TPLF aanicha keessatti ganda ''Cinaa Takilahaayimaanot, qeesota dabalatee namoota nagaa irratti Hagayya 26fi 27 ajjeechaa jumlaa raawwataniiru,'' jechuun awwaalcha tokko keessatti qofa reeffi 47 akka argame ibseera.