Samaantaa Paawar Gaanfa Afriikaatti bakka bu'aa AU Obasaanjoo waliin waraana Tigraay irratti dubbatan

Hooggantuun jaarmiyaa gargaarsaa Ameerikaa (USAID) Samaantaa Paawar, gameessa siyaasaa Gamtaan Afriikaa Gaanfa Afriikaatti bakka buuse, pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo, waliin walarguun dhimma waraana Tigraay irratti mari'achuu ibsan.

Samaantaa Paawar miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti akka barreessanitti, Itoophiyaa keessatti waraanni hammaataa deemuusaatiin kanneen rakkoo guddaa keessa jiraniif deeggarsi hatattamaa gufuu tokko malee akka qaqqabuu qaburratti walii galaniiru.

Samaantaa Paawar barreeffama isaanii keessatti pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa waliin walarguun waan gaarii fi murteessaa akka ta'e himan.

Bakka bu'aa Gaanfa Afrikaa kan ta'an Olusegun Obasaanjoo, naannawa kana keessatti qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin dubbachuun nageenya waaraa fiduuf akka hojjetaniif hojiin kun Gamtaa Afrikaan itti kenname.

Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa kun muuxannoo siyaasaa yeroo dheeraa kan qabanii fi tokkummaa Afriikaaf tumsuun beekamu.

Haala amma jiruu fi egeree naannawa kanaaf muuxannoon isaan qaban kun murteessaa ta'a jedhee amana Gamtaan Afriikaa.

Olusegun Obasaanjoo guyyoota muraasa keessatti gara naannawa Gaanfa Afriikaatti imaluun hojiisaanii eegalu.

Waraanni Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti eegale ji'a kudhan lakkoofsiseera, gara naannolee Amaaraa fi Affaar babal'achuun lammiilee miiliyoona walakkaa ta'an qe'eerraa buqqiseera.

Naannoo Affaaritti sababa waraana kanaa namoonni 112,000 caalan buqqa'uu Dhaabbati Nyaataa Addunyaa himeera.

Waraanni kun naannoo Tigraayitti ammoo namoota 900,000 beelaaf saaxileera, namoonni miiliyoona shan ta'an ammoo rakkatanii harka namaa eeggatu jedha USAID.

Erga waraanni Tigraay Sadaasa 4, 2020 mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti eegalee lammiileen nagana kumaatamaan lakkaa'aman du'aniiru.

Mootummaan federaalaa ji'oota dura ofumasaatii 'gam-tokkeen' dhukaasa dhaabuuu labsee, loltoonnisaa Maqalee keessaa ba'uu ibsullee TPLF garuu magaalattii humnaan qabachuu ibsataniiru.

Mootumaan federaalaa dhukaasa dhaabuun Maqalee keessaa ba'uuf akka sababaatti wantoota ibsu keessaa hooggantoonni TPLF fi qondaaltonni waraanaa isaanii ajjeefamuu fi qabamuu, akkasumas kanneen hafan qabuuf waraana gaggeessuu hin barbaachisu jedhee waan amaneef ta'uu hima.

Qonnaan bultoonni naannochaa hojii qonnaa akka hojjetatanii fi deggarsi danqaa tokko malee akka namoota rakkoo keessa jiran bira gahu gochuuf ta'uu eereera.

TPLF labsii dhukaasa dhaabuu fudhachuuf fedhii agarsiisus haaldureewwan guutamuu qaban tarreesseera.