Murteen 'paaspoortii talaallii EU' attamiin imaltoota Afriikaa miidha?

QR code from an EU Digital Covid Certificate on a smartphone screen

Madda suuraa, Getty Images

Waraqaan ragaa dijitaalaa Covid Gamtaa Awurooppaa (EU) biyyoota miseensaa 27 guutuu keessatti Kamiisa kaleessaa irraa kaasee hojiirra ooluu eegale.

Murtee kanaanis imaltoonni talaalliiwwan biyyoota Afriikaa keessatti bal'inaan keennamaa jiru AstraZeneca dabalate talaalliiwwan muraasa biroo fudhatan EUn akka hin simannee beeksise.

Ofii Waraqaa ragaa dijitaalaa Covid kun maal?

Daandii ittiin lammiilee biyyoota EU guutuu akka isaan:

  • Talaallii Covid-19 talaalaman
  • Dhiheenya keessa qorannoo taasisanii vaayirasicha irraa bilisa ta'usaanii fi
  • dhiheenya kana Covid-19n qabamanii bayyanachusaanii ittiin adda baasuuf.

Tajaajilli kunis Siwiizarlaand, Ayilaand, Noorweey fi Leechtenseteen dabalatee biyyoota miseensoota Gamtaa Awurooppaa 27 hundaan beekamtiin kennameefiira.

Waraqaan ragaa kunis kanfaltii irraa bilisa yoo ta'u, lammiileen EU hundi akkasuma kanneen lammii EU hin taanee garuu karaa seera qabeessa ta'e biyyoota kanneen keessa jiraatan ykn turan garagalcha waraqaa kanaa buufachuu ykn argachu ni danda'u.

Biyyoonni muraasni fedhii isaanitiin waraqaa ragaa kanatti fayyadamuu eegalaniiru. Haata'u malee ifatti kan hojiirra olmaansaa himame Adoleessa 1, 2021 irratti.

Malli kunis karaa koodii dijitaalaa (quick-response (QR) code) ta'eetiin battalatti odeeffannoo talaallii namootaa bakka olkaa'amee argachu ni dandeessisa.

Fakkeenyaaf, hospitaala, jiddugalawwan qorannoo ykn abbaan taayitaa fayyaa koodii kanatti fayyadamu danda'u.

Wayita ragaan nama tokkoo buufata xiyyaaraatti mirkanneeffatamuuttis, waraqaadhuma ragaa sanarratti hafa malee eessattu hin olkaa'amu ykn hin qabamu.

Police officer at the Bregana border crossing between Croatia and Slovenia scans QR code on an EU digital Covid passport

Madda suuraa, Getty Images

Maaliif barbaachisee?

Waraqaan ragaa kunis namoonni biyyoota EU keessa akka socho'aniif haala salphisaaf jedhamee abdatame.

Innis sanada imalaa miti- nammoonni imalaaf paasportii ykn waraqaa eenyummaa gara biraa qabachu qabu.

Garuu ammoo namni waraqaa raga kana qabatu wayita daangaa idil-addunyaa qaxxaamuruutti lamuu covid'f qoratamuu ykn adda baafamuun turu irraa bilisa ta'a jedhamee eegama.

Qorichoota kam fa'ituu EUn hin fudhatamne?

Talaalliin Covishield kan bal'inaan Afriikaa dabalatee biyyoota hiyyeeyyii keessatti karaa sagantaa talaallii Covax'tiin kennamaa jiru paasportii EU kanaan hin hamatamne.

Kana jechuunis namni talaallii kana fudhate gara biyyoota EU deemuu hin danda'u jechuudha.

Eejjansiin Qorichoota Awurooppaa (EMA)n AZ kan Indiyaan omishamuuf beekamti keennuu hin barbaadne, sababiinsaas EU qoricha kana omaa hin galchine.

AstraZeneca ammoo talaalliin isaa Covishield paasportiiwwan talaallii EU keessatti akka hammatamuuf Eejansii Qorichoota Awurooppaa waliin hojjataa jiraachu himeera.

Haata'u malee Eejjansiichi ammatti gabaadhaaf iyyannii mirkannaa'ee hinjiru jedha.

Covishield vaccine vials in India

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Covishield vaccine vials in India

Deebiin biyyoonni Afriikaa murtee EUf kennan maal?

Hogganaan olaanaa fayyaa Afriikaa tarkaanfii Gamtaan Awuurooppaa (EU) talaallii AstraZeneca biyya Indiyaatti omishame sagantaa ''Green Pass'' imaltootaa keessaa baasanii cimsanii qeeqan.

Daareektarri Wiirtuu To'annoo fi Ittisa Dhukubootaa Afriikaa Joon Nkengaasoongi, sochiin Gamtaa Awurooppaa kan saayinsii fi odeeffannoon deegarame miti jedhan.

Sababii isaa yoo caqasanis, talaalliin covid biyya Indiyaatti omishamee AstraZeneca talaalliiwwan biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessatti omishamaniin gadi ta'unsaa hinmirkanoofne jedhan.

Akkasumas Mr Nkengaasongi biyyoonni Gamtaa Awurooppaa imaammatawwan sochii Afriikaan weeraricha ittisuuf taasisaa jirtu turatan irraa akka fagaataniif waamicha taasisan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gama saatiin dhimmicha furuuf EU waliin dubbataa jiraachu beeksiiseera.

Garuu ammoo biyyoonni Gamtaa Awurooppaa talaalliiwwan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin mirkanaa'an kanneen akka Covishield, fi kan Indiyaan omishamee talaallii AstraZeneca fudhachuuf ammalleen ni danda'us jedhe.

Biyyoonni Gamtaa Awurrooppaa waraqaan ragaa Covid dijitaala ta'es tibba weerara Covid-19tti imala mijeessuuf jecha hojiirra oolchuu kan eegalan Kamisa kaleessaati.

Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa saddeeti 'Green Pass' keessaa talaallii Covishield baasuu gabaasan. Biyyoonni tarkaanfii kana fudhatan saddeettanis Estooniyaa, Awustiraaliyaa, Jarmanii, Isloveniyaa, Girees, Iyirlaand fi Iseen.