Afgaanistaan: Taalibaan magaalaa murteessituu haleeluu hordofee lolli hammaachaa jira

Waraanni magaalaa murteessituudha jedhamte gidduutti jalqabameefi sodaachisaadha jedhame mootummaa Afgaanistaaniifi hidhattoota Taalibaan gidduutti gaggeefamaa jira. Taalibaan ammoo waggootaan booda yeroo jalqabaatiif magaalaa araddaa gadhiisisuu danda'a sodaa jedhu uumeera.

Kutaa bulchiinsa Helmaan Kibbaa keessatti argamtu Laashkaar Gaahi jedhamu keessatti haleellaan humnoota qilleensaa Ameerikaafi Afgaanistaan gaggeeffamullee, naannichatti haleellaan Taalibaan cimaan gaggeeffameera.

Warri Taalibaan buufata TV tokko to'anneerra kan jedhan yoo ta'u. sababii waraanichaa namoonni kumaatamaan lakkaa'aman baadiyyaarraa gara gamoowwan jiranitti baqatanii da'atanii jiraachuun himameera.

"Guutummaatti marsee lolatu gaggeeffamaa jira," jechuun hakiimni tokko BBCtti himeera.

Humna waraanaa Afgaanistaan jabeessuudhaaf raayyaan mootummaa dhibbootaan lakkaa'aman hidhattoota waraanuudhaaf kan bobbaafaman yommuu ta'u, Ameerikaan sochii waraanaa waggoota 20f biyyattii keessatti taasisaa turte dhaabdee bahuu ishee hordofee Taalibaan baatiiwwan dhiyoo keessa dhiibee dhufaa jira jedhameera.

Kutaan bulchiinsa Helmaan wiirtuu duula loltummaa Ameerikaafi Ingiliiz kan turte yommuu ta'u, kutaan bulchiinsattii kun to'annoo Taalibaan jala kan galtu taanaan, mootummaa Afgaanistaaniif miidhaa guddaa akka ta'u himameera.

Taalibaan Laashkaar Gaahin kan qabatu taanaan, erga bara 2016 as magaalaa guddoo yeroo jalqabaatiif qabatu ta'a jechuudha.

Magaalattiin magaalaawwan sadii humni hidhataan kun haleellaa irratti bane keessaa ishee tokkodha.

Ajajaan loltuu Afgaanistaan magaalattii keessatti argamu injifannoon Taalibaan, "nageenya addunyaarratti bu'aa badinsaa," qaqqabsiisa jechuun akeekkachiisan.

Ajajaan Meejar Janaraal Saamii Saadaat jedhaman BBCtti akka himanitti, "kun waraana Afgaanistaan miti, kun waraana bilisummaaf abbaa hirrummaa gidduutti taasifamudha," jedhan.

Kutaa Bulchiinsa Helmaan keessatti raadiyoowwan 11 fi buufataaleen TV afur "haleellaawwan Taalibaan gaggeesseefi doorsisuurraan kan ka'e" tamsaasa isaanii akka dhaaban ministeerri odeeffannoo Afgaanistaan Wixata darbe beeksiseera.