Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Gaaffiin naannoo ta'uu Gedewoo maal irratti argama?
Gaaffiin naannoo tahuu Sidaamaa erga ragga'en booda, Naannoo Kibbaatti gaaffileen naannoo tahuu ammas godinaalee biraatiin dhiyaataa jira.
Gaaffilee warra kaaniin dhiyaatan keessaa gaaffiin Gedewoo kaanirraa adda jedhu hayyonnifi dhalattoonni godinichaa.
Godinichi haala teessuma lafaa isaa irraa kan ka'e - kana jechuunis erga Sidaamaan naannoo tahuu mirkaneeffatee, Gedewoo Naannoo Kibbaa wajjin daandiin qunnamsisu hinjiru.
Kanumaafis naannoo Kibbaa keessa ta'e itti fufuu kan hin dandeenye ta'uu ammoo akka sababaatti kaahu.
ALI Sadaasa 11, 2011'tti gaaffiin naannoo tahuu ifatti dhiyaachuus, miseensonni mana maree Godinichaa kan ta'an Aabba Tsaggaayee Taaddasaa BBC'tti himaniiru.
Manni maree Godinichaas erga irratti mari'atee booda, gaaffichi sirrii ta'uu amanuun dabarseera jedhu.
Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:
Aabba Tsaggaayee Taaddasaa Mana Maree Naannoo Kibbaatti walitti qabaa dhimmoota sabalammootaati. Godinichatti ammoo Qajeelcha Aadaafi Turizimii keessatti qorannoofi qindeessaa Aadaa, Seenaafi Ambaalee ta'un hojjataa jiraachu himu.
Gaaffiin Mana Maree Godinichaa maalirra gahe jennee gaafanne. Akka isaan jedhanitti murtee Sadaasaan booda, Ji'a Ebla irratti manni maree Godinichaa walitti qabamuun, dhimmicha irra deebiin gamaaggamuu yaadatu.
Haa tahu malee sababa qaama raawwachiisuu tureen, dhimmicha gara fuulduraatti deemsisuun akka hin danda'amne, koreen gabaasa dhiyeeseera.
Achis hojii raawwachiiftuun irra deebiin bakka bu'ummaa fudhachuun, haga Caamsaa 15, 2011tti mana maree naannichaaf gaaffii akka dhiyeessu, gaafas murtaa'uu yaadatu.
Manni maree Godina Gedewoo, naannootti akka gurmaa'u; bulchiinsa of danda'e akka hundeessu murtee dabarseera ka jedhan Aabba Tsaggaayeen, gaaffiin kun garuu haga yoonaa naannichatti akka hin dhiyaanne mirkaneessu.
''Dhiibbaa hojii raawwachiiftuu Paartii naannoo Kibbaa bulchu (WDUK) irraa kan ka'e, koreen hojii raawwachiiftuu mana maree godinichaa ergama isaa galmaan gahuu hin dandeenye,'' jedhu Obbo Tsaggaayeen.
Gaaffiin naannoo tahuu amma maaliif dhiyaate?
Uummanni Gedewoo gaaffii ofiin of bulchuu irra deddeebiin dhiyeessaa turuu, Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa ka ta'an Piroofesar Taaddasa Kiixee BBCtti himan. Haa tahu malee ''gaaffichi ukkaamfamaa ture'' jedhu.
Aabba Tsaggaayee gamasaaniitiin gaaffiin kun mana maree godinichaaf ifatti ka dhiyaachuu eegale, ''2010 keessa erga dhalattoonni Gedewoo godinichaan ala jiran ajjeechaa fi buqqaafamuun irra gahee, mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo barbaachisaa ta'e kennuu dhabuu isaaniitiin'' jedhu.
Wayita sanatti 'wayita rakkoon nurra gahu, otoo miseensa mootummaa federaalaa taanerra tahe, silaa gaaffii keenya kallattiin dhiyeessina ture,'' mirri jedhu ture jedhu.
Qabxiilee gaaffii naannoo ta'uuf kakaasan keessaa bara 2009tti, gaaga'ama godinichatti uumameen, balleessitoonnifi lammiileen nagaa jumlaan otoo addaan hin baafamiin hidhamuu isaaniiti jedhu.
Hidhaa jumlaa kanaanis lammiileen 3000 ol tahan mana hidhaatti erga galanii booda, balleessaan isaanii mirkanaa'uu waan dhabeef gadhiifamuusaanii ibsu.
Manni Maree Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (Human Rights Council) gabaasa yeroo sanatti baaseen, Godinichatti aanaalee garagaraa keessatti haleellaa sabummaa irratti xiyyeeffatee gaggeeffameen, namoonni 31 lubbuu yoo dhaban, kanneen 101 tahan ammoo madaa'aniiru.
Taateen kun hawaasa godinichaa kan rifachiise yemmuu tahu, gochaan gara jabinaa qaamolee nageenyaa mootummaan raawwatame, dhimma ofiin of bulchuu Gedewoo cimsanii akka itti fufan gochuu dubbatu.
Kana gidduutti 2010tti hawaasni Gedewoo Oromiyaa keessa jiraatan kuma kudhanitti lakka'aman buqqaafamuufi xiyyeeffannoon argate gadaanaa ta'uu gaaffichi gara fuulduraa akka dhufu sababa tahuu dubbatu.
Seenaa gaaffii eenyummaa uummata Gedewoo
Uummanni Gedewoo sirna bulchiinsaa jabaa Baalee jedhamu akka qabu Piroofesar Taaddasa ni dubbatu.
