Waraana Tigraay: Gorsi miidhaa xiin-sammuu salphisu ijoollee waraanaan buqqa'an 15,000 oliif kenname - IOM

Dhaabbatni Godaantota Idil-Addunyaa [IOM] gargaarsa fayyaa sammuufi gorsaa miidhama xiinsamuurra bayyanachisuuf gargaaru, namoota 15,500 ta’aniif Kaaba Itoophiyaatti kennuu ibse.

Isaan keessatti daa’imni warra isaa wajjin qe’eerra buqqa’ee bakka biraatti godaane Teedii jedhamee waamamu jira.

Teediin mucaa ganna 12 yoo ta’u, ogeeyyiin Dhaabbata Godaantota Idil-Addunyaa (IOM), fayyaa sammuufi gorsa xiinsammuu wayita gaafatan ‘’miira gammachuutu natti dhaga’ama’’ jedhee yeroo sanatti ibsee ture.

Gaafatamu isaa guyyaa tokko dursee garuu ’’ani baayyee sodaadhe’’ jedhee barreesse daa’imni kun.

Teediin namoota miliyoona lamatti dhiyaatan kanneen sababii waraana Kaaba Itoophiyaatti ka’een qe’eesaanirra buqqa’an keessa tokkodha.

Teediin otoo taphatuu gaafa gudatte eessa gahuu akka hawwu gaafameera '’fuulduratti anis hojjataa IOM ta’uun barbaada’’ jedhee deebise.

’’Gidduugaleessi kun anaaf hiriyoota koo gargaaree jira, gaafan guddadhe anis hojii walfakkaatuun hojjachuu barbaada!’’ jedhee deebise.

Tarii guyyaa tokkoo maaltu beeka, daarektara IOM ta’uun danda’a, gaafa barnoonni eegalame galma koo bira gahuuf sirriittiin qo’adha’' jedhe.

Daa’imni kun Shiree iddoo namoonni itti walitti baay'atan keessa jiraata. Bakka kanatti namoota biyya keessatti qe’eerraa buqqa’an kumaatamatti lakka’amanitu argama, akka gabaasni Dhaabbata Godaantota Idil-Addunyaa ibsutti. Akkamitti akka qe’eesaaniirra buqqa’anillee himeera.

‘’Maatii koo dabalatee namoota hedduu wajjin mana keenyaa baqanne. Baqannaan keenyas muddamaan ture. Guyyaa sana tasumaa hin irraanfadhu’’ jedhe Teediin.

Teediin akkuma daa’imman biroo bakka sana jiraniitti waraana sodaatee dhiphateera. ‘’Sagalee guddaan tasa dhaga’amu daa’imman wareersa’’ jedhe maatiin ijoollee iddoo sana jiru tokko.

‘’Yeroo tokko konkolaataan dhagaa baatu wayita gadi naqu sagalee dhukaasa qawwee fakkaatu uumnaan, battaluma sana ijoolleen naannicha taphattu booyaa, gurra qabataa minjaala jala dhokachuuf fiigaa turan,’’ jedhan.

Teediin gorsa ogeeyyii sammuu Dhaabbata Baqattoota Idil-Addunyaatiin ijoollee ol guddataa jiran kanneen umriin isaanii ganna 10-16 gidduu jiruuf kennamurratti ni hirmaata.

Ijoolleen kunneen muxannoo keessa darbanirraa fayyaafi bayyanachuurratti argamu jedhe gabaasni IOM.

Ijoolleen akka Teediitti sababii waraanaatiin qe’eerraa buqqa’an biroos giddugaleessa gorsa xiinsammuufi fayyaa sammuu IOM waan ijoolleen ittiin taphatan, intalashee/ashaangulliitii fi meeshaalee ittin fakkii kaasan qabu keessa turuu jaalatu jedhe.

Iddoo namoonni buqqa’an taa’uun rakkisaa ta'ullee, hojjattoonni Dhaabbata Baqattoota Idil-Addunyaa ijoolleen hundisaanii akka sodaasaanii dagatan, dhaga’amtii argataniifi nagaa ta’an waan danda’an hunda hojjataa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.

IOM Tigraayitti maal hojjate?

Dhaabbata Godaantota Idil-Addunyaatti gartuun ogeeyyii fayyaa sammuufi gorsa xiinsammuu kennan namoota balaa tasaan miidhaman, baqattoota, hawaasa qe’eesaanitti deebi’an fi hawaasa baqattoota simatan bira dhaquun waliin hojjatu.

