Olompikii Tookiyoo: Atileetiin Beelaaruus Jappaanii biyyatti deebi'uu diddee gara Poolaanditti qajeelte

Madda suuraa, Reuters
Atileetiin Beelaarus osoo dorgommiin Olompikii hin dhumiin gara biyyaatti akka deebituuf ajajmtee didde amma Jaappaanii baate.
Kiristiinaa Timanoviskaya, 24, har'a ganama gara Veenaatti balaliite.
Poolaand viizaa namoomaa [koolugaltummaa] waan kenniteefiif Jaappaan irraa kallatummaan gara Poolaand magaalaa Waarswutti balaliiti jedhamee eegamaa turus daqiiqaa xumuraatti yaadashee jijjiiruu qondaalli buufata daandii qilleensaa himan.
Kiristiinaan gochaan ishee kun siyaasa akka hin taane BBCtti himte. ''Biyyakoo nan jaalladha. Biyyakoo ganeen miti,'' jette.
''Kun dhimma dogogora qondaalotni keenya Olopikii irratti raawwataniiti,'' jechuun 'BBC Newshour' himte. ''Yeroo isaan gara buufata xiyyaaratti na geessan murteen jalqaba fudhadhe poolisiif bilbiluufi fi abbaan warraakoo hatattamaan akka biyyaa bahu ture. Yoo Beelaarus ture isaaf baay'ee sodaachisaa akka tahe waan hubanneef.''
Atileetiin kun waan qabdu fudhattee gara buufata xiyyaaraa Haneda Tookiyoo deemuun akka galtu erga dirqisiifamtee nageenya isheef sodaachuu dubbatte. Kunis leenjistoota ishee erga qeeqxeeti.
Osoo gara imbaasii Poolaandi hin seeniin dura poolisiin eegumsa gochaafii ture. Imbasii erga turtee har'a kan balaliite yoo tahu, Beelaarus garee biyyaalessaa keessaa sababa fayyaa sammuusheen haqamte jette.
Garuu Kiristiinaan yeroo BBCtti dubbatte, rakkoo fayyaa sammuu homaatii akka hin qabneefi Olompikii irrattis hakiima tokkoyyuu waliin akka hin dubbanne himte.
Atileetii kana maaltu mudatee?
Atileetiin fiigicha gababaan dorgomtuu fi lammii Beeraaluus sababii leenjiiftoota ishee qeeqxeef Olompikii Tookiyoo irraa gara biyyatti akka balaliitu itti murtaa'e fudhachuu diduun nageenyaasheetiif sodaa qabdu ibsatte.
Kana hordofuun ture poolaandi atileettii kanaaf viizaa kennushee kan beeksiifte. Kiriistiisiinaa Tisiimaanusikaayaa hayyama isheetiin alatti mi'i ishee qophaa'uun gara buufata xiyyaaraa Tookiyoo akka deemtuuf diriqisiifamuu dubbatti.
Atileetiin umuriin waggaa 24 kunis waan leenjisaa ishee qeeqxeef jecha nageenyaa isheetiif sodaachu dubbatte. Beelaaruus garuu sababii sadarkaa miira isheetiif garee keessaa haqamu beeksiifte.
Haala kanaanis atileettiitiin xiyyaara keessa galuu diduun eegumsa poolisii akka gaafattee dubbatti. ''Nagaadha jedheen yaada. Poolisii waliinan jira'' jette qondaaltoota poolisitiin marfamtee.
Atileetiin kunis Wiixata dorgommii fiigicha dubartootaa meetira 200 irratti hirmaachuuf qophaa'aa osoo jirtu ture akeekkachiisa gabaabduudhaa akka gara biyyaa deebiitu itti himamu kaafte.
Atileetiitiin ammatti nagaa ta'ushee BBCtti himuun garuu sadarkaa kanatti kana caalaa dubbachuu akka hin qabne gorfamu himte. Taateen kunis Beeraaluus kan erga bara 1994 kaaftee pirezidaantii Aleeksaandar Lukaashenkoon bulfamtu xiyyeefannaa keessa galche.
