Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) maali? Aangoo akkamii qaba?
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) xumuramuu Waraana Addunyaa 2ffaa booda, gurmuu biyyoota ''nagaa jaalataniin'' hundaa'e
Kaayyoonsaas dhaloota ittaanee dhufu hammeenya waraanarraa baraaruuf ture. Dhaabbatichatti Manni Maree Nageenyaa (Security Council)yeroo jalqabaaf bara 1946tti kora taa'e ammoo, addunyaarra nagaafi tasgabbiin akka bu'u mirkaneessuuf hojiin itti kenname.
Wayita tokkotti hojiirra haasawa heddummeessa jedhamuun qeeqamaa kan ture kaawunsiliin kun, baroota dhiyoo as waltajjii addunyaarra si'oominaan mul'achaa jira - mootummoota qoqqobuu haga waraana keessatti hirmaachuu.
Dhiyeenya kanas lola Tigraay hordofee, akkasumas dhimma Hidhaa Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti ijaartu ilaalchisuun Manni Maree kun yeroo garagaraatti walitti qabamuun mari'ateera.
Namoonni gariin gaheen Kaawunsilii kanaa maali? Aangoo akkamiifaa qaba? Moo akkanumaan walitti qabamee gargar bahuudha? jedhanii wayita gaggaafatan mul'ateera.
Odeessa kana keessatti dhimoota kanaafi gaaffilee biroof waantota beekuu qabdu jennu akkanaan qixeessine.
Miseensota
Biyyooti shan, jechuunis: Chaayinaa, Firaans, Raashiyaa, Yunaayitid Kingidam (UK) fi US miseensota dhaabbii mana marichaati.
Biyyoonni kunniin wayita kaawunsilichi waraanaan booda hundeeffamutti, biyyoota addunyaarra dhiibbaa gurguddaa qaban turan.
Biyyoota carra-qabeeyyii tahan shanan alatti, kaawunsilii kana keessa biyyoonni 10 miseensota dhaabbii hin ta'iin ni argamu. Miseensonni dhaabbii tahanis kan yeroo, pireezidaantummaa mana marichaa ji'a tokkoof qabatanii turu - akkasiin marroon isaan gaha.
Miseensonni dhaabbii hin tahin waggaa lamaaf miseensummaan kan turan yoo tahu, Yaa'ii Waliigalaa UN'n (General Assembly) filatamu. Yaa'iin Waliigalaa qaama miseensota biyyoota hundaa qabudha.
Kaayyoon isaas ardiiwwan hundaaf carraa walqixaa kennuufi - shan biyyoota Eeshiyaafi Afrikaa irraa, lama ammoo Laatin Ameerikaarraa, tokko biyyoota Awurooppaa bahaa jedhaman keessaa akkasumas lama ammoo biyyoota Awurooppaa lixaafi kaanirraa.
Biyyooti miseensa mana marichaaf haalaan dorgomu. Sababa kabajaa miseensummaa wajjin walqabatuuf, akkasumas dhimma biyyasaanii ilaallatu kaasuuf carraa argachuuf jecha biyyoonni miseensa tahuu haalaan barbaadu.
Wayita ammaatti (2021tti) miseensonni dhaabbii hin taane: Istooniyaa, Indiyaa, Aayarlaandi, Keeniyaa, Meeksikoo, Nijeer, Noorweey, Seent Viinsent & Giraaniidins, Tuniiziyaa fi Veetnaam.
Itoophiyaan seenaashee keessatti yeroo sadiif miseensa mana marichaa taatee turte: kan jalqabaa 1967 haga 1968, 1989 hanga 1990 akkasumas kan dhiyeenyaa 2017 hanga 2018 miseensa turte.
Dhimma tokkorratti akkamiin murteessu?
Wixineen seeraa (qajeelfamaa) tokko biyya tokkoon yookaan biyyootaan wixineeffamuun, miseensota kaawunisilichaa biroof dhuunfaan qoodama.
Wixinee kana irratti mari'atanii walfalmu, yeroo kaaniis geeddarsiisuu danda'u - adeemsi kunis gorsa (consultations) jedhama. Erga miseensonni hunduu irratti waliigalanii booda, seerri kun ifatti mana marichaatti geeffama jechuudha.
