Sa’uudiin sodaa koronaavaayirasiif jecha hajjii baranaa dhorkite

Salaata

Madda suuraa, AFP

Sa’uudii Arabiyaan yaaddoo tatamsa’ina koronaavaayirasii irraa kan ka’e biyyoota addunyaa garaagaraa iraa namoonni garashee imalanii Hajjii baranaa akka hin raawwanne ifatti dhorkiteetti.

Akka ibsa mootummaa Sa’uudiitti namoota biyyattii keessa jiraatan muraasatu Hajjii baranaa irratti hirmaachuu danda’u.

Osoo sababa weerara koronaavaayirasiitiin dhorkaan kun hin kaa’amne ta’ee ganna baranaa namoota miiliyoona lama caalantu Hajjii irratti hirmaatu turan jetti Sa’uudiin.

Sirni hajjii guutummaatti ni haqama sodaan jedhu hawaasa muslimaa biraa dhagahamaa ture.

Amantii Islaamaa keessatti iddoo guddaa kan qabu Hajjiin lakkoofsa baraa hawaasa muslimaafis ka’umsadha.

Hajjiin baranaa garuu lammiilee biyya alaa yookiin lammiilee Sa’uudii Arabiyaa biyyattii keessa jiraatan muraasa irraa kan hafe addunyaa biraa irraa garas imalanii raawwachuun akka hin danda’amne mootummaan Sa’uudii Arabiyaa ibseera.

Aanga’oonni biyyattii akkas gochuudhaan seera walirraa hiiquu hawaasaa kabachiisuun akka danda’amu, facaatii koronaavaayirasiis to’achuun akka danda’amu amanu.

Sa’uudii Arabiyaa keessatti hanga ammaatti namoonni 161,005 koronaavaayirasiin qabamaniiru, 1,307 ammoo du’aniiru.

Biyyattiin Dilbata darbe uggura sochii hawaasaa keessee kaasteetti.

Hajjiin maali?

Hajjiin utubaawwan amantii Islaamaa shanan keesaa tokko.

Muslimni fayyaa qabu, kan baasii isaa danda’u, sirna Hajjii kana raawwachuun utubaawwan amantii Islaamaa keessatti dirqama ta’an shanan guutuu qaba.

Haala kanaan muslimoonni waggaa waggaan magaalaa Makkaatti argamuun iddoon kabajaa sirni Hajjii kun itti raawwatamu, Ka’abaa, naanna’uun dirqamasaanii ba’u.

Hawaasni muslimaa kan gara Ka’abaa deemu, sirna umraa fi Hajjii raawwachuuf.

Achirrattis jireenya haaraa fi addunyaa fooyya’aatti akka rabbi dabarsuuf kadhannaa godha.

Kanas hawaasa muslimaa miiliyoonaan lakkaa’amutu bakka tokkotti walga’ee waliin raawwata.