Komii imaltoota hajjii Sa'uudii Arabiyaa jiranii

Ka'abaa

Madda suuraa, Anadolu Agency

Hawaasni muslimaa hajjiif gara Sa'uudii Arabiyaa deeman kanaan dura dhuunfaadhumaan maallaqasaaniitiin kan imalaa turan yoo ta'u, boodarra karaa Gumii Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaatiin ta'eera.

Ergasii gumichi dhimmoota hajjii fi umraa hunda ilaallatan mijeessaa tureera.

Yeroo ammaa garuu hajjaajotni tajaajila argachuu malle argachaa hin jirru jechuun komii kaasaatti jiru.

Namoonni hedduun wayita sirna hajji raawwatan Itoophiyaarraa eegalee hanga dhaqanii bakka sirni kun itti raawwatu makkaa ga'anitti rakkoo hedduun akka isaan mudatu dubbatu.

Erga makkaa ga'aniimmoo mana dhiphoo qulqullina hin qabne keessa nama hedduu ta'anii bulu, nyaata seeraan hin argatan, geejjiba bakka yaadaniin isaan ga'u hin argatan.

Maallaqa keenyattis hin hafne, maallaqas baafnee irraa hin fayyadamne, biyya ormaatti namaa gadii taanee sadarkaa ilaalamuurra geenyeerra jedhu namoonni yaada BBC'f kennan.

Qarshii kuma 95 kaffaluun sirna hajjii raawwachuuf namni gara makkaa imalanii jiran Zeenuu Shaafii akkas jedhu.

''Nuti hadholii keenya, haadha warraa keenyafaa qabannee dhufne, maal ha nyaatan jarri kunniin? Waan nyaatanii hin beekne, nyaata ajaayaa akkamiin nyaatu?"

"Rakkoo keenya kana kan hubatan namoonni harar konkolaataadhaan dhufanii nu gargaaraa jiru. Firaashiin irra ciisnu ciccitaa, kan ajaayudha. Rakkoon kun nurratti raawwachuu qaba, dhaloota nu boodaatti darbuu hin qabu.''

Makkaatti kan argaman Abubakar Alamu haala keessa jiran yoo ibsan, ''namni baayyeen tajaajila maallaqa kaffaleen walgitun argadha jedheeti kan dhufe, garuu guyyoota lama madiinaatti mana sadarkaansaa gadi bu'e keessa buluuf dirqamneerra" jedhu.

"Biyyichi baayyee ho'a, garuu manni keessa bullu waan qabbaneessu hin qabu. Walumaa galatti sirni hajjii kun malaammaltummaa fi dhabiinsa bulchiinsa gaariitiin kan laaqamedha.''

Rakkoo hajjaajota irra ga'u kan bubbule ta'uu fi hanga yoonaa furmaata dhabee hinumaa yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufuu kan dubbatan Hoogganaan sab quunnamtii Koree Fala Barbaadduu Hawaasa Muslimaa Uztaaz Kaamil Shamsuu, rakkoon asuma Itoophiyaarraa eegala jedhan.

Buufata xiyyaaraatti kaffaltii dabaluu fi yeroo balaliinsaa jalaa tursiisuudhaan namoota iddoo bulaniifillee rakkatan lafarra bubbutuun rakkoo hundee jabeeffateedha jedhan Uztaaz Kaamil.

"Akkumasaatti imala eegalanii wayita dhaqanii makkaa ga'an immoo mana keessa bulaniifi geejjiba dhabuurraan kan ka'e ni dhiphatu, kan nama gaddisiisu namoota kunniiniif daabboo gogduu peestaalatti hidhanii kennuuf jedhu Uztaaz Kaamil.

''Yennaa dhaqanii madiinaatti bu'an waan badaatu isaan eeggata. Hoteelli keessa bulaniifi geejjibni fayyadaman baayyee gadi bu'aadha. Achii Makkaa wayita galanis hanga hoteela tokko keessa nama saddeetiin buluutti dhiphatu" jedhu.

"Wayita Itoophiyaadhaa ka'an garuu hoteelaaf jedhamee qarshii kuma 24 kaffala namni tokko. Hoteelaaf Riyaala Sa'uudii 3500 kaffalchiisu, hoteelli isaan keessa bulan garuu haqiiqaan riyaala 1000llee hin baasu."

"Warra waan kana qindeessantu mootummaa achiitiin walii galee birrii ummataa nyaata.'' jedhan.

Qarshiin isaan kaffalan hoteela sadarkaasaa eeggate keessa isaan jiraachisuu danda'a kan jedhan Uztaaz Kaamil ummanni kun maallaqasaattis hin hafne ulfinaasaattis hin hafne jedhan.

Dhimmoota hajii fi umraa irratti muslimootaaf haala mijeessuuf dirqama kan qabu Gumiin Dhimmoota Islaamummaa walii galaa Itoophiyaa rakkoo mudateef itti gaafatamummaa fudhachuu akka qabus dhaamaniiru.

Namoonni wayita Ka'abaa tuqan

Madda suuraa, Anadolu Agency

Marii koree fala barbaadduu hawaasa muslimaa fi majiliisa hirmaachisee Ministira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmad waliin mariyatee ture.

Marii kanarratti koreen rakkoo hawaasa muslimaa hiikuufi kan warri fala barbaadduus ta'e majiliisni waliin qindoomanii keesatti hojjetan hundaa'ee ture, koreen sun hojiisaa sirnaan hojjetee furmaata hatattamaa fiduu qaba jedhu Uztaaz Kaamil.

''Rakkooon kun akka hiikkatuuf caasaan gumii dhimmoota Islaamummaa sirrachuu qaba. Dhimmoota Hajjii fi Umraarratti fooyya'iinsi bu'uuraa dhufuu qaba. Caasaan gumii kanaa yoo hin sirratiin rakkoon kun furamuu hin danda'u.'' jedhan.

''Nyaati isaan nyaatan kan itti kaffalan osoo hin taane, sadaqaadhaan kan namoonni kennaniifidha. Horiisaanii garuu namoota Mootummaa Sa'uudii waliin hidhata cimaa qabantu nyaata'' jedhan.

Rakkoon keessoo Gumii Dhimma Islaamumaa yoo hiikkate malee dhimma hajjiirratti furmaanni argamuu hin danda'u kan jedhan Uztaaz Kaamil caasaan gumicha namoota rabbiin sodaatan, amantiisaaniitti cimoo ta'an, beekumsa qabanii fi faayidaa ummataa faayidaasaanii dursaniin ijaaramuu qaba jedhan.

Gumiin dhimma Islaamummaa Itoophiyaa dhimma kanarratti deebii akka nuuf kennu irra deddeebiin yaalii goone itti milkaa'uu hin dandeenye.