Pirezidantii US Joo Baayidan: Odeeffannoon sobaa Facebook irraa namoota ajjeesaa jira

Joo Baayidan gaazexeessaatti osoo dubbataa jiranu

Madda suuraa, Reuters

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan odeeffannoowwan sobaa miidiyaa hawaasaa irratti Covid-19 ilaalchisuun daddabarfaman ''namoota du'aaf saaxilaa'' jiru jedhan.

Pirezidantichi kan kana jedhan wayita gaazexeessaan gaaffiin miidiyaalee hawaasaa kan akka 'Facebook' talaallii covid fi weeraricha ilaalchisuun odeeffannoowwan sobaa tamsaasuu ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef deebii wayita kennaniitti ture.

Waayit Hawuus odeeffannoowwan sobaa ittisuudhaaf dhiibbaa dhaabbilee miidiyaalee hawaasummaa irratti taasisu dabalaa jira.

Facebook gama isaatiin fayyaa ummataa eegsisuuf ''tarkaanfiiwwan cimaa'' fudhataa jiraachuu himeera.

''Miidiyaaleen kunneen ummata ajjeesaa jiru,'' jechuun ture Baayidan kan Jimaata Waayita Hawuusiitti gaazexessaatti kan himan.

Bakkeewwan weerarri covid itti jabaate bakka namoonni hin talaalfamnetti ta'u ibsameera.

Qondaaltoonni fayyaa Ameerikaas du'aatii fi lakkoofsi namoota vaayirasii Covid-19 qabamanii ammaan tana dabalaa kan jiru hawaasa talaallii hinfudhatiin keessatti qofaadha jechuun akeekkachiisaniiru.

Namoonni yeroo talaalaman

Jalqaba guyyaa Jimaataatti ammoo, Barreessaan Pireesii Waayiit Hawuus Jeen Saakiin, Facebook fi miidiyaaleen hawaasummaa kan biraa odeeffannoowwan dogongoraa talaallichaa tatamsa'an dhaabsiisuuf dursanii hin hojjannee jedhan.

''Dhugaadha tarkaanfiiwwan isaan fudhatan jiru,'' jedhan. ''Haata'u malee caalaa wantoonni hojjatamu qabaatan akka jiran ifaadha.''

Dubbii himaan dhaabbata Facebook Keeviin Maakaliistar gama isaanitiin, dhaabbatichi ''himannaawwan ragaa qabatamaan osoo hindeegaramne irratti dhiyaataniin hinraafamu,'' jedhan.

Akkasumas ibsa gara biraa dhaabbatichi baaseen, ''hanga ammaatti odeeffannoowwan dogongoraa Covid ilaallattaniifi akkaawuntiiwwan seera facebook cabsan miiliyoona 18 ol haqneerra,'' jedhe.