Bara darbees bu'aa filannoo irratti wal dhabdee uumameen ture humnootii nageenyaatiin hammeenyaan to'atamu dubbatama.
Atiletoonni sadarkaa biyyatti mormiicha sana keessatti hirmaatanis garee biyyaaleessaa keessaa haqamuun to'annoo jala olfaman.
Ministirri Haajaa Alaa Poolaandi Maarcin Piriziyidaz dippilomaatota Poolaandi Tookiyootti argaman waliin kallattiin waan walqunnamteef ''akka ogummaashee Ispoortii akka itti fuftuuf ''waan barbaachisu hundaan Poolaandi deegarsa ni taasiftiif'' jedhan.
Abbaan warraashees gara magaalaa guddoo Yukireen Keeviitti baqateera. Akka Paartii mormituu Beeraalus magaalaa Waarsaaw jiruutti yoo tahe, innis Poolaandiitti ishee waliin walitti makama.
Motummaan Beeraaluus hanga ammaatti murtee Poolaandi kanarratti yaada hin kennin jira.
Atileetiin gara biyyaa akka deebiituuf dhiibbaa irratti taasifamuu kaasuun Kooreen Olompikii Addunyaa akka ishee deegaruuf gaafatte.
Gamtaan Awurooppaa murtee Poolaandi kana fudhateera. Atiileetii tana dirqiidhaan gara biyyaatti akka deebiitu taasisuun fakkeenya ''gara jabiina abbaa irree bulchiinsa Luukaasheenkootti,'' jedhan itti gaafatamaan dubbii himtuun Imaammata Alaa Gamtaa Awuroppaa Jooseef Booreel.
Atileetiittiin akka dubbatteetti qondaaltoonni kutaashee dhaquun akka meeshaa ishee qopheeffatuuf sa'aatii tokko kennuufiin akka gara buufata xiyyaaraa Tookiyoo Haanedaatti akka geeffamtu itti himamu dubbatti.
Qondaaltootaan akka gara biyyaa deebiituuf ''dhiibbaa guddaa jala'' galfamuu dubbachuun, Koreen Olompikii Addunyaa (IOC)n akka gargaaruuf gaafattee turte.
Anatol Kota'uu, miseensi gareen Dilbata BBCtti akka himteetti ''Beelaarusiitti maatii ishee irra dhiibbaa ni gaha jettee yaadda'aa jirti. Ammatti yaaddoon isheen qabdu kana,'' jette.
Koreen Olompikii Beeraaluus akka jedheetti, ''atileetiittiin sababii miiraafi haala xin-sammuu isheetiif'' garee keessaa baafamte.
Leenjiisaan garichaa Yuri Moseevichi gama isaatiin, Ms Timaanovskaayaan wayita guyyaa Dilbtaa waliin haasoofteetti baayyee naatee akka turte dubbate.

Madda suuraa, Getty Images
"Haasaa baayyee tasgabaa'aa waliin haasa'uufan yaale naafis ta'e,'' jedhe. Haasaa jidduun dhaabuun irra deebiin jalqabaa turte. Kanaafuu akka wanti ta'e mudateen hubadhe.''
Guyyaa Wiixata dubbii himaan IOC Maark Adaams taphawan deemaa jiruurratti koree Beelaaruus irratti tarkaanfii fudhatamuu himan.
Ilma pirezidaantii dabalatee qoondaaltoota muraasa kanneen atileetoota mormii irratti hirmaatan ittisuu didan dhorkeera.
Heezar Maagiil, Aminastii Intarnaashinaal Baha Awuroppaa fi qorattuun Jidduugala Ashiyaa, bulchiinsi Ispoortii biyyattii kallatiidhaan to'annoo motummaa Lukaasheenko jala jira jedhan.














