Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wal-dhabdee Gujii-Geedi'oo: 'Qe'ee keenyatti deebi'uuf haalli nageenyaa nu yaaddessa'
Itoophiyaa keessatti bara kana namoonni miiliyoona lamatti siqan sababa walitti bu'iinsaatiin bakkeewwan garagaraatii buqqa'aniiru, dhibboota hedduutti kan lakkaawamanis lubbuu dhabaniiru.
Naannoo Ummattoota Kibbaa Magaalaa Diillaatti dhaabbata leenjii teekinikaa kan ture amma namoota sababa waraanaatiin qe'eerraa buqqa'an kumaatamatti lakkaawamaniif da'oo ta'eera.
Ta'us garuu iddoon kun bakka dhalli namaa jiraachuuf itti cimu waan ta'eef ummanni komii kaasaa jira.
Magaalaan kun torbanoota muraasa keessatti da'oo buqqaatota kuma 60 taateetti.
Namoonni kunneen sababa wal dhabdee Oromoo fi Geedi'oo gidduutti Bitootessa darbe mudateen kan buqqa'aniidha.
Hedduunsaanii daa'immanii fi dubartoota garaatti baataniidha. Isaan keessaa dahuu jala kan geese Birtukaan Maaruu akkas jetti.
"Mana kiyyaa waanan hari'ameef as dhufuuf dirqameera. Yeroo namoonni ajjeefaman, ijoolleen wayita gudeedaman, argaan ture. Baayyee suukanneessaadha."
"Garaatti baadhee buufata kana keessa jiraachuun gidirfamuudha. Garuu wayitan naannoo koo ilaalummoo homaa gochuu hin danda'u. Asitti akkamiinan dahuu danda'a" jetti.
Mootummaan qe'ee isaaniitti akka deebi'an itti himullee, "ammallee ajjeechaan hin dhaabbanne, rakkoo hamaatu jira" jetti.
Nageenya waaraa mootummaan buuseera jedhurraa abdii guutuu dhabanis kan akkumashee qe'eesaaniitti deebi'uu fedhanis ni jiru.
Eliyaas Shifarraa, barataa Yuuniversitii Hawaasaati. Godina Gujiirraa akka dhufe hima. ''Namoonni waraana dheessanii as dhufanii jiran hedduudha. Naannoo Oromiyaa bakka namoonni kun irraa dhufan nageenyi wan jiru hin se'u" jedha.
"Buufata kana keessa jiraachuun ni ulfaata. Qulqullina hin qabu, bishaan, nyaati hin jiru. Bakkisaas gaarii miti. Qe'ee kootti deebi'uu nan barbaada, garuu nageenyii fi tasgabbiin hin jiru'' jedha Eliyaas.
Erga Fulbaana darbeetii sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromoo fi Somaaleetiin lammiileen kumaatamatti lakkaawaman qe'eerraa buqqa'aniiru.
Ji'a kana keessammoo walqoccolloon siyaasaa pirezidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee duraanii fi Mootummaa Federaalaa gidduutti geggeeffamaa ture walitti bu'iinsa biroo kan namoota hedduu galaafatee fi hedduu qe'eerraa buqqiseef sababa ta'eera.
Ajjeefamuu fi qe'eerraa buqqa'uun namootaa haala kanaan mudatu nageenya biyyattiif yaaddoo guddaa ta'eera.
Namoonni xiyyeeffannaan dhimma kana ilaalaa turan, gareewwan mirga namoomaaf quuqaman yakka raawwatamaa tureef poolisoota naannoo somaalee komatu.
Ahmad Umar utuu ijaan arguu maatiinsaa magaalaa Jigjigaatti akka ajjeefaman dubbata.
''Maatiin koo namoonni ja'a ajjeefamaniiru. Ijoolleen kiyya ni qalaman, haati warraa koo, obboleettiin koo fi haatikoos ni ajjeefaman. Utuun dhaabbadhee ilaaluu ajjeefaman. Ergasii ofin wallaale.''
Biyyoonni akka Biriiteenii fi Ameerikaa namoota miidhaman deggeruuf maallaqa miiliyoonaan lakkaawamu arjoomanillee, dhaabbileen gargaarsaa garuu ammallee waan baayyee barbaachisa jedhu.
Itoophiyaatti Hoogganaan dhabbata gargaarsaa ICRC James Reynolds akkas jedhu.
"Namoota sababa walitti bu'iinsaatiin buqqa'anii jireenya gadadoo jiraatan hedduu argina, hedduunsaanii manneen hojii mootummaa, dhaabbilee barnootaa fi leenjiitti qubsiiifamuun ummata naannoorraa gargaarsa argataniin jiraatu. Haalli namoonni kunneen keessa jiran baayyee rakkisaadha."
Rakkoowwan qabeenya, daangaa fi fedhiiwwan siyaasaa irratti walqoccoluurraa maddan kan barootaaf utuu hin furamin turan har'a Ministira Muummee Biyyattii Dr. Abiyyi Ahmadiif qormaata ta'aniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad seera maleessummaa hanqisuu fi jijjiirama bu'uuraa gama diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan biyyattii keessatti fiduuf waadaa ummataaf seenaniiru, dhimmi namoota qe'eerraa buqqa'aniis kana keessatti xiyyeeffannaa ni argata jedhan.
"Namoonni qe'eerraa buqqa'an hedduunsaanii qubsiifamaniiru, muraasnimmoo qe'eesaaniitti deebi'aniiru. Kan hin deebines jiru. Hojiin kun yeroo kan gaafatuudha. Irratti hojjechaa jirra, fooyya'iinsis jira. Namoonni akka qe'eesaanii irraa buqqaafamanitti akka deebi'aniif hojjechaa jirra''jedhan.
Namoota qe'ee fi qabeenyasaanii baroota dheeraaf irra turan waraanaan barbadaa'ee isaanis buqqafamanii harka qullaa addunyaa biraa keessa turan bakka duraatti deebisuun garuu qormaata ta'uunsaa hin oolu.