Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buqqaatonni Gedewoo maal keessa jiru?
Waggoota muraasa darban waldhabdee bakkeewwan adda addatti mudaten lammiileen hedduun qe'eerraa buqqa'aniiru. Kanneen keessaas waldhabdee fi buqqa'insi naannoo Gujii fi Gedewootti mudate isa tokko.
Kanumaan walqabatees uummanni Geediyoo qe'ee isaanii irraa buqqa'an deeggarsa argachaa hin jiran komiin jedhu tibbana dhagahamaa jira.
Dhaabbata miti mootummaa buqqaatota Godina Gujii Lixaatii buqqa'an gargaaraa jiran keessaa namni dubbisne tokko gargaarsi hin jiru jechuu wayya jechuun dubbatu.
Kanneen ji'oota muraasa darban Godina Gujiitti baqatan yeroo ammaa gargaarsa dhabuu dubbatu.
Maqaan koo haa hafu kan jedhan namni dhaabbata miti mootummaa buqqaatota gargaaraa jiru keessa hojjetan rakkoon akka jiru himu.
Godina Geede'o Aanaa Gadab irraa kan dubbisne namni kun, gargaarsi hin jiru jechuu wayya jedhu.
Mootummaan gamasaatiin deeggarsi gahaa taasifamaa akka jiru hima.
Hooggansa Komishinii sodaa balaa biyaalessaatti Hogganaa Kominikeeshinii kan ta'an Obbo Dabbaba Zawudee, buqqaatonni Geede'oo 208,000 akka jiran BBC'tti dubbataniiru.
Akka hogganaan kuni jedhanitti, duratti kuma 800 ol turan.
Isaan keessaa kaan qe'eetti deebi'anii kanneen amma hafan 208,000 jechuun dubbatu.
Haa ta'u malee, buqqaatonni Geede'o 54,000 akka jiran qondaalli kuni himu. Kunneenifis gargaarsi ergamuu dubbatu.
Naannoo ollaa irraa buqqa'an jechuu malee sababa itti buqqa'an garuu hin himne.
Geede'oon alatti waldhabdee Oromiyaafi Somaalee, gama Lixa Oromiyaa, Kaaba Amaaraa fi kaaniin lammiiwwan qe'eerraa buqqa'anii deeggarsa fedhan danuudha.
Mootummaan Naannoo Kibbaa lammiilee dhiheenya buqqa'aan ilaalchisuun mootummaan federaalaa gargaarsa akka taasisuuf kan gaafate torban darbe ta'uus Obbo Dabbaban BBC'tit himaniiru.
Itoophiyaan biyya buqqaattota biyya keessaa hedduu qabdu jedhamuun ishee ni yaadatama.