Miseensi hunduu sagalee tokko qofa qabu. Murteewwan mana marichaan ''murteessoodha'' jedhaman, sagalee caalmaa sagaliin darbuu qabu.
Haatahu malee, dhimmi tokko ''murteessaadha'' yookaan ''substantive'' jedhamee murteeffamuun dura, falmii ho'aatu irratti gaggeeffama.
Mirga sagalee kuffisuu (veto power)
Miseensonni dhaabbii shanan aangoo dhimma tokko sagalee isaaniin kuffisuu qabu; isaan keessaa tokko faallaa seera tokkoo yoo sagalee kennan, seerichi hin dabru - ni kufa.
Haa tahu malee, miseensonni kunniin yoo sagalee kennuurraa of qusatan, seerri tokko dabruu danda'a.
Erga Waraanni Qorraa jedhamu (Cold War) obba'e as mirga veetoo fayyadamuun hir'achaa dhufeera. Kunis manni marichaa murtoo dabrsu irratti bu'a-qabeessa akka tahu isa taasiseera.
Manni Maree Nageenyaa gara caalu lolli waraanaa mudachuusaan dura hambisuurratti xiyyeeffatee hojjeta. Haatahu malee lolli takka dhalannaan, gama dippilomaasiin furmaatni akka dhufu carraaqa.
Yoo kun dhibee lolli baname, Manni Marichaa dhukaasni akka dhaabbatuufi nagaa eegsistoota bobbaasuun hojjechuu danda'a.
Kana malees, miseensonni UN akka qoqqobii kaa'an ajajuu danda'a. Akka filannoo xumuraatti ammoo, kan humnaan rakkise irratti tarkaanfii waraanaa ajajuu danda'a.
Iraaq haga Kooriyaa Kaabaa - fakkeenyota muraasa
Bara 2003 hoogganummaa Ameerikaan duulli waraanaa Iraaqitti jalqabuun dura, Pireezidantin Ameerikaa Joorji W Buush, Mana Maree Nageenyaa kanarratti dhiibaa uuman.
Baagidaad seeroota Manni Marichaa dabarse fudhachaa hinjirtu jechuun Aabba Buush fakkeenyaan morman. ''UN kaayyoo itti hundaa'ef galmaan gaha moo?... waanuma faayidaa hin buusne taha?'' jechuun 2002tti dubbii taasisan.
Lolli Iraaq amanamummaafi aangoo Mana Maree Nageenyaa daran qore. Seerri (resolution) 1441 jedhamuufi kawunsilichaan raggaafame - Iraaq meeshaa akka hiikkattuufi qorattoonni akka galan kan jedhu ture.
Miseensonni dhaabbiin Firaans fi Raashiyaan, seerri kun waraana erguu hinajaju jechuun, yaada US fi UK morman.
Firaans aangoo qabdu fayyadamuun seerri biraa haa bahu wayita jechaa jirtutti, Manni Maree otoo hin beekin waraanni Iraaq eegale.
Kunis egeree gama dippiloomaasiin kufuu Mana Maree Nageenyaa kan mul'ise ture.
Akka waliigalaatti ammoo, Kaawunsiliin kun balaa mudachuu malu hambisuuf maaliif tarkaanfii humnaa hin fudhanne jedhamuun guddoo qeeqama. Kanaafis fakkeenyi guddaan yakka duguggaa sanyii Ruwaandaatti 1994tti raawwatedha.
Baroota dhiyootti ammoo, Kaawunisiliin Nageenyaa murtoowwan jajjaboo dabarsuun beekama. Waa'ee sagantaa nukileeraa isaaniin walqabatee Kooriyaa Kaabaafi Iraan qoqqobeera.
Dhorkaa zoonii balallii Liibiyaa labsuun, al-kallattiin mootummaan Gaadaafii akka kufu shoora olaanaa taphateera.
Haatahu malee ammallee sararoonni wayita Waraana Qorraatti sararaman darbee darbee waan hojiirra oolan fakkaatu.
Bara 2012tti Raashiyaafi Chaayinaan seerota Manni Marichaa Pireezidantii Siiriyaa Bashaar al-Asaad irratti dhiibbaa uumuuf baasan, mirga veetoosaanii fayyadamuun kuffisaniiru.