Itoophiyaatti abdii dhukkubsataa kalee sababii Covid-19n dukkanaa'e

Obbo Sisaay Tasfaayee erga kaleensaa lamaan hojii dhaabanii waggoota sadiifi baatii afur ta'era. Osoo dhukkubsatee sireerratti hin hafiin duras Daandii Qilleensa Itoophiyaatti mindeeffamun hojjataa ture.

Mindaa argatunis maatiisaa bulchaa mana bitachuuf Riil Isteetiitti galmaa'uun maallaqa qusataa ture.

Sisaay akka jedhuuttis waggaa 26 dura dhukkubni sukkaaraa isa eegalee ture. Sukkaara isaa sirreessuufis wanta barbaachisan hunda raawwataa ture. Gaa'ilas dhaabbachun ijoollee lama kan waggaa jahaafi afur argateera.

Obbo Sisaay Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessaa waggoota 14f hojjataniiru. Waggaa sadiin dura boqonnaaf wayita baheettis kan barameen alatti dhibee addaa hin qabu ture. Haata'u malee waan hin yaadamne tokko uumame. Kaleewwan isaa lamaanuu hojii akka dhaaban hakimiin mirkaneesseef.

Dirqama waan ta'eef hojiisaan mindaa gaarii argamsiisuuf dhaabuun siree irra ooluuf dirqame. Battalumattis wal'aansa kalee miiccisiisuu (dialysis) eegale. Maallaqa olaanaa waan gaafateefi mana riil isteetii kanfalu eegale gurguruuf dirqame.

Haata'u malee maallaqni manni itti gurgurames osoo furmaanni guddaan hin argamiin dhume. Kanaafu ammatti carraan jiru deeggarsa gaaffachuu ykn harka maratanii du'a eeggachuudha jedha Obbo Sisaay.

Kanaanis kan ka'ee kalee dhiqsiifachuun hafee qorichoota maallaqa gadaanaan bitaman illeen bitachuu waan dadhabaniifu sadarkaa fudhachuu dhaabuu irra akka gahee ture yaadata.

''Yeroon sun baay'ee rakkisaa ture. Qorichi hafee manatti waan nyaannu hanga dhabuutti qaqqabnee turre,'' jedha.

Jidduunis namoonni akka gargaaraniif gaafachuun wal'aansa itti fufuuf yaalee ture. Wallaansa ilaalchiisuun, ''Kalee miiccisiifachuun dadhabee waanan gara manaa deebii'uuf ijoolleen kiyya ni dhiphatu. Na ilaaluu mataasaa ni sodaatu. Inni mataansaa anaaf dhibee biraa ture,'' jedha Obbo Sisaay.

Obbo Sisaay siree qabannaan mana bulchuun gutummaan ittigaafatamummaa haadha warraa isaa ta'e.

''Haadhi warraa kiyyatu waan hundaa danda'uun jiraataa jirra. Yoo rakkinni itti jabaatu kadhannaaf daandiirratti baatee guyyaan birri tokko ykn lama qabattee itti deebiite jira,'' jechuun dhiphina rakkinichaa ibsa.

Haala sana hunda keessattis garuu Obbo Sisaay abdii tokko qaba ture. Tibba sanatti wal'aansi Itoophiyaa keessatti kennamaa waan tureef qaamni kalee arjoomu yoo argame, carraan wallaansaan kalee biraa galfachuu waan jiraatuuf isaafi maatiisaatifis abdii olaanaa ture.

Kanaafis adeemsawwan barbaachisoodha jedhaman hundi raawwatamanii turan.

Haatii warraasaa kalee tokko kennuun lubbuu abbaa waraashee baraaruuf murtessitee turte. Kanaafis wallaansa duraa barbaachisu hunda raawwattee xumurte. Haata'u malee jidduun weerarri dhibee Covid-19 mudachuun waan barameef haalli hundi battalumatti geeddarame.

Kanaanis kan ka'e wallaansi kalee geeddaruu Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa tures hojiisaa akka dhaabu ta'e. Oduun kunis Obbo Sisaayiifi maatii isaatiif kan naasisu ture.

