CNN hojjettootasaa osoo talaallii hin fudhatin biiroo seenan hojiirraa ari'e

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan guddichi US CNN, hojjettoota isaa osoo talaallii Covid-19 hin fudhatin biiroo seenan sadi hojiirraa ari'uu miidiyaan biyyattii gabaase.
Kanaanis miidiyaan kun jaarmiyaalee US hojjettootni isaanii akka talaalaman dirqama kaa'an keessaa kan yeroo jalqabaaf kanneen talaallii osoo hin fudhatin bakka hojii deeman irratti tarkaanfii fudhate ta'eera.
Kubbaaniyyaawwan US hojjettoonni isaanii akka talaallii fudhatan dirqama kaa'uuf bu'uura seeraa qabu.
Kubbaaniyyaawwan gurguddoon kanneen akka Feesbuukii fi Google gamasaaniin wayita hojjettoonni gara biirootti deebi'an talaallii dirqama gochuuf akka jiran ibsaniiru.
Kubbaaniyyaan kunneen ji'oota itti aanan keessatti hojjettoota isaanii gara biirootti deebisuuf akka jiran yaada qabu.
Hoogganaan CNN Jeff Zucker hojjettoonni ari'amuu erga ibsee booda, miidiyaaleen US gabaasaniiru.
Hojjettoonni dirree irraa gabaasa dhiyeessan, kanneen hojiinsaanii hojjettoota biroon walitti isaan fiduu fi kanneen biiroo seenan hundi dirqama talaallii fudhachuu qabu jedha hoogganaan kun.
"Jala mureen dubbadha- dhimma kanarratti araarama tokkollee hin qabnu,'' jedha Aab Mr Zucker.
Mootummaan US Caamsaa darbe akka ibsetti, kubbaaniyyaan biyya keessa jiran hojjettootasaanii qaamaan bakka hojiitti argaman akka talaallii Covid-19 fudhatan gaafachuun seeraan kan deggerameedha.
Daandiiwwan qilleensaa bebbeekamoon US, Delta fi United Airlines jedhaman hojjettoonni wayita qacaraman waraqaa ragaa talaalamuu isaanii mirkaneessu gaafachuu eegalaniiru.
Pirezidaant Joo Baayidan hojjettoonni federaalaa biyyattii miiliyoona lama ta'an waraqaa ragaa talaalamuu isaanii mirkaneesu akka agarsiisan akkasumas qoratamuu fi maaskii uffachuun dirqama akka itti ta'e ibsaniiru.














