'Hangan du'utti nan qabsaa'a - Dhukkubsataa kalee dhukkubsattoota kaan furaa jiru

Bu'aan qorannoo fayyaa keenya kallattii jireenyaa keenya haala hin eegamneen jijjiiruu mala.

Iyyoob Tawaldamadin Onkoloolessa bara 2006 ture dhukkuba kalee akka qabu kan itti himame.

Abbaa ijoollee dubaraa lamaa kan ta'e Iyyoob wayita kana dhagahu naasuudhan bakka lixu dhabe. Haati warraa isaas gaddaan liqimfamte.

Finfinnee naannoo Takilahaayimaanot jedhamutti kan dhalate Iyyoob, bara 1979 irraa eegalee waggoota shaniif Ciroo jiraateera.

Wayita mana barumsaa sadarkaa lammataa ture, obbolaa isaa maandhaa guddisuun waan irra tureef, kutaa 11tti barumsa adda kutee hojii mukaa eegale.

Hojii mukaa fi alumuniyamii hojjechaa galii argatuun obboloota isaafi abbaa isaa gargaaraa ture.

Bara 1991 maallaqa liqeeffatee mana mukaa ofii isaa banate. Galiin isaas fooyya'aa dhufe.

Booda mootummaarraa lafa fudhatee hojii isaa babal'ise. Finfinnee kutaa bulchiinsaa Lidataatti mana mukaa banatee ogummaa isaa namoota kaanis barsiisuu eegale.

Bultiis ijaarratee ijoollee dubaraa sadi horate. Hanga Onkoloolessa bara 2006'tti wanti hundi tolee karaa qabatee adeemaa ture.

Dhukkubsachuu isaa akkuma dhagaheen hojii isaa adda hin kunne. Erga dhukkubsachuu eegalee ganna lama booda bulchiinsi magaalaa Finfinnee daldaltoota hojii intarpiraayizii maayikiroo fi xixiqqaa irratti bobba'anii milkaa'an keessa tokko jedhee badhaase.

Booda garuu dhukkubichi itti hammaachaa dhufe. Dhibeen kalee humna nama buusa, qaamaa fi qor-qalbiinis nama laaffisa. Iyyoobis kan mudate kanuma ture.

Yaaliin dhibee kalee umurii guutuu kan fudhatu, maallaqas kan nama duguuggachiisu akka ta'e yoo hubatu, egereen haadha warraa fi ijoollee isaa hirriba isa dhorke.

Maatii koo hiyyoomsee hamman du'u, maali dursee yoon du'e?, jechuun of gaafataa akka ture hima.

Baatii tokko keessatti kaleen isaa yoo dhiqamuu baate (dialysis) akka du'u wayita itti himamu maatiin isaa rifaatuun lafa lixan dhaban.

Ariitiin hospitaala Kooriyaa geeffamee yaalii eegale, dhukkubni isaas xiqqoo itti fure.

Yeroos wanti hospitaala keessatti arge kallattii jireenyaa isaa akka jijjiire hima.

"Namni humna hin qabne, kan galii jiddugaleessaa qabuu fi sooressis tureera. Adda addummaan ifatti mul'ata ture. Namoonni hedduun yaalicha argachuuf humna hin qaban turan. Ani yaalamee yoon wayyaa'u, kan humna hin qabne, kan kadhatee guutuufi dide meeqatu rakkata?, jedheen yaade."

Baatileef wayita yaalaaf deddeebi'u namoonni kaffaluu dadhabanii adda kutan akka jiran ni dhagaha ture.

Kaffaltiin humnaa ol itti ta'ee osoo hin jalqabiin kan du'anis manni haa lakkaa'u.

"Hangan du'utti nan qabsaa'a"

Kaleen hojii yoo dhaabu dhiqachuun dirqama. Namoonni dhukkubicha hin qabne balfa qaama isaanii keessatti kuufamu karaa fincaanii baafatu.