''Waa'ee vaayirasichaa ilaalchisuun kan dubbatamu hunduu naasiisaa ture. Yeroon sunis kanan akkan lubbuun hin hafne itti hubadhe ture,'' Obbo Sisaay haala yeroo weerarichi itti mudate sana yoo yaadatu.

Keessattuu ''namoonni akka kiyyaa hospitaalaatti wal'aansa kalee dhiqsiisfachuu taasisaa turan lama vaayirasichaan qabamanii du'unsaanii yaaddoo kiyya haalaan dabalee ture,'' jedha.

Vaayirasichi erga mudateen boodas Obbo Sisaay gargaarsa namootarraa gaafachuun, torbaniitti yeroo lamaa fi sadiin wal'aansa kalee dhiqsiisfachuu ni argata ture.

Gaheessi waggaa 39 Obbo Sisaay, ''waggoota muraasaan dura jireenya fooyya'aa jiraachuuf abdiin qaba ture. Amma sun hundi hafee lubbuu kiyya tursiifachuufillee abdiin kiyya harka namootaa irra ta'eera,'' jedha.

Keessattuu hojjattoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa mindaasaanii irraa walitti buusuun akka gargaaraa jiran ibsa.

Mucaansaa jalqabaa kan waggaa jahaa yoo ta'u, mana barnootaa itti baratuutti kanfaltii raawwachuu erga dhaabee baatii saddeeti ta'eera.

''Kanfaluu kan hin dandeenye yoo ta'e si ariina jedhaniin. Kanaafuu barnoota dhaabuuf sadarkaa dhumaarratti argama. Waan kanfallu waan hin qabneefu barnoota adda kutuunsaa kan hin olleedha,'' jedhu Obbo Sisaay haala keessa jiran yoo himan.

Kana malees dhukkubichi agartuu ijaa tokko guutummaatti balleessus ni dubbata. ''Ijii kiyya tokko sababii kanaatiin waan badeef boordiitti naaf barraa'uun kanfaltii sooramaa muraasa argataan jira,'' kan jedhan Obbo Sisaay, eddoo garaa garaattis 'GoFund Me' saaquun gannaan dura siif qaqqabsiifna jedhamee isan eeggataa jira,'' jedhan.

Wallaansi kun kan raawwatamu Taayilaandi - Baankookiitti. Wal'aansa guutuu taasifachuun osoo baasii imalaafi kan biraa hin dabalatiin gara doolaara 40,000 akka barbaachisu dubbata.

Maallaqa karaa 'GoFund Me' walitti qabamuun alatti namoonni dhunfaan karaa baankitiin akka gargaaraniif gaafatulleen hanga yaadameen akka hin milkoofne dubbata.

''Ijji koo tokko guutummaatti badeera. Hin deebi'u. Inni hafe ammoo osoo hin miidhamne bakkuma jirutti turuu ni danda'a. Kun kan ta'u ammoo, yoo wal'aansi yaadame saffisaan milkaa'eedha. Ta'u baannaan carraan ija lamaanuu dhabuuf uumamuu danda'a,'' jedha Obbo Sisaay.

Haalli fayyaasaa sadarkaa yaachisaa ta'erra gahuu kan dubbatu Obbo Sisaay, ammattis ''infekshinii jedhamuun qoricha isaa fudhataan jira,'' jedha.

Tarii waggoota muraasaan dura qorannoo duraa taasisee osoo ta'e, dhibeensaa sadarkaa ammaa kanarra gahuu akka hin dandeenye tilmaama Sisaay.

Haalli kunis waan namoota baayyee irratti mudatudha. Kanaafuu, namni kamuu qorannoo taasisuuf dirqama miirri dhukkubbii hanga itti dhagahamuutti eeguu akka hin qabne gorsa.

Qorannoo duraa (general check-up) gochuun dhibeewwan cimoo akkanaa irraa of eeguuf fala ta'uu hima.