Covid-19: Chaayinaan buufata dooniishee guddicha gartokkeen cufuun yaaddoo uume

Madda suuraa, VCG
Chaayinaan sababii Koronaavaayirasitiin buufata dooniishee guddicha walakkaan cufuun dhiyeessii omisha addunyaarratti dhiibbaa qabaata jedhamuun yaaddoo uumeera.
Buufata Ningbo-Zhoushan jedhamu irratti erga hojjataan buufatichaa tokko Covid-19 gosa Delta jedhamuun qabamuun barameen booda guyyaa Roobii irraa kaasuun tajaajillawwan dhaabataniiru.
Buufanni doonii Ningbo-Zhoushan kun baha Chaayinaatti kan argamuufi buufa daldala kaargoo addunyaa sadaffaadha jedhameera.
Cufamuun buufata kana ammoo adeemsa daldala ho'aa tibba ayyaana gannoo (qilleetti) gaggeeffamuun dura ta'unsaa dhiibbaa olaanaa umuu mala jedhamee sodaatameera.
Hanga beeksiifni biraa qaqqabutti buufannii odoola Meeshaan irratti geejibsiifamu cufamuun, dandeettii buufatichi konteenaroota keessummeessuuf qabu nuusaan ni hir'isa jedhameera.

Madda suuraa, Getty Images
Akka dhaabbata Freightos Baltic global kan taariifa imalaa irratti odeeffanno kennu jedhutti, gatiin Chaayinaa fi Kibba-baha Chaayinaatii gara Ameerikaatti itti konteenarri meeshaan fe'amu durumaanu haala olaanaa ta'een dabaleera.
AKkasumas daldaltoonni UK tokko tokoo sababii kanfaltii fe'uumsaa olaanaa kanaatiin dhiibbaa olaanaan irra gaheera.
Gorsaa Osheen Ispring kan ta'an Jasan Chiyaang weerarichi baatiiwwan muraasa dhufaniif indastirii dadabarsuu meeshaalee addunyaa irratti dhiibbaa olaanaa ni taasisa jechuun gabaasaan Daldala Ashiyaa BBCtti himaniiru.
''Hanga waggaa lamaatti dandeettii deddebbiisuu daldalaa haaraa ni agarsiifna jennee eegna. Yeroo ammaa kaasee hanga waggoota dhufan lamaa jiranis kan weerarichaan murteeffamaniidha,'' jedhan.
Buufanni Ningbo-Zhoushan kunis Shangaayii fi Siingaapooriitti aanee buufata fe'umsa addunyaa isa guddaadha













