Covid-19: Jarmaniitti narsiin bakka talaallii Covid makaa bishaan fi ashaboo kennite jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Kaaba Jarman keessatti narsiin tokko bakka talaalli Covid waan 'Saline' jedhamu kennuu ishee hordofuun, aanga'oonni namoonni 8,000 irra deebiin talaallii akka fudhataniif gaafataa jiru.
Poolisiniis jiddugala talaallii dhiheenya daangaa Firiislaandiitti argamuutti gochaa narsii tanaa qorataa jira jedhame.
Jalqaba baatii Bitooteessaa fi Ebla keessa namoonni jaha makaa bishaaniifi ashaboo miidhaa hinqabaannee kennamufiin barame ture.
Namoota talaalliin kun kennameef keessaa baayyeen isaanii maanguddoota waggaa 70 ol kanneen dhubbichaaf caalaa saaxilamtoota ta'anidha.
Qorataa Piitar Biiraa miidiyaa biyya Jarman keessaa tokkootti akka himaniitti, narsiin waggaa 40 taate tunis koronaavaayirasii ilaalchisuun karaa miidiyaa hawaasaatiin qabiyyaawwan qeeqa of keessaa qaban maxxansaa turte.
Akkasumas uggurawwan sochii tamsa'u vaayirasichaa dhorkuuf mootummaan baasu qeeqaa akka turtes qorataan kun ibsan.
Miidiyaan naannoo NDR jedhamu tokko akka gabaasetti, namoonni 8,557 irra deebiin talaallii akka fudhataniif kan gaafataman yoo ta'u, kanneen 3,600 beellama haaraa qabachuun mirkanaa'eera.
Baatii Ebla keessa qaruuraa talaallii lafatti kufistee cabsuu dhoksuuf jecha namoota jahaaf makaa bishaan fi ashaboo kana kennuu amante turte.
Haata'u malee qorannoo poolisii hordofuun namoonni hedduun bakka talaallii Covid bishaan ashaboo waraannachuun gara manaa deebii'uun bira gahameera.
Poolisiin narsiin tunis kaayyoo siyaasaatiif gocha kana raawwachu dandeessi jechuun kan shakke yoo ta'u, abokaatoowwan ishee garuu kana hinfudhatan. Akkasumas lakkoofsa namoota makaa bishaan fi ashaboo warraannatan jedhame irratti falmii kaasaniiru.
Dhimmicharratti ragaaleen dabalataa jecha ragaasaanii kennaa kan jiran yoo ta'u, hanga ammaattis dhimmicharratti himannaan hinbanamne.

Erga Covid mudateen booda Jarman mormiiwwan farra talaallii hedduu keessummeessitee jirti.
Gareewwan warra harbeessitootaa (Far-right) kanneen ragaa babal'achu Covid-19 irratti motummaan baasuu fi waan irra gahame hinfudhannee keessayi.