Haa tahu malee, bulchiinsa baratamaan ala tahe wayita dhufu - baballina lafaa mootii Minilik irraa qabee diddaasaa agarsiiseera.
Gedewoon mala bulchiinsa lafaa aadaa Darabaa jedhamu kan qabu yogguu tahu, dhuma bara 1880tti, baballachuun waraana Minilik, abbaa lafummaa Gedewoo guutummaatti harkaa fudhateera jedhu.
Gaaffii ofiin of bulchu Gedewoo warren kaasan, taateen seenaa kaasan inni biraan diddaa qonnaan bultootaa ALH 1952tti adeemsifamedha.
Diddaan qonnaan bultootaa kun kan tahe 'Michillee'tti akka ture kan kaasan jarreen dubbisne lameen kun, diddaan qonnaan bultootaa Michillee, gaaffii ofiin of bulchuu Gedewoo keessatti iddoo olaanaa akka qabus ni eeeru.
Piroofesar Taaddasaa gamasaaniitiin, waraana kana booda bulchiinsi Hayilasillaasee naannoo Gedewoo irraa uummatoota kaasuun, kibba Oromiyaatti qubachiisuu dubbatu.
Wayita bulchiinsa Dargiittis, ALH 1971 haga 1973tti diddaa tureef sababni inni olaanaa, oomisha ofii gatii gabaan murteessuun akka gurguruuf kan gaafateefi dhimma koorratti anatu murteessa gaaffii jedhu akka tures ni kaasu piroofesarichi.
Diddaan kunis iddoo Yirgaa Caffeerraa fagaattee argamtu Raagoo Qishaa jedhamtutti taasifame.
Jarreen lamaan kun gaaffiin kun bara ADWUI's itti fufee as gahuu dubbatu.
Waggoota jalqabaa ADWUIn aangoo qabateetti, uummanni Gedewoo uummatoota Sidaamaa fi Kibba Oromiyaa waliin jiraachaa ture jedhan.
Keessumaa refarandamiin 1988tti Godina Gujii fi Godina Gedewoo gidduutti gaggeeffameen, naannoleen tokko tokko gara Oromiyaatti dabalamuu dubbatu.
Piroofesar Taaddasaa refarandamiin wayita sana gaggeeffame seera hordofee gaggeeffamuusaa na shakka jedhu. Ummanni Gedichoo Abbaayaa jiraatan, Gedewoo waliin aanaa tokko turanis gara Oromiyaatti dabalamuusaanii kaasu.
ADWUIn akkuma aangoo qabateen naannoo hundaa'e 'Naannoo 8' keessatti - hawaasni Koreefi Burjii Gedewoo waliin turan kan jedhan Piroofeessarri kun, isaan kunis Oromiyaatti dabalamuu himu.
Uummanni akka Geeddichoo - aadaafi afaaniin Gedewoo wajjin haalaan walitti dhiyaatan, walirraa cituun faffagaataniiru.
Yeroo ammaas Gujii Bahaa fi Lixaatti bakka argaman tokko tokkotti, uummanni Gedewoo faffaca'anii argamu jedhu.
Gaaffiin naannoo tahuu yoo fudhatama dhabewoo?
Obbo Tasfaayee fi Piroofesar Taaddasaan fedhiin uummata Gedewoo naannoo tahuu akka tahe himuun, Naannoo Oromiyaas tahe Sidaamaa wajjiin walitti makamuuf fedhiin uummataa akka hinjirre dubbatu.
Piroofesar Taaddasaan, uummanni Gedewoo horte Kuush tahuusaatiin Oromiyaa fi Sidaamaa wajjin haa walfakkaatu malee, aadaa, afaaniifi eenyummaa ofii akka qabu dubbatu.
Dabalataanis, lafa bal'aa hintaanerraa gabaa giddugaleessaaf buna kan dhiyeessu Gedewoo qofadha jedhu. Godinichi mootummaa federaalaafis tahe biyyaaf shoora gumaachu qaba jedhu.
Gaaffii keenya kaadiroonni fi qaamoleen tokko tokko ukkaamsuuf yaalii godhanis, gaafa Sidaamaan gaaffii naannoo rifarandamiin mirkaneessu, nutis bu'aa bahii tokko malee, naannoo ta'uun nurra ture jedhu.
Naannoo Kibbaatti wayita ammaa sabaafi sabalammoonni 50 ol jiranis, erga Sidaamaan naannoo tahee daangaa lafaan uummatoota kaan waliin walqunnamuu akka hin dandeeye dubbatu. Kanaafis naannoo Kibbaa keessa Gedewoon jira jedhanii yaamuun rakkisaadha jedhu.
Obbo Tsaggayeenis gaaffii keenya heerri biyyattii ni deeggara jedhu.
Heera Mootummaa Keeyyata 47/2 gubbaa- saboonni, sablammiilee fi uummatoonni naannoo tokko jala jiran, yeroo barbaadanitti naannoo ofii hundeessuu akka danda'an lafa kaa'a'' jechuun, ''yoo heera mootummaa ilaalla tahe, qaamni kennuufi dhowwu hin jiru,'' jedhu.
Hojiin gaaffii uummataa mootummaafis tahe qaamolee hundaaf dhiyeessuun ittuma fufa jedhu Piroofesar Taaddasaan.
''Gaaffii keenya yeroo ADWUI ministiroota muummee Mallas Zeenaawii fi Hayilamaariyaam Dassaalanyitti akkasumas, ammammoo MM Abiy Ahimadif dhiyeessinuus, ukkaamfamee tureera. Haga deebii argannutti ittumma fufna,'' jedhaniiru.