Waraana Tigraay: Konkolaattonni gargaarsa fe'an 428 Tigraayitti hafuun shakkii uume

Dhaabbileen garagaarsa namoomaa hanga Fulbaana 14, 2021tti konkolaataawwan gargaarsa namoomaa fe’an 590 naannoo Affaar magaala Samaraa irraa gara naannoo Tigraay magaala Maqaleetti bobbaasuu isaanii Waajjirri Ministira Mummee beeksise.

“Sooratni meetrik toonii Kuma 50 ol geejibsiifameera” jedhan dubbi himtuun waajjirichaa Billanee Siyyuum.

Haata'u malee konkolaataawwan fe'uumsaa 428 deebi'anii hin baane jedhan.

Konkolaatonni kunneen maaliif deebi'anii akka hin baanee fi tajaajila akkamii kennaa akka jiran mootummaa biratti shakkii uumeera jedhan Aadde Billaneen.

Haaluma walfakkaatuun Ministeerri Nagaa ibsa torbee tokko dura baaseen, konkolaattonni fe'umsaa gargaarsa fe'anii gara Tigraay imalan, akkaataa hoji-maata lafa kaa'ameen deebi'anii bahuu osoo qabanii achumatti hafuun akka isa yaaddessee fi shakkii akka itti uume beeksisee ture.

"Qabatamaatti ergama deemaniif alatti bobba'anii akka hin jirre qaamni mirkaneessu hin argamne" jedhe ministeerichi ibsa baaseen.

Gama kaaniin balalliiwwan xayyaaraa dhaabbilee gargaarsa namoomaa gara naannoo Tigraayitti adeemsifamus itti fufuus himaniiru.

Gaaffilee dhaabbilee gargaarsa namoomaa biraa ka’aa turan bu’ureeffachuun mootummaan buufataalee sakatta’iinsaa torbaa gara lamaatti hir’isuu kan yaadachiisan Billanee Siyyum, lakkoofsi konkolaataawwan dhaabbilee gargaarsa namoomaa gargaarsa fe’anii imalanii akka hin daballe himaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatiin kan miidhameefi jiraattotnisaa haleellaa TPLFn jalaa kan buqqa’an naannoo Affaar keessatti lammiilee iddoo jireenya isaaniitii buqqa’anif gargaarsi taasifamaa jiraachuu dubbi himtuun Waajjira Ministira Mummee Billanee Siyyum himaniiru.

Haleellaa finciltootni TPLF naannicha keessatti raawwataniin namootni aanaalee jaha keessaa buqqa’uu himuun namoota kunneeniif gargaarsi namoomaa taasifamaa jiraachuu dubbatan.

'...gargaarsa dhiyeessuun danqamaa jira'

Haata'u malee finciltootni TPLF naannoo Amaaraa aanaalee muraasatti gargaarsi namoomaa ummata bira akka hin dhaqqabneef danqaa ta’uu mootummaan Itoophiyaa hime.

“Dhaabbileen gargaarsaa lammiilee siiviilii gargaarsa barbaadan bira akka hin geenyeef TPLF danqaa ta’uunsaa haala jiru hammeessaa jira” jedhan dubbi himtuun Waajjira Ministira Mummee Billanee Siyyum.

Waraana Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay ka’umsa godhatee gara naannolee Affaar fi Amaaraatti babal’ateen lakkoofsi namoota naannoo Amaaraa keessatti buqqa’an walakkaa miliyoona darbuus himan.

Dubbi himtuun waajjirichaa Billanee Siyyum, namootni kunneen godinaalee naannoo Amaaraa: Waagimraa, Kaaba Gondar, Kibba Gondar, Kaaba Walloofi Kibba Walloorraa kan buqqa’an ta’uu himan.

Buqqaatota kunneenif gargaarsi namoomaa taasifamaa jiraatullee aanaaleen godina Kaaba Walloo gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuun ulfaataa itti ta’e jiraachuu Billanee Siyyum dubbataniiru.

“Kutaa Walloo gara Kaabaa aanaalee muraasa kan garee shororkeessaa TPLFn marfamanitti gargaarsa dhiyeessuun danqameera” jedhan.

Godinni Kaaba Walloo iddoowwan sagantaa gargaarsaa Seftineetii jalatti argaman keessaa tokko ta’uu kan himan dubbi himtuun Waajjira MM Billanee Siyyum, godinichi rakkoo wabii nyaataaf saaxilamaa ta’uu dubbatan.

“Kanaanis dhaabbileen gargaarsaa lammiilee siiviilii gargaarsa barbaadan bira akka hin geenyeef TPLF danqaa ta’uunsaa haala jiru hammeessaa jira” jedhan.

Dabalataan “gareen shororkeessaa kun jiruu namoota naannicha keessatti argamanii balleessuun, jiraattoota Kaaba Walloo butuun (hostage) gargaarsi akka isaan hin dhaqqabneef danqaa jira” jechuunis komatan.

Haata’u malee Dubbii Himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) Getaachaw Raddaa ergaa gama miidiyaa hawaasummaa Tiwiitaraan guyyaa tokko dura barreessaniin iddoowwan gareen isaanii to’atee jirufi dhiyeessiin gargaarsa namoomaa itti jirutti humnootiin isaanii gargaarsi namoomaa akka raabsamuuf haala mijeessuu himan.

Kana malees gargaarsi namoomaa namoota barbaachisuuf akka dhaqqabuuf dhaabbilee gargaarsa namoomaa idil addunyaa walin hojjechuuf qophii akka ta’anis barreessaniiru.

Humnoonni mootummaa federaalaa Maqalee gadi dhiisanii bahuu hordofee humnooti Tigraay naannolee Affaar fi Amaaraa bakkeewwan tokko tokko to'annoo isaanii jala oolchanii jiru.

Mootummaan federaalaa fi Naannoon Affaar naannoo Afaar seenanii kan turan finciltoonni TPLF haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Addaa Affaarin irratti fudhatameen naannicha guutummaatti gadhiisanii bahusaanii hima.

Dubbii himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) Getaachaw Raddaa immoo “kan baane mo'amne miti” jechuun Rooyitarsiif himunsaanii ni yaadatama.

Raayyaan Ittisaa fi humni addaa fi milishaan Amaaraa bakkeewwan naannoo Amaaraa humnooti Tigraay to'atan gadhiisisaa jiraachuu himu.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Roobii ibsa baaseen dargaggootni Tigraay karaa nagaa raayyaa Ittisaa Itoophiyaatti harka akka kennatan waamicha dhiyeesseera.

Waraana kana akka injifatu himuun, dargaggootni haarsaa hin mallee kafaluu akka hin qabne hubachiise.

Waraana Sadaasa darbe eegaleen lubbuun namoota kumaatamaan lakkaa'amanii yoo darbu miliyoonotaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.