Koronaavaayiras: Itoophiyaatti weerarri COVID-19 sadaffaan muul’achuu Ministeerri Fayyaa beeksise

Madda suuraa, AMANUEL SILESHI
Weerarri koronaavaayirasii marroo sadaffaan (third wave) Itoophiyaatti muul'achuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
FBCn akka gabaasetti, Itoophiyaatti torbee darbe weerara koronaavaayirasiitiin namoonni kumni 5 fi 547 qabamaniiru.
Guyyaa tokkoo keessaatti namoonni 1,000 ol vaayrasichaan qabamu kan ibsan Dooktar Liyaan, weerarichi kan kanan duraa tureerraa dachaan dabaluu himaniiru.
Yeroo ammaa tatamsa'inni dhibee kanaa dabaluun kan mul'isu weerarri vaayrasichaa sadaffaan biyyattitti muul'achuu isaa akka agarsiisu dubbatan Dr. Liyaan.
Kana ta'uun hubatamee, of eeggannoon kana dura taasifamuu cimee itti fufuu akka qabu Dr. Liyaan yaadachiisaniiru.
Itoophiyaan qajeelfama COVID-19 ittisuufi to'achuuf bahe foyyaa'uu
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota COVID-19n du'aniifi kanneen cimaa dhukkubsatan haala baayyee rifaasisaa ta'een dabalaa jiraachuu himuun qajeelfamni dhibee kanaa ittisuufi to'achuuf bahe torban darbe akka haaraatti foyyaa'uun isaa ibsameera.
Qajeelfamni Ministeerri Fayyaafi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa torbanuma kana keessa foyyeessanii baasan kun A L I Hagayya 13, 2013 irraa kaasee hojiirra oola jedhameera.
Akka qajeelfama foyyaa'ee bahee kanaatti namni kamiyyi osoo maaksii hin godhatiin socho'uun dhorkamaa yoo ta'u, kun ammoo daa'imman umuriin isaanii waggaa ja'aa ol ta'e kan dabalatudha jedhameera.
Namoota biyya tokkoo gara biyya biraatti ce'anirraan kan hafe buufata xiyyaaraa idil-addunyaa biyyattiirraan namoonni umuriin isaanii waggaa 10 ol ta'e hundumtuu qorannoo Covid-19 bu'aan isaa negatiiva ta'e saatii 120 ykn guyyoota shanii ol hin turre qabatanii dhufuu qabu akka qajeelfama haaraa kanatti.
Kana malees, imaltoonni alaa galan guyyoota torbaaf adda of baasanii turuu qabu.
Reeffa yeroo qixeessuufi gaggeessuuttis mana keessatti ykn bakka kanaaf qophaa'etti of eeggannoon barbaachisu taasifamuun akkuma jirutti ta'ee namoonni boo'ichaaf deeman ammoo 50 caaluu akka hin qabne ajaja qajeelfamni kun.
Sirna awwaalchaa booda namoonni warra boo'ichaa jajjabeessuuf dunkaana keessa, mana keessa ykn bakka kanaaf jedhamee qophaa'etti walitti qabanis 50 ol ta'uu hin qabu.
Qajeelfama qaamaan walirraa fagaachuu eeggachuu, akkasumas maaskii afaaniifi funyaan ittiin haguugatan godhachuu qabu jedhus cimsee kan itti fufu ta'a jedha.
Yeroo walga'iin jiruttis of-eegannoowwan Covid-19 kennaman haala hordofeen namoonni hanga 50 ta'an walitti qabamuu danda'u jedha.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Finfinneen namoota miliyoona tokkoo ol talaalchisuuf
Kun osoo kanaan jiruu magaalaan Finfinnee jiraattota magaalattii miliyoona tokkoo ol ta'an talaalchisuuf akka karoorfateeru Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Talaalliin marsaa kana kennamus namoota kanaan dura talaallicha hin fudhatiin, kanneen umuriin isaanii waggaa 35 ol ta'eefi kanneen umuriin isaanii waggaa 18 ta'ee garuu dhibee fayyaa dhibii qabanidha jedhameera.
Kanaan alattis namoonni amalli hojii isaanii kan COVID-19f isaan saaxiluu danda'u jedhame waajiraalee mootummaafi miti-mootummaa 105 keessaa adda baafamanidha jechuun Hogganaan Biiroo Fayyaa FInfinnee r. Yohaannis Caalaa ibsaniiru.
Dhaabbileen hojjetoonni isaanii akka talaalliin kennamuuf dursi kennameef keessaa seektara geejjibaa, baankiiwwan dhuunfaafi kan mootummaa, komishiniin poolisii Federaalaafi Finfinnee keessatti argamu.
Talaalliin kanneen akka Astiraazaanekaa, Siinoofarm fi Joonsan ende Joonsan jedhaman gargaarsaan biyyoota torba irraa argaman gara Itoophiyaa galaa jiraachuunis himameera.
Dr. Yohaannis talaaliiwwan kanneen ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, "Maqaa talaaliiwwan kunneen ittiin waamaman addaa adda ta'us, nageenyi isaaniifi humni isaanii dhibee kana ittisuuf, akkasumas dhukkuma hamaaf saaxilamuufi du'aatii qaqqabuu malu hir'isuu keessatti hundi isaanii bu'aa wal fakkaatu qabu. Kana hubachuun hawaasni sodaa tokko malee gara buufataaleen fayyaa mootummaa deemuun talaallii bilisaan fudhachuun ofii isaafi maatii isaa weerara hama kanarraa eeguu qaba," jedhan.
Koronaavaayirasiin erga Itoophiyaa seenee kaasee miidhaa hamaa qaqqabsiisuu baatus, torbeewwan afran darban keessa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii, gara wallaansa dhukkubsattoota cimaa dhukkubsataniitti geeffamaniifi namoonni haaraa qabaman haala yaaddeessaa ta'een, keessumaa magaalaa Finfinnee keessatti dabaluu isaa Dr. Yohaannis himaniiru.
Weerarri dha'icha sadaffaa (thir wave) biyyoota Afrikaa keessatti mul'atee ture, mallattoon isaa Finfinnee keessatti akka argamaa jirus himaniiru aanga'aan kun.















