Miseensonni Mana Maree Nageenyaa UN dhimmi hidha Abbayyaa Gamtaa Afrikaan akka furamu deeggaran

Miseensonni Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) hidha laga Abbayyaa irratti wal dhabdeen Itoophiyaa, Sudaanii fi Masrii karaa Gamtaa Afrikaan akka furamu deeggaran.

Manni marichaa kora Kamisa taa'een, biyyootni sadeen marii waggoota kurnan dura jalqabanii bu'aa xiqqaa argamsiise ammas akka itti fufan gaafate.

UNtti ambaasaaddarri Ameerikaa Liindaa Toomaas Giriinfiildi, marichi hoggansa Gamtaa Afrikaa jalati ariitiin akka itti fufee gaggeeffamu himan.

''Wal dhabdicha furuuf Gamtaan Afrikaa bakka gaariidha jennee amanna. Ameerikaan deeggarsa siyaasaa fi teeknikaa gochuu itti fufti,'' jechuun walgahii UN irratti dubbatan Liindaa Toomaas Giriinfiildi.

''Hidhicha bishaaniin guutuu fi oppireeshinii isaa irratti qaamoleen hundi furmaata madalawaa fi wal qixa tahe irra gahuun ni danda'ama,'' jette.

Gamtaan Awurooppaa mariin Gamtaa Afrikaan durfamu ''ariifachuu'' qaba jedhe. Itti dabaluun maricha deeggaruuf qophii tahuu himuun taajjabdoonnisaa UN fi US waliin akka irratti hojjetaa jiran ibse.

Itoophiyaan hidhicha marroo lammaffaaf bishaaniin guutuu erga beeksiftee Sudaanii fi Masiriin Manni Maree Nageenyaa UN akka gidduu seenuun wal dhabdee isaanii furu gaafatan.

Hidhicha bishaaniin guutuu fi oppireeshinii isaa irratti Itoophiyaan sanada waliigaltee akka mallatteesituuf dhiibbaa akka godhaniif ture kan isaan gaafatan.

Kora Kamisaan maaltu jedhame?

UNtti bakka bu'aan Raashiyaa Vaasilii Nebenzaa, qaamoleen sadan yeroo Niw Yorki jiranitti wal arguun dhimmicha furuuf yaaluu qabu jedhan. Raashiyaan wal dhabdicha furuu kan danda'u dippilomaasii fi marii qofa jette.

Dhimmichi waliigaltee kana dura 2015 mallattaa'e 'Principles of Declaration' keessa akka jiru ibsuushee miidiyaan biyya Masirii ahram online gabaaseera.

Itti dabaluun Raashiyaan dubbii humna fayyadamuu biyyoonni sadeen walitti darbatan ilaalchisees yaaddoo akka qabdu himte.

''Suuta suuta mariidhaan waliigaltee irra gahuun haalicha biyyoota sadeen gidduutti tasgabbeessaa adeema jennee amanna,'' kan jedhe Nebenzaan, biyyootni yaa'a Abbayyaa irra jiran hundi jaarsummaa Gamtaa Afrikaa jalatti irratti hirmaachuu qabus jedhe.

Lakkoofsa qaamolee jaarsummaaf gidduu galanii dabaluun bu'aa qaba jennee hin amannu kan jette Raashiyaan, yoo biyyoonni sadeen iratti waliigalan saatalaayitii haala guutinsa hidhichaa hordoftu nan gumaacha jette.

Ministirri Bishaanii fi Jallisii Itoophiyaa Injiner Silashii Baqqalaa kan jala muramee beekamuu qabuufi garaagarummaa biyyoota sadeenii tahe, ol aantummaa bara kolonii gamtokkeen ture sana tursiisuuf yaaduudha jedhan.

Dr Injiner Silashii Baqqalaa Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin wal tumsuun akka hojjechuu barbaaddu himuun dhiibbaa siyaasaa kamiyyuu akka hin simanne ibsan.

Biyyi bishaan kuubik meetirii biliyoona 77 maddisiiftu waan xiqqoo yaa'a waggaa irraa humna elektirikiif itti fayyadamuun waanuma sirriidha. Sudaanii fi Masiriin xumura hidhichaa irraa faayidaa barbaadan irratti nu amansiisuuf hin barbaachisu,'' jedhan.

Itti dabaluun Dr Injiner Silashii Baqqalaa wal dhabdee bishaanii kana irratti mari'achuuf Manni Maree Nageenyaa kun bakka sirrii miti jedhan. Yeroo hidhichi guutamuttis biyyoota ollaa irra miidhaan gahu hin jiru jedhan.

Indiyaa fi Chaayinaanis waliigaltee Itoophiyaan ittiin gaggeeffamuu qabna jettee amantu bara 2015 'Principles of Declaration' bu'uura godhachuun marichi karaa Gamtaa Afrikaa akka itti fufuu qabu himan.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Saamii Shukirii hidhi Abbayyaa uummata Masirii miliyoona 100 ol irratti yaaddoo jiraachuuf jiraachuu dhabuu buusera jedhan.

Waliigaltee dhaabbataa irra osoo hin gahiin Itoophiyaan marroo lammaffaaf hidhicha bishaaniin guutuu eegaluu ibsuun Manni Maree Nageenyaa miseensota 15 of keessaa qabu nageenyaa fi tasgabbii fiduuf itti gaafatamummaa isaa bahu qaba jedhan.

Masiriin waliigaltee seeraa dhaabbataan mallattaa'uu qaba ejjennoo jedhu qabaattus Itoophiyaan akkaataa qajeelfama bara 2015 walii mallatteesineen deemuu qabna jetti.

Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Maariyaam al-Saadiq al-Mahdii manni marichaa rakkoo biyyoota sadeenii furuuf shoora olaanaa bahuuu akka qabu gaafachuun, yaada dhimmichi Gamtaa Afrikaa jalatti haa furamu jedhu biyyi isaanii Sudaan akka deeggartu himan.

Sudaan mirga misoomaa Itoophiyaan qabdu akka kabajju himuun, karaa biyyoota yaa'a gara gadii hin miineen tahuu qaba jedhan.

Masriifi Sudaan hidhicha bishaaniin guutuu fi oppireeshinii isaa irratti Itoophiyaan sanada waliigaltee akka mallatteesituuf dhiibbaa akka godhaniif ture, UNSCn akka gidduu seenu kan gaafatan.