Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: WFPn Tigraay keessatti nyaatni of harkaa qabu Jimaata na jalaa dhuma jedhe
Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) Deeviid Biziliiy kuusaan nyaataa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Tigiraay keessaa qabu Jimaata dhuftu ni obba'a jedhe.
Deeviid Biziliiy WFPn Tigraay keessatti namoota gargaarsi nyaataa barbaachisuuf dhiyeessuuf, guyyaatti konkolaataan nyaata fe'an 100 gara naannichaatti seenuu akka qaban ibseera.
Aanga'aan jaarmayaa addunyaa kun akka jedhetti, yeroo ammaa kana konkolaataawwan 170 nyaataafi meeshaalee barbaachisoo fe'atan Affaar akka dhaabbataniifi socho'uullee akka hin dandeenyedha.
Deeviid Biziliiy fuula tiwiitara isaarratti namoonni beela'aa jiru jechuun erga barreessee booda, konkolaataawwan kunneen akka socho'aniif ammuma hayyamamuufii qaba jedheera.
Mootummaan Federaalaa finciltoonni TPLF Tigiraay fi daangaawwan Affaar irratti haleellaa qaqqabsiisuu hordofee, konkolaataawwan nyaataafi meeshaalee barbaachisoo fe'atanii gara Tigiraay imalaa turan akka dhaabbatan taasifamuu ibsuun isaa ni yaadatama.
Qaamni Odeeffannoo Haala Yeroo Qulqulleessuuf hundeeffame fuula tiwitara isaarratti akka ibsetti, sababiiwwan mootummaan dhukaasa dhaabuu gam-tokkee murteesse keessaa tokkoo akka gargaarsi namoomaa uummata qaqqabuuf jedhe.
Haata'u malee, sochiin gargaarsa namoomaa dhiyeessuu kun sababa TPLFn gufataa jira jedheera.
Hawaasni addunyaa, keessattuu dhaabbileen Tigraay keessa socha'an TPLF tuttuqqaa Naannoo Affaar keessatti taasisaa jiru akka dhaabu, akkasumas konkolaattonni meeshaalee deeggarsa namoomaa qabatan gara naannichaa akka seenaniif dhiibbaa taasisuu qabaatu jedhan.
Tigraay gara caalu to'atee kan jiru TPLF gama isaatiin haala baqattoota Ertiraanootaa naannichatti argamanii ilaalchisuun ibsa guyyoota muraasaan dura baaseen, baqattoonni Ertiraa naannichatti argaman irratti buqqa'insiifi haleellaan irratti raawwatame jedhame baayyee na yaachiseera jedheera.
Kun osoo kanaan jiruu, UN buufataaleen baqattootaa Tigraayiitti argaman keessatti bishaaniifi nyaanni dhumuu danda'a jedheera.
Komishiniin Olaanaan Baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii -UNHCR, buufataaleen godaantoonni Ertiraa 24,000 keessatti dahatan qaqqabuu akka hin dandeenyeefi buufataalee kanneen keessatti dhiyeessi bishaaniifi nyaataa dhumee ta'a jedheera.
Komishiniin Olaanaa Baqattootaa bufataalee kaampii Maay Ayinii fi Addii Haaruush, akkasumas dhiheenya isaaniitti walitti bu'insi jiraachuu ibsee, baqattoonni lama ajjeefamaniiru jedhe.
Itoophiyaatti Ejansiin Dhimmoota Baqattootaa fi Baqannaarraa Deebi'anii, finciltoonni TPLF bu'uuraalee misoomaa tajaajilawwan loltummaaf oolchaa waan jiruuf, dhimmi baqattoota Ertiraa naannoo Tigraayiitti argamanii baayyee yaaddeessaadha jechuun isaa ni yaadatama.
Kaampiiwwan Maay Ayiniifi Addii Haaruushiitti raabsaan nyaata baatii tokkoof gahu erga taasifameen torbanoonni darbusaa dubbi himaanaa Komishinii Olaanaa Baqattootaa UN Baabaar Baaloch dubbataniiru.
Dubbii Himaan kun, ''nyaanni baqattootaaf kenname dhumee jira waan ta'eef balaan umamuu danda'a,'' kan jedhan yoo ta'u, dhiyeessi bishaan qulqulluus hir'ataa jira jedhan.
Dhiyeessi tajaajila fayyaa Tigraay baayyeen kan murtaa'edha kan jedhan ammoo bakka bu'aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Fudaalu Chaa'ib turan.
"Dhiyeessi tajaajila fayyaa naannoo Tigraay haala baayyee yaaddessaa ta'een kan daangeeffameedha,'' erga jedhaniin booda, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman tajaajila fayyaa bu'uuraa argataa hin jiran jedhaniiru.
Ogeessi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kun, lakkoofsi daa'immannii hir'ina nyaataa madaalawaa olaanaan balaa du'aatiif isaan saaxiluu danda'u dabalaa jiraachuu ibsaniiru.