Sa'udii Arabiyaan Hajjii Umraa deebitee eegaluufi

Madda suuraa, Reuters
Sawudii Arabiyaan hajii Muslimaa sababa weerara koronaavayirasiin ji’a torbaaf addaan cite ture deebisee eegaluuf jirti.
Onkololeessa 4 irraa eegalee lammileen fi jiraattonni Sawuudii 6,000 Umra irratti akka hirmaataniif eyyamameeraafi.
Biyyoonni koronaavaayirasiin haalaan hin miidhamne irraa Hajjiif namootni imalan ammoo Sadaasaa 1 irraa eegalee kan eyyamamuuf yoo ta’u, guyyaatti namoota garas imalan 20,000'tti guddatuu danda’a jedhamee yaadama.
Hajjii kanarratti sagantaaleen barbaachisaan kan taasifaman ta'anis, isaan muraasaa fi gabaabfamanii gaggeeffamu.
Hajjiin imala Musliimonni dandeetti isaasaanii fi humnasaa qaban jireenya isaanii keessatti yoo xiqqaate al tokko taasisuu qabaniidha.
Bara kana, Sa'udi Arabiyaan Hajjii irratti akka hirmaataniif lammiilee ishee muraasaaf qofa eeyyamte. Yeroo kaan addunyaa mara irraa Musliimoota gara miilyoona lamatti lakkaa’aman hawwata.
Hajjiin Umraa guyyaatti nama 20,000 hin caalleen gaggeeffamuuf jiru “hanga beeksisi mootummaa weerari Covid-19 dhaabachuu isaa ykn balaan umamuu hafu ba’utti kan itti fufu ta’uu madda Ministira Biyya Keessa Sa'udii eeruun miidiyaan biyyatti Saudi Press agency gabaaseera.
“Hajii umraa kana irratti hirmaachuuf bakka biraatti namootni dhufan suuta suutaan kanneen biyyoota yaaddoo fayyaa koroonaavaayirasii irraa bilisa ta’an irraa ta’u,” jedha maddi kun.
Namootni Hajjii kanaaf imalan qajeelfama fayyaafi ittisa dhibee kanaa kan akka maaskii uffachuu, walirraa fagaachuufi qaamaa wal xuxxuquu dhiisuu hordofuu qaban ta’uu miidiyaan kun gabaaseera.
Sa'udii Arabiyaa keessatti hanga ammatti namootni 330,000 ol ta’an koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta’u namootni 4,542 ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Kibxata kaleessa namootni 552 dhibee kanaan qabamii 30 ammoo lubbuun isaanii darbeera.