Dhukkubsattoonni kaleen isaanii hin dhiqamu yoo ta'e balfi qaamaa isaanii hin bahu jechuudha. Kanaaf qaamni isaanii ni ukkaamfama, ni dhita'a, yoo hammaates lubbuu isaanii dhabuu malu.

Namni torbeetti al sadi kaleen isaa dhiqamuu qabu, tokko qofa yoo dhiqatellee qaamni isaa ukkaamfamee, nyaata nyaachuu dadhabuu mala.

Iyyoob namoota haala kanaan rakkatan yoo argu, waa gochuu akka qabu murteesse.

Waldaa dhukkubsattoonni kalee deeggarsa maallaqaa akka argatanii fi murteewwan dhukkubsattoota kalee ilaallatu mootummaan baasu irratti dhiibbaa godhu hundeesse.

Bara 2007 dhaabbata 'Mot be kulaalit yibqaa' jedhamu hundeesse.

Wayita inni yaalii eegaletti buufataalee fayyaa mootummaa keessatti tajaajilli kalee dhiquu hin kennamu ture. Kan dhunfaattis bakka muraasa qofa jira ture.

"Silaa duuti hin oolu, hamman du'uutti nan qabsaa'a jedheen eegale. Waggoota saddeet darbaniif dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa gara garaa dubbiseera, konkolaataan olii gadi deemee namoota kakaasaan ture, birooshariiwwan gara garaa maxxansaan ture.

Amma xiqqaatus buufata fayyaa mootummaa keessatti tajaajilichi eegaleera, kun bu'aa qabsoo kooti itti boonudha," jedha Iyyoob.

Ammaan tana yaalichi argachuuf buufataalee fayyaa mootummaa keessatti marsaa tokkoof birrii 500, kan dhunfaatti ammoo birrii 1500 hanga 3500 nama kafalchiisa.

Waldaan inni hundeesse waggoota saddeettan darban dhukkubsattoota 120 ol gargaareera. Gargaarsi namoota kanaaf godhame kafaltii kalee dhiqsiisuu guyyaa tokkoo, kan torbe, kan ji'a ykn ji'a lamaa ta'uu mala.

Miseensoti waldichaa gariin buusii ji'aan, gariin ammoo hojii humnaan gargaarsa godhaa turan.

Artiistonni gurguddoo akka Dabbabaa Isheetuu, Siyyuum Tafarraa, Daani'eel Taganyi miseensa waldaa kanaati. "Ambaasaaddaroota" keenya jedhaan Iyyoob.

Bara 2007 namoota deeggarsi godhamaafi turan keessaa shan lubbuun hin jiran.

Kaleen du'uun haa dhaabbatu

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hospitaalota Miniliik fi Zawudituutti Fulbaana dhufurraa eegalee namoota 105'f bilisaan yaalii kalee dhiqachuu waggoota lamaaf bilisaan akka kennu beeksiseera. Isaan keessaa tokko Iyyoobidha.

Namootni sababa kafaltii yaalii ittiin godhatan dhabaniif karaatti bahanii kadhatan jiraachuu kan himu Iyyoob, hojii waldaan inni hundeesse hojjetu keessaa tokko kutaalee bulchiinsaa magaalaa Finfinnee waliin ta'uun dhukkubsattoonni gurmaa'anii hojii akka hojjetan haala mijeessuudha.

Dabalataan maallaqa waldichi walitti buuseen namoonni sadi yaala kalee buqqisanii bakka buusuu yoo godhatan, yaalii bilisaa kan argatanis jiru.

Akka Iyyoob jedhutti dhukkubsattoonni kalee Itoophiyaa keessa jiran dhibbeentaan 70-80 ta'an torbeetti al tokko ykn lama yaalii kalee dhiqachuu godhatu.

Dhukkubsattoota Finfinnee keessa jiraatan 700 ta'an keessaa irra hedduun buufataalee fayyaa dhunfaatti yaalamu kan jedhu Iyyoob, mallaqa marsaa tokkoof barbaachisu gadi aanaa 1500 kafaluu kan danda'an muraasa ta'uu hima.

