Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan anniisaa elektirikii meegaa waattii kuma 1 Itoophiyaarraa bituuf gaafatte
Sudaan anniisaa elektirikii meegaa waatii kuma tokko Itoophiyaarraa bituuf waliin dubbachaa akka jirtu miidiyaan biyyattii SUNA jedhamu gabaase.
Miidiyaan kun Ministira Inarjii fi Boba'aa Sudaan Injinar Jeedan Alii Obad wabeeffachuun akka gabaasetti, biyyattiin anniisaa meegaa waattii kuma tokko bitachuuf Itoophiyaa waliin marii eegalteetti.
Ji'a darbe keessa ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Humna Ibsaa Itoophiyaa gara magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuum imaluun sarara elektirikii diriirsuuf qorannoo ijaarsaa gaggeessanii turan jedhan ministirichi.
Ogeeyyiin Sudaanis yeroo dhiyootti gara Itoophiyaa imaluun biyyoota lameen gidduutti mariin akka itti fufu ibsan.
Sudaan kanaan dura anniisaa elektirikii meegaa waatii 200 ta'u Itoophiyaarraa akka bittee jirtuu fi kunis fedhii anniisaa biyyattii harka 10 akka haguugu gabaasi SUNA ni ibsa.
Anniisaan elektirikii Sudaan Itoophiyaarraa argattu kun, dhiyeessii guyyaa guyyaa biyyattiif qooda olaanaa akka qabus ibsameera.
Ministirri Inarjii fi boba'aa Sudaan kun akka jedhanitti, karoorri Itoophiyaarraa anniisaa elektirikii guddaa bituuf qaban kun, hariiroo daldalaa biyyoota baha Afriikaa waliin uumuuf galma biyyattiin kaa'atte milkeessuuf utubaa guddaadha.
Hariiroon daldalaa kunis Baankiin Addunyaarraa deggersa argamuun kan hojjetamu ta'uu ibsan.
Biyyoota Itoophiyaan anniisaa elektirikii itti gurgurtu keessaa Sudaan fi Jibuuiin isaan ijoodha.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa wayita xumuramu anniisaan inni maddisiisu fedhii biyya keessaa guutuurra darbee biyyoota alaatti akka gurguramuun biyyattiif sharafa alaa akka argamsiisu eegama.
Hidhi haaromsaa Adoolessa darbe marsaa lammaffaan bishaaniin kan guutame yoo ta'u, yeroo dhiyootti tarbaayinoonni muraasni anniisaa maddisiisuu akka eegalan eegama.
Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan dhimma ijaarsa hidha haaromsaarratti hanga yoonaa waliigaltee tokkorra hin geenye.