Sirna barnootaa haaraa Itoophiyaatti hojirra ooluuf jedhu keessatti maaltu jijjiirame?

Barattoota Itoophiyaa, magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, ullstein bild

Sirna barnootaa haaraa bara barnootaa 2014 hojiirra ooluuf jiru keessatti immammanni afaanii jijjiirame akka hin jirre Biiroon Barnootaa Oromiyaa hime.

Sirni barnootaa haaraa waggoota dheeraan booda kan jijjiirte Itoophiyaan, waggaa haaraatti hojiirra oolchuuf jirti.

Kana ilaalchisuun BBC Afaan Oromootti kan dubbatan Itti-aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Galaanaa Waldamikaa'el, barnoota afaanii ilaalchisee Oromiyaa keessatti wanti jijjiirame hin jiru jedha.

Afaan lamaffaa afurii naannoo Oromiyaa keessatti kennamaa jiraachuu kan himan aanga'aan kun, isaanis afaan Amaaraa, afaan Somaalee, afaan Affaariifi afaan Sidaamaati jedhan.

"Barnoonni afaan lammaffaa filannoorratti hundaa'uun kutaa 5 irraa kaasee kennama. Afaan dhalootaatiifi afaan Ingiliziin garuu kutaa 1ffaa irraa kaasee kennama.

"Afaan lammaffaa kutaa tokkorraa kaasee kennamu hin jiru. Afaan lammaffaa kutaa sadiirraa kaasee kennamu hin jiru. Poolisii afaanii ilaalchisee wanti jijjiirame hin jiru," jechuun jijjiiramni imaammata afaanii akka hin jirre ibsan Dr. Galaanaan.

Barnoonni hundinuus hanga kutaa 8ffaatti Afaan Oromoon akka kennamu ibsuun, sirna barnootaa haaraa kana keessatti wanti jijjiirame yoo jiraate akkaataa caasefamaati jedhan Dr. Galaanaan.

Kanaan dura 4:8 jechuun kan caasefamee ture akka sirna barnoota haaraa ammaa kanatti 6:8tiin caasefameera. Kana jechuun qormaanni ministirii kutaa 8 irratti kan kennamu akka ta'e himuun, yoo kan mijaa'u ta'e ilaalamee ministiriin kutaa 6ffaa irrattis kennamuu mala ta'a jedhu aanga'aan kun.

Sirna barnootaa haaraa kana keessatti Sirni Gadaa akka gosa barnoota tokkootti kutaa 1-8ti guutummaa biyyaatti akka kennamu himuun, adeemsa keessa garuu hanga kutaa ol-aanaatti itti fufee barsiifamuu haala itti danda'amu ilaalamaa deema jedhu.

Kana malees, barnooni aartii ilaallatus akka haaraatti sirna barnoota haaraa kana keessa galee kutaa tokkoffaa irraa kaasee ni kennama jedhu Dr. Galaanaan.

Kanaan dura kutaa 9ffaa irraa kaasee kan kennamaa ture ICT (Information Communication Technology) akka sirna barnoota haaraa amma hojiirra ooluuf jiru kanaan utaa 7ffaa irraa kaasee kennama.

Gosti barnootaa ogummaa qonnaa, mala jireenyaa, maanufaakcharing barattootaa cimsu kan kutaa 7ffaa irraa kaasee kennamus qaama sirna barnoota kanaati.

Sirni barnootaa haaraa kun hojiirra oolchuu maddiitti qulqullina barnootaa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu himuun, mosooma barsiisotaafi manneen barnootaa haaraa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruun qopheessuun hojii BBO naannichatti itti jiru ta'uu dubbatu.

Oromiyaatti manneen barnootaa Ifa Boruu 107 haaraa ijaaramanii bara barnootaa 2014tti hojii jalqabuu kan himan Dr. Galaanaan, isaan keessaa torba mana barumsaa bultii addaati jedhan.

Manneen barumsaa bultii kun waan barbaachisu hunda guuttatee kan ijaarame yoo ta'u, barattoota kutaa sagalirraa kaasee dorgomsiisee fudhata.

Akka aanga'aan kun ibsanitti manneen barumsaa bultii addaa kun barattoota dandeettii addaa qabaniif kan qophaa'e yoo ta'u, barsiisaanis bulchiifni isaas adattidha.

Kaayyoon mana barumsaa bultii kun dhaloota itti darbanii biyya bulchan keessatti qopheessuudha.

Gama misooma barsiisotaatiinis bara barnootaa dhufu kanatti hojiin bal'aan hojjetamaa akka jiru kaasanii, Oromiyaa keessa qofa barsiisota kuma 200 ol hojiirra jiraniif hojiirratti leenjiin adda addaa kennamaaf jira jedhan.

''Halkan tokkotti wanti jijjiiramu hin jiru,'' kan jedhan aanga'aan kun, sirna barnootaa haaraa kana irratti dammaqinaan akka hirmaatan taasifamaa jira jedhu.

Sirna barnootaa madiitti moojuliin barsiisonni ittiin leenji'an qopheera kan jedhan Dr. Galaanaan, barsiisonni gosa barnootaa barsiisanirrattis dandeettiin qaban qabxii gosa barnootaa sanarratti qaban ilaaluun ulaagaa jalqabaa guutuu qaban akka ta'e ibsu.

Ogummaa barsiisummaatiif namoonni leenjii seenan akka kanaan duraa kutaa 10 irraa osoo hin taane kutaa 12 warra xumuran yoo ta'u, gosa barnootaa barsiisuu barbaadan irrattis qabxii qabaniin dorgomanii erga waggaa sadiif leenji'anii hojiitti bobba'u jedhu.

Bara kana barsiisota kutaa 12 xumuranii leenjii barsiisummaa waggaa sadii xumuran eebbisiisuullee kaasaniiru.

''Barsiisoonni ammaan booda akkuma eebbifamaniin hojii barsiisutti kan bobba'an osoo hin taane qormaata gahumsa ogummaatu isaaniif kennama. Qormaanni gahumsa ogummaa kun mirkaneeffannoo qulqullinaaf yoo ta'u, nama qormaata kana daruu danda'e qofatu hojiitti bobba'a,'' jedhan Dr. Galaanaan.

Sirna barnootaa haaraa amma hojiirra ooluuf jedhu kana keessatti gosoonni barnootaa jijjiiraman yoo jiraateef kan gaafataman Itti-aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa kun, gosti barnoota haaraan jalqabaman akka jiran dubbatu.