Joo Baayidan qooda fudhattoota waraana Tigraay qoqqobuuf ajaja dabarsan

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraana Tigraayiin wal qabatee qoqqobbii haarawa Itoophiyaa, Eertiraa, ABUT/TPLF fi Mootummaa Naannoo Amaaraa irratti qiyyaafate kaa'uuf ajaja dabarsan.

"Qoqqobbiin kun kanneen waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru akka itti fufu gaafatamoo ta'an ykn qooda qaban, gargaarsa namoomaa kanneen ugguran fi kanneen dhukaasni akka hin dhaabbanne dhorkaa jiran irratti akka qiyyaafannu nu taasisa" jedhan Joo Baayidan ibsa Waayit Haawus baasee irratti.

Ajaji pireezidantichi Jimaata mallatteessan kun Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa namoota mootummaa Itoophiyaa, mootummaa Eertiraa, Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay /TPLF/ fi mootummaa naannoo Amaaraa keessa jiranii fi kaan, marii caalaa waraana itti fufuu filatan itti gaafatamoo akka ta'an aangessa jedha ibsichi.

Qoqqobbiin kun uummata Itoophiyaa ykn Eertiraa irratti osoo hin taane, namoota dhuunfaa ykn qaamolee hokkora oofaa jiranii fi rakkoo namoomaa hammeessaa jiran irratti kan qiyyaafatedha jedhan pireezidant Baayidan.

Namoonni qoqqobbiin kun irra kaa'amu eenyu akka ta'anii fi qoqqobiin irra kaa'amus maal akka ta'e ibsi Joo Baayidan kun ifatti hin himne.

Haata'u malee imbaasiiwwan Ameerikaa Finfinnee fi Asmaraa jiran garuu maqaa aanga'oota qoqqobbiin kun irra kaa'amuu maluu adda baafachuu CNN gabaaseera.

Ameerikaan uummata Itoophiyaa gargaaruu fi hariiroo seena qabeessa biyyattii waliin qabdu cimsuuf kutannoon qabdu itti fufa jedhan pireezidant Joo Baayidan ibsa isaaniin.

Ministirri haajaa alaa US Antonii Bilinken gama isaaniin ''mootummaan Itoophiyaa fi TPLF lola dhaabanii, atattamaafi haalduree tokko malee waraana dhaabuu mariirratti hundaa'e yoo tolchan US qoqqobbii kaahuuf jettu tursiisuu malti'' jechuu Rooyitarsi gabaaseera.

Mootummaan Itoophiyaas ta'e Eertiraa akkasumas naannoo Tigraay kan harkaa qabu ABUT/TPLF dhimma kanarratti amma dura homaa hin jenne.

Murteen Joo Baayidan kun kan dhagaahame waldaaleen dargaggootaa mootummaa Itoophiyaan hidhata qaban 'US dhiibbaa Itoophiyaarratti gootu' akka dhaabdu gaafachuuf xalaayaa dargaggoonni miiliyoona shan irratti mallatteesan Waayit Haawusitti erguuf yeroo qophaa'aa jiranitti.

Waraanni Sadaasa bara 2021 naannoo Tigraay keessatti eegalee, baatilee muraasa darban naannolee ollaa Affaar fi Amaaraa keessatti babal'ate namootni kumaatamni lubbuu akka dhaban, miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'eerraa akka buqqa'an sababa ta'eera.

Ameerikaa fi UN dabalatee mootummoonni biyyoota lixaa dhukaasni dhaabbatee gargaarsi namoomaa kanneen rakkoo keessa jiran danqaa malee akka dhaqqabu irra deddeebiin yaamicha gochaa turan.

Ibsi Joo Baayidan dabalataan maal jedha?

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru namoota hedduu dararaa jabaaf kan saaxilee fi tokkummaa biyyaa Itoophiyaas balaarra kan buusedha jedhan Joo Baayidan.

Namoonni miliyoona tokkotti siqan haala beela fakkaatu keessa jiraachaa jiru, miliyoononni kaan ammoo sababa waraana kanaatiin hanqina nyaataaf saaxilamanii jiru jedhan.

Hojjettoonni gargaarsa namoomaa ugguramanii, dararaan irra gahee, kaanis ajjeefamaniiru jedhan.

Gabaasaaleen ajjeechaa dirqiin gudeeduu fi miidhaa saal-qunnamtii waraaana kana keessatti raawwatamaniin shororkaaweera jedhan Aab Baayidan.

Ameerikaan waraanni kun mariin akka xumura argatu kutannoo qabaachuu fi yaalii hogganooti Gamtaa Afrikaa itti jiran akka deeggartus himan.

Hogganootni UN fi kan Gamtaa Afrikaa; 'rakkoo waraanicha dhaleef furmaatni karaa waraanaa argamu hin jiru' isa jedhan anis ittin waliigala jedhan.

"Hogganoota Afrikaa fi kan guutuu Addunyaa waliin ta'uun qooda fudhattoonni waraanichaa lola akka dhaaban, mirgoota namoomaa akka kabajan, gargaarsa namoomaaf karra akka banan waamichan dhiyeessa" jedhan.

Loltoonni Eertiraa Itoophiyaa keessaa bahuu qabus jedhan.

"Karaan [waraanarraa] adda tahe jira, garuu hogganoonni karaa sanarra deemuu filachuu qabu" jedhan pireezidantichi.

Miidyaan Ameerikaa CNN qondaala olaanaa bulchiinsa Baayidan waabeffachuun akka gabaasetti Ameerikaan ajaja olaanaa pireezidantichi mallatteessan hordofuun battalumatti qoqqobbii hin labsine.

Garuu 'yeroo gabaabaa keessatti qooda fudhattoonni waraanicha dhukaasa dhaabuuf gara marii hin seenan, yoo ta'e, tarkaanfii jajjabaa fudhachuuf qophiidha' ta'uu qondaalli maqaan hin dhahamne kun CNN'tti himaniiru.

Caamsaa darbe yakkoota waraana Tigraay keessatti raawwatamaniiru jedhaman hordofuun Ameerikaan qondaalota mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa irra qoqoobbii viizaa kaa'uun ni yaadatama.

Hagayya darbe ammoo Ministeerri qabeenyaa Ameerikaa ajajaa olaanaa waraana Eertiraa Jeneraal Filiphoos Waldayohaannis qabeenyi inni Ameerikaa keessaa fi bakkeewwan to'annoo Ameerikaa jala jiranii qabu akka hin sochoone qoqqobdeetti.