Erdoogaan Tarkiin Itoophiyaadhaaf deeggarsa gosa kamiyyu ni taasifti jedhan

Pirezidaantiin Tarkii Rasiip Xaayiip Erdoogaan biyyisaanii Itoophiyaadhaaf deeggarsa gosa kamiyyu ni taasifti jedhan.

Erdogaan ergaa karaa toora tiwitirasaaniitiin baasaniin Ministiria Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin bilbilaan marii taasisuu himuun,Tarkiin Itoophiyaadhaaf gama kamiiniyyuu deeggarsa taasisuu itti fufti jedhan.

Anaaduuluun Daarektoreetii Komunikeeshinii Tarkii eeruun akka gabaaseetti, pirezidaant Ordogaan marii bilbilaan MM Abiy waliin taasisaniin Tarkiin nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaatiif bakka olaanaa kenniti jedhan.

Tarkiin biyyoota Itoophiyaa keessatti invastimantii olaanaa taasisan keessaa tokko yoo taatu, warshaalee huccuufi sarara ibsaa omishan dabalatee kampaanonni Tarkiirraa ta'an doolaara biiliyoona 2.5 Itoophiyaa keessatti invasti akka godhan maddi oduu Tarkii Anaaduuluun kana dura gabaaseera.

Tarkiin biyyoota Baha Giddu-galeessaa dinagdeefi dhimmoota siyaasaa irratti dhiibbaa olaanaa uuman keessaa tokko.

Haaluma walfakkaatuun torban darbee keessa wayita waggaa shanaffaa fonqolchi mootummaa Tarkii irratti yaalamee kufe yaadachuuf Ambaasaaddarri Tarkii Itoophiyaa keessa jiru dhaabbilee Tarkiifi dippilomaatii Itoophiyaatti argaman waliin marii taasisaniin Itoophiyaafi Tarkiin walitti dhufeenya isaanii cimsachaa jiru jedhan.

Ambaasadariitiin ''Walitti dhufeenyi siyaasaa keenya gaariidha. Walitti dhufeenyi dinagdee keenya ammoo cimuu qabaata, isarrattis hojjataa jirra. Itoophiyaafi Tarkiin biyyoota michuudha, michuus ta'uun itti fufuu,'' jechuu maddi oduu Anaaduulu gabaaseera.