Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan Taalibaan jalatti: Yugaandaan baqattoota Afgaan 2,000 simachuuf Ameerikaa waliin waliigalte
Biyyi baha Afrikaa Yugaandaan lammilee Afgaanistaan 2000 erga Taalibaan aangoo qabatee booda baqatanii bahan simachuuf tole jette.
Baqattoonni jalqabaa 500 Kibxata waaree booda buufata xiyyaaraa Enteebee akka gahan eegama.
Waliigalteen kun gaaffii Ameerikaan dhiyeessiteen ta’uu ministirri baqattootaa Yugaandaa Ester Anyaakuun BBC’tti himaniiru.
Baasii baqattoota kana qubachiisuuf barbaachisu mara kan danda’u Ameerikaadha.
Yugaandaan waggoota dheeraaf baqattoota simattee keessummeessuun kan beekamtu yoo ta’u, wayita ammaa baqattoota miliyoona 1.3'f dahoodha.
Biyyattiin baqattoota hedduu qabaachuun Afrikaarraa biyya jalqabaa yoo taatu addunyaarraa sadaffaadha.
Baqattoonni haaraa Afgaanistaan irraa dhufan qorannoon Covid-19 erga godhameefin booda bakka yeroof tursiifaman geeffamu jedhan Aadde Ester.
Dilbata darbe Taalibaan waggoota 20 booda aangootti deebi’uu hordofee lammileen biyyattii kumoota hedduun lakkaa’aman biyyaa bahuuf yaalii gochaa turan.
Namoonni hedduun buufata xiyyaaraa Kaabuul bakka loltoonni Ameerikaa lammilee alaa fi Afgaanota rakkoo keessa jiran baasaa jiranitti xinniqaa turan.
Viidiyoon wayita lammileen Afgaan xiyyaara koruuf itti rarra’an agarsiisu marsaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ture.