Lammiilee Yamanitti ugguramanii jiran biyyatti deebisuun tumsa dabalataa gaafata-IOM

Baqattoota Yaman irraa deebi'uuf qophaa'an

Madda suuraa, IOM

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoota Yaman irraa fedhiisaaniitiin deebi'uuf qophaa'an

Lammiileen Itoophiyaa 5,000 ta'an biyya waraanaa fi weerara Covid-19'n raafamaa jirtu, Yaman, keessaa ba'uun biyyattii deebi'uuf danqamanii jiraachuu Dhaabbati dhimma Baqattootaa Idil-addunyaa(IOM) hime.

Torban kana keessa baqattoonni 300 ta'an xiyyaara IOM kan namoota fedhiisaaniitiin biyyatti deebisuun magaalaa Aden irraa gara Finfinnee imaluuf jiru.

Dhaabbati kun hanga xumura bara kanaatti torbanitti balaliinsa yeroo lama mijeesuun baqattoota kunneen biyyatti deebisee xumuruuf karoorfachuu hima.

Keessattuu baqattoota bakka waraanni itti hammaatu Ma'rib keessatti danqamanii jiran baraaruuf akka xiyyeeffannaan hojjetu hima.

"Erga weerarri koronaavaayirasii eegalee baqattoonni Yaman keessa jiran dagatamanii danqamanii jiru,'' jedhan qondaalli IOM damee Yaman John McCue.

Akka IOM jedhutti bara 2021 keessa hanga yoonaatti baqattoonni 597 Aden irraa gara Finfinneetti balaliinsa shaniin imalaniiru.

79kan ta'an ammoo magaalaa Sana'aa irraa deebifamaniiru.

IOM hojii kana itti fufsiisuuf hawaasa idil-addunyaarraa doolaara miiliyoona sadi, akkasumas qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa fi Yaman irraa tumsa cimaa akka barbaadu ibseera.

"Lammiilee haala hammaataa keessatti danqamanii jiran kumaan lakkaa'aman baraaruun kan danda'amu yoo hundinuu keessatti hirmaatedha,'' jedhan Aab McCue said.

Lammiileen 32,000 ta'an Yaman keessatti rakkoo hammaataaf saaxilamanii jiraachuu kan himu IOM, baqattoonni kunneen sababa weerara koronaavaayirasii fi uggurri sochii daangaarra kaa'ameef jecha gara Sa'uudii Arabiyaatti ce'uu rakkatanii gidduutti rakkachaa jiru jedhe.

Baqattoonni kunneen daandiirratti rakkoo hamtuu arganis gara biyyaatti deebi'uuf ammallee abdii hin qaban.

Bara 2020 keessa qofa godaantonni 18,200 ta'an daandiima warri duraa irra imalan fayyadamuun Yaman galan.

Godaantota kunneen hedduunsaanii lammiilee Itoophiyaa ta'an faddaaltota seeraan alaatu karaa Jibuutii fi Somaaliyaa gara Yaman dabarsu.

Imala kanarratti hedduun galaanatti dhidhimuun lubbuu dhabaniiru, kaan ammoo reebichi suukanneessaan irratti raawwatameera.

"Baayyeen reebame, hidhameeras, na hacuucaniiru,'' jetti shamarreen waggaa 24 kan tibbana biyyatti deebite.

Akka ragaa IOMtti bara 2019 keessa baqattoonni 138,00 Yaman galaniiru, bara 2020 37,500 akkasumas bara 2021 ammoo 12,600'tu gara Yaman imalanii jiru.