Somaaliyaatti dhabamuun basaastuu tikaa muddama siyaasaa haaraa uume

Pirezidaantii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahi Farmaajoo wal dhabdeen gidduu isaanii dabalaa dhufnaan aangoo ministera muummee xiqqeesse.

Farmaajoon Mohaammad Huseen Rooblee ''maal na dhibdeen tarkaanfii rakkoo siyaasaa fi nageenyaa fidu fudhate,'' jechuun komata.

Garuu Aabba Roobleen ajaja kana hin fudhadhu, heeraan ala jechuun morme.

Wal dhabdeen basaastuun Somaaliyaa dhabamnaan eegale sodaa walitti bu'insa humna waraanaa morkattoota lamaanii gidduutti fiduu danda'a jedhu kaaseera.

Ikraan Tahilil ganna 25 kan taate ji'a Waxabajjii keessa isa dhumaaf kan argamte yeroo konkolaataan manaa baatedha.

Mootummaan Aadde Tahilil butamuun al Qaayidaatti hidhata kan qabuu fi Somaaliyaa keessatti haleellaa jajjabaa kan geesisuufi ammayyuu bakka hedduu biyyichaa qabatee kan jiru al-Shabaabiin ajjeeffamte jedhe.

Haa tahu malee al-Shabaab himata kana haaleera. Gareen kun aanga'oota mootummaa wayita ajjeesu raawwachusua ni amana.

Ministirri muummee dhabamuushee hordofee hogganaa ejensii tika biyyattii Fahaad Yaasin hojiirraa dhorke. Basaastuu kana irra maaltu gahe kan jedhu sa'a 48 keessatti gabaasuu dhiisuun ajajakoo cabsiteetta jechuun hojiirraa dhorke.

Garuu pirezidaantichi gidduugaluun ministirri muummee aangoo qondaala kana ari'uu hin qabu jechuun Mr Yaasiniin hojiitti deebise.

Akkasumas pirezidaantichi murtoo ministirri muummee ministira nageenyaa hojiirraa ari'uus mormeera.

Pirezidaanti Faarmaajoon komishinii dhabamuu basaastuu kanaa qoratu hundeessera. Garuu haati ishee Qaalii Mohaammad manni murtii waraanaa akka dhimmicha ilaalun barbaada jechuun tarkaanfii Farmajo hin fudhanne.

Kamisa waajjirri pirezidaantii hanga filannoon gaggeeffamutti aangoon ministira muummee nama muuduu fi ari'uuf qabu kaafameera jedhe.

Biyyi Gaanfa Afrikaa kun Onkoloolessa 1 hanga 25 gidduu filannoo paarlaamaa al kallattii gaggeessiti jedhamee eegama.

Sa'aatii muraasaan booda ammoo Mr Roobleen murtoo ''seera qabeessa hin taane hin fudhadhu,'' jedhe. Ministirri muummee qajeeltoo heeraa aangoo dhaabbilee mootummaa adda baasu akka kabaju yaadachiisa,'' jedhe ibsa isaan..

Dilbata I/A Hogganaa UN, Amiinaa Mohaammad pirezidaantichaa fi ministira muummee waliin mari'achuun ''tarkaanfii jeequmsa kakaasu fi filannoo ammas dheeressu ykn fudhatama dhabsiisu'' irraa of eega jechuun waamicha gooteef.

Gaggeessitootni lamaan ji'a Ebla keessas murtoo pirezidaantichi filannoo tursiisuuf dabarse irratti akkaan wal dhabanii ture.

Humni waraanaa morkattoota lameenii Somaaliyaa keessatti walirratti dhukaasnaii ture.

Tajaajilli tikaa Somaaliyaa qoqqoodameera

Xiinxala Muhyadin Rooble, Gulaalaa BBC Somali

Walitti bu'insi booda kanaa haalaan sodaachisaadha. Hoggantootni tikaa bakka lamatti qoodamaniiru. Ejensiin Tika Biyyaalessaa hoggantoota yeroofii lama qaba.

Tokko pirezidaantichaan kan muudame, kaan ammoo ministira muummeetiin.

Ajajaan pirezidaantichaan muudame amma waajjira muummee tikaa qabateera. Kan ministira muummeen muudame ammoo waajjirichaan ala kan hojjetu yoo tahu, faayinaansii isaa to'ateera, akka maddeen mootummaa irraa argamaniitti.

Humni waraanaa fi ajajootni poolisiis akkasuma wal qoodaniiru. Muddamni kun walitti bu'insa waraanaa fiduu mala jedhamee sodaatama. Humnootni waraana mootummaa morkattoota lameenii kana duras magaalittii qabachuuf jecha walitti bu'anii ture.

Kamisa darbe kanas humni poolisii wal dhabdee lafaa namoota dhuunfaa irratti humna waraanaa lolaa turan.

Wal qoqqooduu fi muddamni akka kanaa siyaasaa fi humna waraanaa keessaa biyyatti haleellaa garee hidhattootaa akka al-Shabaabiif saaxiluu danda'a.