Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UNtti ambaasaaddarri US bakka bu'aa AU Gaanfa Afriikaa waliin mari'atan
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ameerikaa Liindaa Toomaas Giriinfiild Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa Gamtaa Afriikaa kan ta'an Pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo waliin bilbilaan dubbachuu ibsan.
Ambaasaaddar Liindaa Toomaas Giriinfiild tiwiitarii isaanii irratti ergaa barreessaniin Obasaanjoon Gaanfa Afriikaa bakka bu'uun Gamtaa Afriikaatiin muudamuu simataniiru.
Aab Obasaanjoo waliin walarguutti gammaduu kan ibsan ambaasaaddarattiin, qaamolee Itoophiyaa keessatti araara buusuuf hojjetan akka tumsan himaniiru.
Waraanni Tigraay marii nagaatiin akka goolabuu qabus dhaaman.
Gameessi siyaasaa Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo marii nageenyaa akka milkeessaniif haala mijeessuudhaan akka bira dhaabbatanis himan.
Dhukaasi akka dhaabbatu, deeggarsi namoomaa gufuu tokko malee lammiilee rakkatanii jiran bira akka ga'uu fi mariin siyaasaa hunda hirmaachise gaggeeffamuu akka qabu dhaaman ambaasaaddarri kun.
Bakka bu'aa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Olusegun Obasaanjoo, naannawa kana keessatti qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin dubbachuun nageenya waaraa fiduuf akka hojjetaniif hojiin kun Gamtaa Afrikaan itti kenname.
Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa kun muuxannoo siyaasaa yeroo dheeraa kan qabanii fi tokkummaa Afriikaaf tumsuun beekamu.
Haala amma jiruu fi egeree naannawa kanaaf muuxannoon isaan qaban kun murteessaa ta'a jedhee amana Gamtaan Afriikaa.
Olusegun Obasaanjoo guyyoota muraasa keessatti gara naannawa Gaanfa Afriikaatti imaluun hojiisaanii eegalu.
Waraanni Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti eegale ji'a kudhan lakkoofsiseera, gara naannolee Amaaraa fi Affaar babal'achuun lammiilee miiliyoona walakkaa ta'an qe'eerraa buqqiseera.
Naannoo Affaaritti sababa waraana kanaa namoonni 112,000 caalan buqqa'uu Dhaabbati Nyaataa Addunyaa himeera.
Waraanni kun naannoo Tigraayitti ammoo namoota 900,000 beelaaf saaxileera, namoonni miiliyoona shan ta'an ammoo rakkatanii harka namaa eeggatu jedha USAID.
Erga waraanni Tigraay Sadaasa 4, 2020 mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti eegalee lammiileen nagana kumaatamaan lakkaa'aman du'aniiru.