Akka dhaabbatichi jedhutti hariiroon kun namoota walitti bu’iinsa keessatti miidhaman fayyaa qaamaaf sammuusaanii fooyyeessuufi yaadameti.

IOM giddugaleessa deeggarsa fayyaa sammuufi gorsa xiinsammuu itti kennamu Shireetti hundeesseera.

Namoonni giddugaleessa sana keessa jiran gochoota aadaafi bashansiisoo bakka sanatti ta’utti waliin hirmaachuu, seenaasaanii walitti himuu, ogummaa walirraa barachuufi hariiroo hawaasummaa cimsachuuf carraa qabaachuu dhaabbatichi ibseera.

Kanatti dabaluun akka eerametti yoo ta’e, namoonni dhiphina sammuuf saaxilaman adda baafamuun gorsa ogummaa giddugaleessa deeggarsa fayyaa sammuufi xiinsammuu IOM hundeesse keessatti ogeeyyiirraa argatu.

Wiirtuun Shiree iddoo baqattootni jiranitti argamu kun Bitootessa bara 2021 barnoota xiinsammuu, gorsa nama dhuunfaa fi maatii, gargaarsa xiinsammuu isa jalqabaa kennuu fa’aatiin hojii eegale.

Kilinika IOM hundesse waliin giddugaleessi deeggarsa fayyaa sammuufi xiinsammuu kun namoota biyya keessatti qe’eerraa buqqa’an dhibbaan lakka’aman torbanitti simatee akka gargaaru ibseera.

Sagantaa deeggarsa fayyaa sammuufi xiinsammuu giddugaleessa 'IOM' kan qindeessan Amel Sahaal, ’’dhaabbatichi hojii giddugaleessichi hojjatu namoota dhuunfaa, maatiifi hawaasni deeggarsa barbaadan dandeettisaanii akka hubatan fi hariiroo hawaasummaasaanii akka guddifatan gargaara jedhee amana’’ jedhan.

‘’Malli kun kan bu’uura godhate - guddinni dhala namaa, fayyaan sammuufi hariiroo hawaasummaa keessatt walitti dhufeenya qabu, yeroo muddamatti hariiroo sanatu jeeqama. Kanaafuu tumsi akkasii yeroo muddaafi muddamaan boodattis fayyaa sammuu namoota dhuunfaafi hawaasaa foyyeessuuf barbaachisadha,’’ jedhan.

Hanga yoonaatti sagantaa deeggarsa fayyaa sammuufi xiinsammuu giddugaleessa IOM namoota 15,500 Kaaba Itoophiyaatti gargaaruu ibseera.

Tajaajilli IOM kilinikaan iddoo tokkotti hundaa’een tajaajila kennuun alatti, bakka tokko gara biraatti socho’uun tajaajila fayyaafi soorataa, akkasuma deeggarsa fayyaa sammuufi xiinsammuutiin kaaba Itoophiyaatti kennaa jiraachuu ibseera.

Ogeeyyiin dhaabbatichaa gorsa, tajaajila fayyummaa saalaafi wal hormaataa, ijoollee hanqina soorata qaban adda baasuufi akkaataa wal’aansa itti argataniifi to’annoo Covid irrattillee akka hojjatan ibsan.

Hanga yoonaatti namoonni 17,000 gorsa fayyaa argachuu, daa’imman 4,600 ol hanqina soorataa qabaachuuf dhiisuu adda baasuuf qoratamuufii isaan keessaa 241 hanqina soorataa qabaachuu adda baasu eere.

Kana malee dubartoonni 1,300 ol ta’an tajaajila fayyaa wal hormaatan walqabatu argataniiru jedhe dhaabbanni IOM.

Kanatti dabaluun akka eerametti, dhaabbatichi Biiroo Fayyaa Naannoo Tigraay weerara dhibeef akka qophaa’an gochuufi hojjattoota fayyaa leenjisuu himeera.

IOM Shireetti ogeeyyii fayyaa 30’f leenjii weerara koleeraa qophii barbaachisurratti kenneera jedhe.

Dhaabbatichi talaallii koleeraa (OCV) bakka baqattoonni qe’eerra buqqa’an jiran Maqalee fi Shiree gargaaraa jiraachuu, akkasumas Shireetti talaalli Covid kennuu ibseera.