Naannoon Uummatootta Kibba Lixa Itoophiyaa akka hundaa'uf sagaleen caalmaan sassaabame

Naannoo Ummattoota Kibbaa keessatti godinaalee shan walitti makuun naannoo of danda'e tokko ijaaruuf rifarandamii gaggeefameen sagaleen caalmaa hundeeffama naannoo haaraa deeggaru argamuu Boordiin Filannoo Itoophiyaa beeksise.

ALI filannoo marsaa lammataa gaggeefamee ture waliin naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa ijaaruuf riifarandamii gaggaeefameen sagaleen caalmaan hundeeffama naannoo haaraa kanaa deeggaru argameera.

Haaluma kanaan caasaalee bulchiinsaa adda addaa naannoo Uummatoota Kibbaa jala kan turan aanaan addaa Koontaa, godinaalee Kibba Oomoo, Beenshi Shakkoo, Kafaa, Daawroofi godinni Shakkaa maqaa naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa jedhamuun naannoo 11 ta'uun ijaaramuufi.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa riifarandamii kanarratti namoota sagalee kennuuf galmaahan miiliyoona 1.3 keessaa miiliyoona 1.2 sagalee kennuu isaanii ibseera.

Kanaanis uummatni miiliyoona 1,221,092 ta'u godinaaleen shananiifi aanaan addaa tokko naannoo uummatoota Kibbaa jalaa bahanii naannoo of danda'e ijaaruu isaanii deeggaraniiru.

Waggaa lama dura naannoon Sidaamaa, naannoo Uummatootta Kibbaa irraa adda bahuun naannoo of danda'e ta'ee kan ijaarame yeroo ta'u, naannoon uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa Itoophiyaaf naannoo isa 11'ffaa ta'a.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa bu'aa riifarandamii kanaa Mana Maree Federeeshiniif dhiyeessee naannoon haarofni akka hundeeffamu beeksiseera.

Keessumaa waggaa sadii dura MM Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii naannoo Uummattoota Kibbaa kan saboonni hedduun keessa jiraatan keessatti gaaffiin naannoo of danda'e ijaaruu hedduun dhiyaacaa jira.

Mootummaan Federaalaa gaaffiiwwan ka'an qorachuun deebii kennuuf hojjechaa akka jiru erga ibsee hundeeffamni naannoo Sidaamaa kan jalqabaa yeroo ta'u kan uummatoota Kibba Lixaa isa lammataa ta'uu isaati.