Covid-19: Pirezidant Baayidan kanneen talaallii fudhataniif dolaarri 100 akka kennamu waamicha dhiheessan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Joo Baayidan akka jajjabeessituutti bulchiinsonni Ameerikaa namoota talaallii Covid-19 fudhataniif dolaara 100 [birrii Itoophiyaa 4000 ol] akka kennan waamicha dhiheessan.
Baayidan waamicha kana kan dhiheessan namoota bulchiinsota US garaa garaa keessa talaallii fudhatan akkaan wal caaluufi lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman dabaluu isaatiini.
Dabalataan pirezidantichi hojjettoonni federaalaa biyyattii miiliyoona lama ta'anif talaalamuun dirqama akka ta'u ajajaniiru.
Ajajichi hojjettoonni talaalamuu isaanii ragaa akka dhiheessan yookiin qorannoo taasisuufi maaskii godhachuu akka dirqamaatti kaa'a.
Ragaa hanga ammaa jiruun ummata Ameerikaa keessaa kanneen talaalaman walakkaa gadiidha.
Gaafa Kamisaa Waayit Haawus irraa yeroo dubbatanitti tarkaanfiin haaraa murtaa'e sanyiin Covid Deltaa jedhamuufi saffisaan tamsa'u ''kanneen hin talaalamneen'' hammaachuu isaa eeruuni.
''Namoonni du'aa jiru, kanneen du'uu hin qabne du'uu malu,'' jedhaniiru.
Jajjabeessituun dolaara 100 kanneen kana dura talaalfamaniif kennamuu dhabuun loogii fakkaachuu mala garuu ''namoonni dabalataa yoo talaalaman hunda keenyatu fayyadama'' jechuunis dubbatan.
Bulchiinsonni Ameerikaa qarshii lammiileef kennaa talaallii kennuuf yaadan karoora Ameerikaa baraaruuf qophaa'e dolaara tiriliyoona 1.9 keessaa fayyadamu.
Baayidan dhaabbilee hojjettoota isaanirraa miindaa osoo hin kutin yeroo kennanii akka talaalfaman yoo taasisan ''baasii guutuu ni kanfalla'' jedhaniiru.
Hojjettoonni mootummaa hin talaalamnu jedhan garuu hin ari'aman jedhameera.
Haa ta'u malee, ekispartoonni fayyaa torban torbaniin qorannoo Covid-19 taasisuun weeraricha hin dhaabsisu jechuun yaada kennu.
Kanneen talaallii fudhachuun miidhaa qaba jedhan irrattis 'kuni dhimma siyaasaa miti' talaallii kanneen oomishuun bara bulchiinsa Rippablikaanii murtaa'uu himan.
Qorannoon Giddugala To'annoo Dhukkubaa US (CDC) baatii darbe bahe akka agarsiisetti, duuni koronaavaayirasiin galmaa'e keessaa 99% kanneen hin talaalamneen walqabata.














