Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoon taankiin bara waraana addunyaa lammaffaa qe'eesaaniitii argame adabaman
Maanguddoon lammii Jarman soorama bahan tokko taankii dabalatee meeshaalee waraanaa hedduu qaban, meeshaalee waraanaa seeran ala qabachuun balleessaan itti murame.
Himatamaan maanguddoo ganna 84 ji’oota 14’f mana hidhaa akka turaniifi yuuroo 250,000 akka kaffalan itti murameera.
Qondaaltoonni akka jedhanitti, taankiifi meeshaaleen waraanaa biroo kan bara waraana addunyaa lammaffaa yoo ta’an, mana maanguddoo himatamanii, Kaaba magaalaa Heyikendorfitti bara 2015 argame.
Waraanni biyyattii meeshaalee waraanaa kana iddoo olkaa’ame baasuu gargaaraniiru.
Manni murtii biyyattii Wixata ajajni dabarse, himatamaan maqaan isaanii hin eeramne meeshalee waraanaa kunneen gurguruu ykn taankii fi meeshaalee farra xiyyaaraa godambaa kaa’uu akka filmaatatti kaa'a.
Yookiin ammoo warra meeshalee sana olka’aaniif waggoota lamaan dhufan keessatti arjoomuu qabu jedha.
Abukaatoon maanguddoo kanaa akka himetti, godambaan Ameerikaa taankii maqaa ’Paanter’ jedhamu irraa bitachuuf fedha horateera.
Beektonni seenaa Ameerikaa taankiin Paanter bara waraana addunyaa lammaffaatti Jarman taankoota bobbaaste keessaa gahumsa olaanaa kan qabu akka ta’e kaasu.
Jarmanitti warreen meeshalee durii funaananii olkaa’an hedduun isaanii meeshalee waraanaa akka qawwee, shugguxii fa’aafi kanneen biroos irraa bitachuuf waliin haasa’utti jiraachuu miidiyaan biyyattii gabaase.
Qondaaltonni meeshaalee aartii Naazii hatame barbaaduuf jecha nama manni isaanii sakatta’amee ture tokkorraa odeeffannoo argataniin ture bara 2015'tti meeshaalee maanguddoo sanaa kan sakatta'an.
Taankii Paanter iddoo kaa’ame baasuuf loltoonni 20 sa'aatii sagaliif dhamahaniiru.
Taankichi cancala hadiidaa irra deemu (tarks) hin qabu ture.
Miidiyaan biyyattii akka jedhutti maanguddoon kun wayita bonaatti cabbii yeroo itti qulqulleessan mul’ataniiru.