Covid-19: 'Kishaafee hafuura baafannuun haguugamuuf falan dhawe, yeroo Covid na dabarseera'

Madda suuraa, Alex Wickens
Weerarri Koroonaa hojii fi egeree jireenya dargaggoota hedduu danqe. Dargaggoo gana 22 kan tahe Aleeks Wiikens rakkoo yeroo weerara Covid-19 mudateef fala kennuuf carraa kanatti fayyadameera.
Dhimmi dargaggeessi kun fala argateef kun yeroo Covid keessa hedduu keenya mudateera.
Mi'a bituuf suuqii wayita galtutti maaskii godhachuu qabda - manatsiriin ykn kishaafeen kee ammoo hafuura baafattuun haguugama. Achiis mi'a girgijjiirra tarree galanii taa'an adda baafachuun si rakkisa.
Kibba baha Ingilaand naannoo Sussex irraa kan tahe Aleeks, wayita jiddugala gabaa keessa hojjetutti rakkoo kana hubate.
Wayita oomishoota tarree galchutti, yeroo muraasa barreeffama mi'ootarra jiran dubbisuu dadhaba.
JIddugala gabaa keessatti qacaramee hojjedha jedhee karoorfatee hin beeku. Tahus weerarri kun karoora qabatee milkeessuuf fiixee gahe jalaa burkuteesse.
Barnootasaa gidduutti kutuun jireenyasaa keessatti maal hojjechuu akka barbaadu xiinxaluu eegale. Paayiletii tahuu akka barbaadu of amansiise.
Qophii fi tattaaffii hedduu booda, mana barumsaa leenjii balaliinsaa keessaa iddoo argate.
Garuu walakkaa bara dabre keessa weerarri addunyaan itti jirtu kun haala salphaa taheen akka hin obbaane namuu hubate. Seektarri balaliinsaa kanneen hedduu miidhaman keessaati.
Tarii dameen kun filannoo hojii waan baasu fakkaachuu dide. Haala kana keessa Aleeks liqeeffatee barachuun balaa liqii of irratti daruun of saaxiluu hin feene.

Madda suuraa, Alex Wickens
Yeroo weerara kana 'gad jedhee dabarsuuf' supparmaarkeetii naannoosaa jirutti qaxarame. Kunis dargaggeessa maatiisaa wajjin jiraatuuf, maallaqa gahaa argamsiiseef.
Achitti wayita hojjetutti rakkoo hurka kishaafee qabu kan hubate. Isa qofaa osoo hin taane maamiltoonni kaanillee maaskii fi kishaafee kaawwatan rakkoo walfakkaataa akka qaban arge.
Covid rakkoo haarayaa nutti fideera. Kanaaf ammoo falli yoo jiraate, kun carraa bizinasii dansaa taha jedhee yaade.
Wayita intarneetarra galee ilaaluu kanaaf falli jiru daran salphaa akka tahe hubate. Kanaanis waan akka shiboo bicuu wayii maaskii gubbaarra kaa'uun, kishaafee hurkaan haguugamuuf fala akka tahu argate.

Shiboon kunis gubbaa maaskii boca funyaanii wajjin jabeessa - kunis afuurri gama manatsiriin akka ol hin baane dhorka.
Kaampaaniiwwan xixiqqoon hedduun kana oomishu. Aleeksi kaampaanii biyya Firaans, Normaandii keessa argamuun walbare. Pirintaroota 3D fayyadamuun akka oomishaniif waliigalan.
Dhaabbati Normandy Ecospace jedhamu kun kilippoota kana haftee indastirii nyaataarraa bahan akka galteetti fayyadama.
Kanneen akka istaarchii boqqolloo, haftee daakuu bunaa fi kaanis fayyadama. Isaan kunniinis pilaastikii fayyadamuurra kunuunsa naannoof fooyyeedha jedhamu.
Dhaabbata kana wajjiin waliigaluun, kiliippii isaan oomishan UK keessa raabsuuf murteesse.

Madda suuraa, MistyClip
Wayita dabaree supparmaarkeetii hin qabaatiinitti, dargaggoon kun hojiinsaa inni haaraa marsariitii oomisha MistyClip midhaassuu tahe.
Websaayitni kunis sirna kanfaltii, to'annoo hanga kuusaafi geessuun haala ittiin danda'amu mijeesse.
Uggurri hanguma kaa'amaa dhufeen, oomishasaa kana namni barbaadu dabalaa adeeme. Bizinesiin isaa mana maatiisaa guute - yeroo garii maatiisaan 'maaloo na qarqaaraa' jechuu eegale.
Wayita hojii gaarii hojjetutti ji'atti paawundii £3,000 ykn Birrii 180,000 galcha ture. As keessaas paawundiin 1,000 kansaati.
Bu'aasaa keessaa %10 dhaabbata mit-mootummaa naannoosaa jiruuf gumaacha - dhaabbati Trelis jedhamu kun, namoota manaa fi hojii hin qabne gargaara.
Maamiltoota isaarraa yaada gaarii argateera - namoota bakka ijaarsaatti hojjetan, hojjettoota fayyaa NHS haga supparmaarkeetiiwwanitti.

Madda suuraa, Alex Wickens
Aleeks akkuma uggurri laafaa dhufutti namoonni maaskii uffachuu barbaadaniif kilippiiwwan kana dhiyeessuuf abdata. Akkasumas hojjettoota maaskii yeroo mara keewwatan kanneen akka doktorootaafi kaaniif.
Aleeks ammallee abjuu paayilatii tahuuf qabu hin lakkisne. Garuu hangasumatti hojiin daldalaa kun gama miiraafi galiin isa gargaaraa jira.
''Hojiikoo yeroo hunda tahuuf abjoodhe yeroof dhaabuuf wayitan dirqametti bizinasii kana jalqabuun koo, kaayyoo akkan qabaadhu na gargaaree jira,'' jedha Aleeks.
''Waan faayidaa qabu hojjechaa akkan jiru natti dhagahama. Dhugaa dubbachuuf otoon kana jalqabuu baadhee, silaa bakka kana argamuu dhabuu nan danda'a.
''Weerarri kun haga darbu eegaan jira - achiin booda abjuukoo yeroo maraa faanan bu'a.''















