Waraana Tigraay: Naannoo Amaaraa bakka humnoonni TPLF to'atan keessatti haleellaan qilleensaa raawwachuun gabaafame

Naannoo Amaaraa bakka humnoonni TPLF to'atan keessatti guyyoota lamaan darban haleellaan qilleensaa jabaan raawwatamaa akka ture dubbi-himaan TPLF Royitarsitti himan.

Obbo Getaachaw Raddaa Jimaata bilbilaan Rooyitarsitti yoo himan haleellaan qilleensaa jabaan kun waraanni Itoophiyaafi kan deeggartootaa lafoon humnoota TPLF haleeluu akka malan akeekkachiiftuudha jedhan.

Guyyoota Kamisaa fi Jimaatarra naannoo Amaaraatti gama qilleensaafi lafoon haleellaan jabaachuu maddi oduu AFP maddeen qarqaarsa namoomaafi finciltootarraa mirkaneeffadhe jechuun gabaaseera.

Waraanni mootummaa Itoophiyaa fi humnoota TPLF gidduutti erga eegalee jiini 11 kan lakkaawame yeroo ta'u, humnootni TPLF naannoo Amaaraa erga seenanii ji'ootni lakkaawamaniiru.

Waraana lubbuu hedduu gaaga'ee qabeenya guddoo mancaaseefi miiliyoonota qe'eerraa buqqise kana mariin furuuf waywaatni dhaabbilee idila addunyaa hanga ammaa bu'aa qabatamaa hin fidne.

Haleellaa akka haaraatti banameera jedhame kanarratti mootummaan Federaalaa Itooophiyaa haga ammaatti ifatti wanti himame hinjiru.

''Adda waraanaa hundatti humna cimsannaan guddaan adeemaa jira... adda isa kam irraatti haleellaa jabaa akka banuuf deeman hin beeknu'' kan jedhan obbo Getaachew, ''meeshaalee gurguddoofi dirooniin hojiirra oolaa jiru'' jedhan.

Haleellaan qilleensaa Kamisa eegalee, Jimaatas cimee itti fufuu himanii, bakki haleellaan qilleensaa kunniin itti raawwatamaa jiran dhiyeenya magaalaa Wurgeessaafi Wagal Xeenaa, gara bahaatti ammoo naannoo daandii Amaaraafi Affaar walqunnamsiisan ta'uu eeraniiru.

AFPn akka gabaasetti ammoo Obbo Getaachoon: ''Haleellaa adda waraanaa hundaan nutti baname kana akka ofirraa qollannu ofitti amanamummaa qabna,'' jedhan.

Rooyitarsi maddeen isaa dippiloomatii ta'an irraayiis naannoo Wurgeessaa haleellaan qilleensaa raawwatamee akka ture mirkaneeffachuus gabaaseera.

Rooyitarsi bakka biraa obbo Getaachaw eeran ilaalchisee ofiin qulqulleeffachuu akka hin dandeenye ibseera.

Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa, mootummaa naannoo Amaaraafi waajira Ministira Muummee irraa dhimma kana qulqulleeffachuuf yaaliin godhame akka hin milkoofnes gabaaseera.

Kamisa darbe hoogganaan Kominikeeshinii naannoo Amaaraa obbo Gizaachew Muluneh yaada tiwiitara gubbaatti maxxansaniin, ''uummata keenya sababa qaama shororkeessaa TPLF'n dararamaa jiru bilisoomsuuf, oppireeshiniin keessa deebii hin qabne adda waraanaa hundatti yeroo kamittuufi sa'aa kamittuu'' akka raawwatamu ibsaniiru.

Waraana Sadaasa darbe eegaleen Kaaba Itoophiyaatti namootni miiliyoonaan lakkaawwaman harka dhiyeessitoota deeggarsa namoomaa ilaaluuf dirqamaniiru.

Naannoo Tigraay keessatti beelli mudachuu akka malu UN irradeddeebiin ibsaa kan ture yeroo ta'u, aango'oonni TPLF ammoo sababa beelaan namni du'aa jiru baayyee ta'uu himu.

Dhaabbileen deeggarsaa idila addunyaa dhiyeessiin deeggarsaa lubbuu baraaruuf oolu gara naannoo Tigraay akka hin galle danqaaleen hedduun kaa'aman akka ka'an mootummaa Itoophiyaa komachaa jiru.

Mootummaan gama isaan danqaan dhiyeessii deeggarsaarra kaa'e akka hin jirreefi haala dhiyeessiin itti saffisu mijeessuu hima.

US fi EU waliigalteen dhukaasa dhaabuu raawwatamee gaaga'amni namoomaa Kaaba Itoophiyaa dafee hin wayyaa'u yoo ta'e qaamolee waraana kana keessaa hiree qaban hunda irratti qoqqobbii kaahuuf dhaadachaa jiru.