Paarkii Inxooxxoo hanga daandii Jibuutiitti dhaabbata pirojektii gurguddoo ijaaru

Ministirri Muummee Abiyi Ahimad dhiyootti Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti wayita dhiyaatan raawwiin hojii pirojektoota Itoophiyaatti laafaa ta'uun, qabeenya biyyaa qisaasessa akka jirufi guddina dinagdee biyyattiif qorumsa tokko ta'uu dubbatanii turan.

Raawwiin pirojektootaa laafaan dameewwan hedduu keessatti kan mul'atu ta'ullee, dameen fooyyee qabu jira.

To'annoofi raawwii pirojeektootaarratti fooyya'insi argamaa jiraachuun kan himame keessaa Korporeeshinii hojiiwwaan Ijaarsaa Itoophiyaa ni eerama.

Korporeeshinichi qabeenyaafi teeknolojii walitti ida'uun pirojeektoota saffisaan xumuruun qooda gama keenyaa gumaachaa jirra jedha.

''Nu biratti sa'aatiin 24 sa'aatii tokko''kan jedhan Hoji gaggeessaan Korporeeshinichaa Injinar Yoonas Ayyaleew, damee ijaarsaafi oomisharratti kaampanii dursarratti maqaa dha'amu ta'uuf mul'ata qabaachu dubbatan.

Korporeeshinii hojiiwwan ijaarsaa Itoophiyaa dhaabbata akkamiiti?

Korporeeshinii hojiiwwan ijaarsaa Itoophiyaa hojiiwwan daandii, gamoofi dhiyeessii bishaaniirratti kan hojjataa turetu dhaabbilee saditu walitti kurfaa'e.

A.L.I bara 2008tti Korporeeshinii hojiiwwan daandii, Korporeeshinii hojiiwwan dhiyeessii bishaaniifi teeknoloojii ijaarsatu walitti kurfaa'e hundaa'e.

Korporeeshinichi yeroo ammaatti hojiiwwan daandii, jallisiifi ujummoo bishaanii diriirsu, akkasuma ijaarsa gamoowwan irratti bobba'ee hojjataa jira.

Dhiyeenyatti hidhawwan annisaa bishaanirraa maddisiisaniifi ijaarsa daandii baaburaa eegaluuf qophiirra akka jiru Hojii Gaggeessaan Korporeeshinichaa Injinar Yoonaas himaniiru.

Itoophiyaatti annisaa bishaanirraa maddisuuf hidhawwan oolan kan hojjataa turan kontiraaktaroota biyya alaa akka ta'an eeruun, korporeshinichi damee kanaan baasiin sharafa alaa bahu akka hir'isu dubbatan.

Injinar Yoonaas ammatti Korporeeshinichi ogeeyyii ijaarsa daandiirratti muuxannoo horatan qabachuu eeruun, daandii Itoophiyaa buufata doonii Jibutiin walqunnamsiisu ijaaruu jalqabera jedhan.

''Magaalota kan walquunamsiisu, naannoolee kan walqunnamsiisu ijaaruurra darbinee biyyoota daandii walquunnamsiisu hojjachuu eegalleera''jedhan.

Kanatti dabaluun, korporeeshinichi buufataalee xiyyaaraa akka ijaaru eeranii, dhiyeenyatti buufataalee sadii ijaaruuf waliigalteerra geenyeerra jedhan.

Korporeeshinichi dhiyeenyatti daandii baaburaa ijaaruu akka eegalu dubbatan.

''Akkuma ijaarsaa annisaa elektirikii bishaaniirra argamutti dippaartimentii banuudhaan hojii jalqabuuf qophoofneerra''jedhan Injinar Yoonas. Korporeeshinichi gamoowwan haga darbii 21 qaban ijaaruu akka danda'u kaasuun, ijaarsa gamoowwan gatii manneen jireenya hir'isanirratti akka xiyyeeffatan.

Pirojeektota Korporeeshinichaa

Paarkii Inxooxxoo, holqa Paarkii Tokkummaafi iddoo gabaa fuduraalee magaala Finfinnee ji'a tokko keessatti ijaarame, pirojektoota Korporeeshinichi hojjate keessatti eeramu.

Dhiyootti immoo magaalaa Finfinneetti hospitaala haadholiifi daa'mmanii Korporeeshinichi xumuruun eebbisiisera.

Kanatti dabaluun hospitaalota lama waggaa tokkofi ji'a jaha keessatti ijaare xumuruuf bulchiinsa magaalichaa waliin galteerra gaheera.

Korporeshinichi magaalaa Gondar cinatti hidha Magach jedhamu ijaaraa jira.

Hidhichi barana bishaan kuusuu akka jalqabu kan himame yoo ta'u,ol dheerina m77 fi dalga m800 ol kan dheeratudha.

Hidhichi maatiin 45,000 waggaatti si'a sadii oomishuu kan dandeessisufi dhiyeessi bishaan dhugaatii magaalaa Gondaariif ni oola.

Naannoo Oromiyaatti immoo daandii aslfaatii Gudarii hanga Sayyoo km91.8, akkasuma daandii Duraame hanga Dambiyaa, Angaccaa-Alaabaa km64 ijaarsi jalqabeera.

