Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: Alaabaan sadi naannoo Amaaraa filannoof dhiyeessee maal ibsu?
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Amaaraa alaabaa naannichaa kan durii guutummaatti jijjiiruun haraa labsuuf filannoowwan sadii dhiyeesserratti yaada uummataa gaafate.
Kominikeeshiniin naannoo Amaaraa filannoowwan alaabaa sadii dhiyaatan irratti uummatni yaada akka kennu Jimaata miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxanseera.
Naannoon Amaaraa yeroo ammaa weerara humnoota TPLF irraa irratti raawwatame qolachuuf namni danda'u hunduu akka duulu waamicha godhee miiraa fi oduu waraanaan marfamee jira.
Kutaaleen naannichaa humnoota TPLF'n to'ataman gariin to'annoo humnoota Amaaraa fi mootummaa Federaalaa jalatti deebi'aa akka jiranis miidiyaan biyyaalessaa gabaasaa jira.
Mootummaan naannichaa gama kominikeeshinii isaatiin ibsa baaseen ''wabii jireenya isaarratti aggaammii garee shororkeessaa TPLF godhame qolachaa jirra'' jedheera.
Naannichi haala waraanaa keessa jiraatus hojiin uummataa fi mootummaa biroo raawwachuun dirqamadhas jedheera.
Duula kana qixxa lamaan ta'ee aalaabaa naannichaa durii jijjiiranii haaraa labsuuf socho'uu ilaalchisee yaada maxxanseen, alaabaa eeyyama uummataarratti bu'uureffame qaabachuutu barbaachisa jedhe.
''Uummatni Amaaraa alaabaa eeyyama uummatichaarratti hundaa'ee fi eenyummaa isaa gama maraan ibsu qabaachuu qaba. Mirga isaatis.''
''Alaabaan bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa amma tajaajila kennaa jiru seenaa, ilaalcha siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee akkasumas duudhaa uummatichaa kan bakka ba'u miti. Kanaafis jijjiiramuufi mootummaafi uummaticha kan kan bakka bu'u qopheessuun feesiseera.''
Yaa'iin mootummaa naannoo Amaaraa amma dura gaggeessee ture irratti alaabaa naannichaa jijiiruu irratti walta'uun garee qorannoo gaggeessee alaabaa haaraa dhiyeessu akka hundaa'u murtee dabarsee akka ture mootummaan naannicha ibseera.
Bu'uuruma kanaan yaa'ii itti aanurratti alaabaan haara naannicha bakka bu'u dhiyaatee akka ragga'uuf filannoowwan sadii dhiyaatan irratti uummatni yaada kennee filannoo isaa akka beeksisu affeerameera.
Amma alaabaan naannichaa tajaajila kennaa jiru halluu keelloo, diimaa fi keelloo tartiiba irraan gadeen taa'ee fi halluu diimaarra urjii halluu keelloo qabu ture.
Amma garuu alaabaawwan filannoof dhiyaatan irraan jalatti halluu magariisa, diimaa fi keelloo ta'anii halluu ciquliisaa roga adda addaa sadii qabantu dhiyaate.
Ibsa Kominikeeshiniin naannichaa maxxanse irratti halluuwwan kun maal bakka akka bu'an ibsameera.
Halluun cuquliisni biyya guddittii Itoophiyaa ijaaruuf qabsoo karaa nagaa uummatni taasise agarsiisa, magariisni magariisummaa fi qabeenya uumamaa naannichi qabu agariisuuf, halluun keelloo hegeree ifaa uummatichaa agarsiisuuf, halluun diimaan aarsaa uummatichi nagaa, bilisummaa fi dimookiraasiif kaffale agarsiisa jedha.
Yaada fuula feesbuukii 'Amhara Communication' irratti kennaman keessaa irra hedduun halluun cuquliisni hafee alaabaan magariisa, keelloo fi diimaa naannichaa fi kutalee addunyaa biroo keessatti hiriiraaf waltajjiiwwan dirree hedduurratti qabatamu akka ta'u gaafatameera.