Kanaaf fala ta'uu danda'a yaada jedhuun pirojaktii maallaqa walitti qabu namoota hedduu hirmaachisu eegale

Ji'atti birrii 10 waggaatti birrii 120 buusuu kan danda'an miseensota miliyoona 1 horachuudha yaadni isaa.

Birrii miliyoona 120 waggaatti walitti qabuun bilisaan dhukkubsattoota kalee yaalchisuun akka danda'amu dubbata Iyyoob.

Piroojaktii kana waggoota sadi dura wayita eegalu aanga'oota mootummaa fi namoota bebbeekamoo dabalatee miseensota 3000 horateera.

Maallaqni miseensoti buusan karaa Itiyoo-telekoom kallattiin ministeera fayyaatti kan galu yoo ta'u, kun amanamummaan akka jiraatu gargaara jedha.

Dhimma kanarratti ministira fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa waliin baatii jaha dura mari'achuu fi yaadicha gammachuun simachuu isaanii dubbata.

MM Abiy Ahimad akka isa deeggaran ergaa ergus amma dura deebii akka hin argatiin jiru hima.

Yaadni isaa milkaa'ee waggaatti birrii miliyoona 120 walitti qabuu yoo danda'e, baasii hospitaalota mootummaatti dhukkubsattoota 500 waggaa tokkoof yaalchisuu danda'u argachuun akka danda'amu hima.

Yaada kanaan dhukkubsattoota dhibeewwan akka kaansarii fi onneellee gargaaruun akka danda'amu hima.

Waggootan saddeettan darban firaa fi hiriyaan irraa baqachuu kan himu Iyyoob, goota kooti kan jedhu haati warraa isaa, gargaartuu isaa akka taate hima.

Amma yaalii irratti miidhaa irra gaheen miila isaatiin socho'uu hin danda'u, ulfaatinni isaas kiiloogiraama 46 galeera.

Qabeenya dhuunfaa isaa birrii miliyoona 1.5 waldaa hundeesseef baasuu hima.

Mana mukaa banatee tures gurguruun haati warraa isaa konkolaachiftuu taatee ijoollee isaa barsiisaafi akka jirtu hima.

Hakimoonni kaleen isaa buqqifamee akka jijjiiramuu qabu itti himanii, nama kale arjoomuuf argatullee baasiin isaa yaaddessaa ta'uu hima.

Namoonni kalee isaanii arjooman hedduummachaa dhufuun bu'aa waldaan isaa argamsiise keessaa tokko ta'uu hima.

Yaala dhibee kalee Itoophiyaatti

Seerri Itoophiyaa namni tokko kaleen isaa yoo dhukkubsatee hojii dhaabe, miseensa maatii isaarraa kan hafe nama biraarraa kalee fudhachuu hin danda'u jedha.

Seerichi dhukkubsattoota maatii hin qabne ykn ammoo gosti dhiigaa isaanii kan maatii isaaniin wal hin fakkaanne rakkoof saaxileera jedha.

Firri, hiriyaan waliin guddatan ykn namni arjoomuu fedhu kamuu arjoomuu akka danda'u hayyamamuu akka qabu ministeera fayyaa hubachiisuu dubbata.

Yaaliin kalee buqqisanii kan biraan bakka buusuu hospitaala Phaawuloos qofa keessatti kennamaa ture kan jedhu Iyyoob, erga weerara koronaavaayirasii as adda cituun rakkoo uumuu hima.

Gama kaaniin namoonni yaalii kana godhatan hanqinni qorichaa akka isaan mudatullee hima. Itoophiyaa keessatti qorichoota barbaachisan argachuun daran qaalii ta'uu dubbata.

Waggoota saddeettan darban jijjiiramni jiraatullee ammallee rakkoon akka jiru hima Iyyoob.

"Dukkana kaleessa ture waanan beekuuf, har'a fooyya'iinsi jira," jedha.