Biyya Jibutti keessattimmoo daandii km 80 dheeratu ijaaruuf waliigalteerra gahuun ijaarsi isaa eegalameera.

Hojiiwwan jijjiiramaa

Injinar Yoonas Korporeeshinichi milkaa'uun dura bu'aa bayii baayyee keessa darbe jedhan.

Korporeeshinichi kaayyoo dhaabateef akka galmaan gahuuf hojiiwwan jijjiramaa hojjatamuu dubbatu.

A.L.I bara 2008tti wayita korporeeshinichi hundaa'u barsiifata hojii dhaabbilee sadan walitti dabalamaniirra kan ka'e, waggoota jalqabaa bu'aa barbaadame hin buusne ture jedhan.

A.L.I Waxabajjii bara 2011 dhaabbanni hojjattoota 12,000 qabu diigamuuf qarree gahee ture jedhan.

Inijinar Yoonas sana booda jijjiiramni hojii sadarkaa sadii qabu raawwatame.

''Jalqabarratti wiixinee dhaabbaticha rakkoo keessaa baasu baafne.

Wixinee sanarratti hundaa'uun dhaabbaticha rakkoowwan bu'uuraa hojiiwwan isa baasu hojjanne.

Barsiifata hojii garaa garaa gara tokkotti fiduuf yaalle''jedhan.

Waggaa tokko keessatti immoo adeemsa hojii walfakkeeessufi komiiwwan hojjattoota waliin jiru furuuf hojjachu dubbatu.

Korporeeshinicha keessatti maashiniin hojii bishaaniif hojjachuu oolu hojii daandii keessatti akka hin hirmaanne dameen qoqqodamuun dhaabbatichi akka bu'a qabeessa hin taane dhiibbaa uumuu dubbataniiru.

Gama biraatiin, mindaan hojjattootaafi sadarkaan isaanii gargar ta'uun komii kaasaa turuu dubbatan.

Bara 2012tti gurmaa'insa fi adeemsa hojii jijjiruun sirna haaraa diriirsu ibsan.

Hojii bishaanii ykn daandiirratti qofa hojjattoota bobba'anii turan, dandeettii hojii daandiifi bishaanii walitti akka horatan gochuun maashinoota korporeeshinichaa gara gara bifa magariisatti geeddarame jedhan.

''Jijjiramni hojii wayita hojiirra oolu namoonni %90 ol jijjiraman.

Namoonni iddoo isaan madaalutti ramadaman jiru.

Qorumsa kennine ramadne, kana raawwannaan komiin dhiyaate hin turre''jedhan Injinar Yoonas.

Korporeeshinichi raawwii hojii pirojeektootaa bal'inaan akka gamaggamu kaasuun, raawwiirratti harkifannaan yoo jiraate sababni isaa adda baasuun sirreessuun bara 2012 irraa kaasee bu'aa argachuu himan.

Korporeeshinichi kunuunsa naannoo, sirna qulqullina eeguufi sirna nageenya iddoo hojiitti eeguun waraqaa ragaa ISO argateera.

Sadarkaan jijjirama Korporeshinichaa inni lammaffaan jijjirama bulchiinsa pirojeektoota akka ta'u dubbatu.

Jijjirama keessa tokko korporeeshinichi dameewwan irratti hirmaaturratti bulchiinsa pirojeektootaa diriirsuufi bu'aa qabeessummasaa mirkanessuun dhimma tokkodha.

Jijjiramichi gama humna namaa, bittaa meeshaalee,foyya'iinsa faayinaasii fi bulchiinsa hojiiwwan maashinarii dabalata.

Korporeeshinichi projektootni yeroo fi baajata waadaa seenameen xumuramu isaanii mirkaneessa.

Sirumayyuu, adeemsa hojii bu'a qabeessa hojiirra oolchuun bu'aa argamu ol guddisuun ni danda'ama jedhan.

Hojii Gaggeessaan Korporeeshinichaa Injinar Yoonaas turtii BBC waliin taasisan keessatti Korporeeeshinichi fuulduratti to'annoo pirojeektoota bara dijitaalan walsimutti akka jijjiruu akka jiran hubachiisaniiru.

Jijjirama hojiitiin carraan uumaman keessa tokko pirojeektoota km 100 walirraa fagatanii argaman foddaa TV waajiraale muummee dhaabbatichaa keessaa dhaabamaniin, kallattiin sadarkaa irra jiran to'achuun akka danda'amu gochuun jijjirama tokkodha.

Jijjiramni yaaliirra jiru hojii gaggeessan dhaabbatichaa biiroo taa'aani,konkolaattoonni fe'iisaa cirrachaa wayita gad naqaniifi konkokiriitiin yeroo guutamu kallattiin laaptooppii isaaniirratti ilaaluu.

Adeemsi kuni hojjattoonni iddoo ijaarsaa otoo hin dhaqiin sadarkaa pirojeetichi irra qaqqabe beekufi sirreeffama barbaachisa saffisaan gochuuf akka gargaaru Injinar Yoonas himaniiru.