Sa'uudii Arabiyaan namoota talaallii fudhataniif imala Umraa eeyyamuuf

Musilaamtoota fageenya isaanii eeggachuun kadhannaa taasisaa jira, Muddee 1, 2020 Masjiida guddichatti

Madda suuraa, Reuters

Sa'uudii Arabiyaan namoota talaallii Covid-19 fudhachuun imala Umraaf gara magaalaa Makkaa seenan simachuu eegaluuf.

Aanga'oonni biyyattii Wiixata irraa kaasee gaaffilee imalaan walqabatan ni simachuu jalqabu jedhame.

Sa'uudiin sababii koronaavaayirasitiin walqabatee baatiiwwan 18 dura ture kan daangaashee cufatte.

Hagayya 1 irraa kaasee ammoo dowwattoonni talaalaman biyyattii akka galaniif hayyamameef.

Baatii darbe, jiraattota 60,000 talaallii fudhatan qofaatu akka hirmaatan taasifaman.

Imalli Hajjii utubaa amantii Islaamaa keessaa tokko ta'ee, namni dandeettiisaa qabu kamuu jireenyasaa keessatti al tokko gara magaalaa Makkaatti imaluun kan raawwatudha.

Imalli Hajjii waggaatti yeroo murtaa'e qabametti kan raawwatamudha: Bara 2022 keessa Adoolessa 7-12tti gaggeeffama.

Haatahu malee imalli Umraa waggaa keessatti yeroo kamuu kan raawwatamuu danda'u yoo ta'u, addunyaa guutuurraa namoota miliyoonotaan lakkaa'amantu irratti hirmaata.

Imaltoonni akkasumas magaalaa qulqulluu biraa Madinaas ni daawwachuu danda'u.

Sa'uudiin akka jalqabbiitti baatii tokko keessatti amantoonni 60,000 qofti akka kadhannaa taasisaniif hayyamti. Lakkoofsi kun garuu gara boodaarra dabaluun ji'aan namoota miliyoona lama qaqqabuuf karoorri jiraachuu Ejansiin Piresii Saawudii (SPA)n gabaase.

Sa'uudii Arabiyaan talaalliiwwan akka Pfizer/BioNTech, Oxford-AstraZeneca, Moderna fi Johnson & Johnson fa'iif beekkamtii kenniteetti.

Daawwattoonni biyya alaa yoo barbaachisaa ta'e adda baafamanii turuuf waliigaluu akka qabaatan Ejansichi Ministira Ittaanaa Haajji, Abdulfaataah bin Suleemaan Maashat eeruun gabaaseera.

Biyyattiin namoota koronaan qabaman 532,000 kan galmeessite yoo ta'u, namoonni 8,300 ammoo lubbuu dhabaniiru.

Gama biraatiin ammoo, maatii hojjattoota fayyaa kanneen sababii koronaavaayirasiitiin lubbuu dhabaniif beenyaa kanfaluuf akka ta'e miidiyaan mootummaa gabaaseera.

Bara darbe tokkoon tokkoo maatii beenyaa riiyaala 500,000 ykn doolaara 133,000 ni argatu jedhamee ture.