Koronaavaayiras: Gosti Covid-19 Deltaa jedhamu Itoophiyaa keessatti argame - Ministeera Fayyaa

Koronaavaayiras

Madda suuraa, Getty Images

Saffisa baayyee ol-aanaaa ta'een kan tatamsa'uufi baayyee hamaadha jedhame gosti koronaavayirasii Deltaa jedhamu Itoophiyaa keessatti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministirri fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa haala koronaavaayiras Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisuun ibsa yeroo kennanitti akka dubbatanitti, gosti Covid-19 haaraa isa kanaan dura ture caalaa hamaadha.

Gosti koronaavaayiras Deltaa jedhamu, "nama umurii hunda keessa jiru kan miidhu, dhukkuba cimaafi du'aafillee kan saaxiludha. Keessumaa ammoo warra hin talaalamiin irratti kan hammaatudha," jechuun ibsan.

Gosti Covid-19 haaraan Itoophiyaa keessatti mul'achuu isaa qorannoon gaggeeffamaa akka jiru torbanoota dura ministirri fayyaa kun beeksisanii turan.

Wiirtuun To'annoofi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) akka jedhutti, gosti Covid-29 Deltaa jedhamu gosa vaayirasichaa isa kaan caalaa dachaan babal'achuu kan danda'uufi dhukkubbii cimaa kan qaqqabsiisudha.

Gosti koronaavaayirasii inni haaraan kun namoota talaallii guutummaatti fudhatan irratti miidhaan inni geessisu gadi aanaa akka ta'e himama.

Itoophiyaatti talaalliin weerara dhibee kanaa ittisuudhaaf taasifamu guyyaa jalqabeerraa kaasee hanga guyyaa kaleessatti namoonni miliyoona 2.5 ol ta'an talaalamaniiru.

Akka Dr. Liyaan jedhanitti, torbanoota darban keessa biyyattii keessatti lakkoofsi namoota weerara koronaavaayirasiin qabaman, du'aniifi dhukkuba cimaaf saaxilamanii baayyisee dabalaa jira.

Akka gabaasa guyyuu waa'ee Covid-19tti Wixata A L I Qaammee 1, 2013 qorannoon laaboraatoorii namoota 6,679'f taasifamee, namoonni 1,190 koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'eera.

Akka gabaasa guyyaa kanaatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman 22 du'anii, 727 kan ta'an ammoo wal'aansa namoota dhukkubni itti cimeef taasifamu hordofaa jiru.

Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman 316,174 qaqqabeera. Gama biraan ammoo namoonni 285,904 ta'an dhibee kanarraa fayyaniiru.

Biyyattii keessatti dhukkubni koronaaavaayirasii baayyee saffisaan daddarbuu itti fufeera jechuun ministeerri fayyaa torbanoota muraasa dura qajeelfamoota tarkaanfiiwwan of-eeggannoo ittisaaf fudhatamuu qabu jedhu foyyeessuun sirriitti hojiirra akka ooluuf ajajuun isaa ni yaadatama.