Maaskii gatame deebisanii hojiirra oolchuun faalama naannoo hagam hir'isa?

Madda suuraa, Getty Images
Maaskii erga itti fayyadamanii booda gatan deebisanii hojiirra oolchuun faalama naannoo sababa balfa gatamaniin yaaddoo uumaa jiru maqsuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Kubbaaniyyaan meeshaalee naannoodhaan michummaa qaban oomishuun beekamu kan magaalaa Kaardif keessatti argamu Thermal Compaction Group (TCG), meeshaalee hospitaala keessaa gataman irraa maaskii haaraa hojjetaa jira, dhibbeentaan 65 kanneen deebifamanii hojiirra oolaniidha.
Mootummaan Welsi hanga bara 2050'tti biyyattii meeshaalee gatamuun naannoo faalan irraa bilisa gochuuf hojii kana cimsaa akka jiru hime.
Ogeessi meeshaalee gataman deebisanii hojiirra oolchuun beekamu Gary Walpole, sektaroonni hawaasaa kanneen akka NHS meeshaalee of-eeggannoo ogeeyyiin fayyaa erga itti fayyadamanii booda gatan deebisanii hojiirra oolchuun fakkeenya ta'uu qabu jedhe.
Hoogganaan TCG Mat Rapson, yeroo ammaa meeshaaleen ogeeyyiin fayyaa dhimma itti bahan erga dulloomanii booda wayita gubamuun dhabamsiifaman naannoo faaluun rakkoo guddaa ta'ee jira jedha.
"UK keessatti guyyaatti maaskii miiliyoona 55 fayyadamna. Lakkoofsi kun akka addunyaatti biiliyoona 129. Hedduunsaanii faayidaa erga kennanii booda bakka tokkotti walitti kuufamuun gatamu," jedhe.
Akkamiin hojjeta?

Kubbaaniyyaan TCG guutummaatti UKtti kubbaaniyyaawwan meeshaalee gataman baqsuun haaraa hojjetan waliin hojjechuu eegaleera.
Keessaahuu meeshaalee of-eeggannoof ogeeyyiin fayyaa itti fayyadaman irratti hojjeta.
Kubbaaniyyaan kun meeshaalee silaa gatamuun dachee faalan kunneen deebisee hojiirra oolchuun ji'atti maaskii 300,000 oomishaa jira.
Akkasumas maaskiiwwan gataman kunneen erga baqsee booda teessuma pilaastikaa, korojoo fi meeshaalee waa itti baadhatan hedduu oomishaa jiraachuu hima.
"Maaskiiwwan kunneen osoo dachee keessa awwaalamanii, yookiin galaanatti gatamanii, deebisanii dhabamsiisuuf waggoota 450 namatti fudhata,'' jedha Aab Rapson.
''Yaadichi, meeshaalee of-eeggannoo ogeeyyiin fayyaa erga itti fayyadamanii gatan hunda deebisnee hojiirra oolchuun hospitaalotaaf maaskii ga'aa oomishuudha.''
UK keessatti qofa bara kana maaskiiwwan yeroo tokko qofa tajaajilan biiliyoona 19 ta'an hojiirra oolaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaaniyyaa Upcycled Plastics jedhamu kan hooggantu Linda Ball, meeshaalee kunneen deebisanii hojiirra oolchuun faalama qilleensaa harka 36'n hir'iseera jette.
Faalama naannoo sababa gatamuu balfa pilaastikaan dhufu keessaa inni guddaan meeshaalee hospitaala keessa gataman ta'uu kan eerte hooggnatuun kun, dameen NHS kanarratti xiyyeeffannaan jijjiirama guddaatu dhufa jette.
Yuuniversitii Bangor keessatti daayirektara giddugala meeshaalee gataman deebisanii hojiirra oolchuu Dr Rob Elias, meeshaalee hospitaala keessaa dullooman deebisanii hojiirra oolchuun fakkeenya diinagdee haaromfamaniiti jedhan.

Meeshaaleen yeroo tokko qofa faayidaa kennan gatamuurra deebi'anii yoo hojiirra oolan faayidaa guddaa kennu jedhan.
Kunimmoo galma mootummaan Weelsi hanga bara 2050tti balfoota gatamuun naannoo faalan irraa bilsa ta'uuf qabate kan milkeessuudha jedhan.















