Human Rights Watch: Yaman keessatti godaantonni Itoophiyaa 'ajjeefamaa jiru'

Ibsa waa'ee viidiyoo, Godaansa: Yamanitti hidhattoonni Huutii godaantota Itoophiyaa ajjeesaafi ari'aa jiru

Godaantotni Itoophiyaa hedduun daangaa Yamaniifi Saa'udiitti hidhattoota Huutii fi loltootaa daangaa eeganiin ajjeefamuu 'Human Rights Watch' gabaasa baase.

Dhaabbatichi odeeffannoo godaantota lubbuun oolan irraa argadhe jedhee gabaasa qopheesse kanaan godaantotni hedduun harka hidhattoota Huutii kan Yamaniifi loltoota Saa'udii daangaa eeganitti ajjeefamaniiru jedha.