Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pegasus: Pireezidantii Firaans Maakiroon mosaajiin basaasaa irratti qiyyaafatame
Pireezidantiin Firaans Imaanu’eel Maakiroon hoggantoota biyyoota addunyaa bilbilli isaanii butamuun basaasaaf irratti qiyyaafatame keessa jiru jedhamee akka yaadamu miidiyaaleen gabaasan.
Mosaajiin Pegasus jedhamu bilbila faaluun namoonni gocha kana raawwatan bilbilasaanii akka basaasan dandeessisa.
Hoggantoonni biyyootaa garaa garaa tarree bilbila namoota 50,000 maamiltoonni dhaabbata ‘NSO Group’ akka basaasamu barbaadu jedhame yaadamu keessatti eeramee jira.
Tarreeffamni bilbila kun miidiyaalee gurguddootti himame.
Dhaabbanni NSO’n garuu dogoggora hojjadhe hin qabu jedhee waakkate.
Dhaabbatichi moosaajicha yakkamtootaafi shororkeessitoota ittiin adamsuuf tajaajilaaf oolche jedhe.
Dhaabbatichi mosaajichi waraana, seera kabachiiftotaa fi dhaabbilee basaasaa fi kanneen mirga namoomaa kabajan biratti qofa tajaajilaaf oola jedha.
Qorannoon jalqabaa gabaasichaaf bu’uura ta’e dhaabbata miti-mootummaa Paaris keessa maadheffate ‘Forbidden Stories’ jedhamuufi Aminasti Intarnaashinaaliin kan gaggeeffame ’’tilmaama dogoggoraan kan guutamefi yaad-rimeewwan hin mirkanoofne qabu’’ jedhe gartuun dhaabbata Israa’el keessa maadheffate NSO.
Gabaasichi akka akeekutti namoonni bebbeekamoo kumaatamatti lakka’aman basaasaaf irratti qiyyaafatameera.
Gaazexaan Firaans Le Monde jedhamu akka gabaasetti, dhaabbileen basaasaa Morokoo bilbila Aab Maakiroon bara 2017 irraa eegalee itti gargaaramaa jiran adda baasaniiru.
Morokoon maamila dhaabbata Israa’el Pegasus tolche NSO ta’uu haaltetti.
Mosaajichi bilbila Pirezedantii Firaans Maakiroon irratti fe’amuufi dhiisuun ifa miti.
Lakkoofsa bilbilaa tarreeffame keessatti kan Pirezedant Iraaq Baram Salih fi Pirezedantii Afrikaa Kibbaa Siril Ramafoosaa, akkasumas Ministira Muummee biyyoota akka Paakistaan, Masrii fi Morokoo akkasumallee kan mootii Morokoo tarreeffamanii argamu.
Kana malees bilbilli qondaaltota mootummaa fi namoota siyaasaa biyyoota 34 baayinnisaanii 600 ol ta’e tarree kana keessatti argamu.
Waajirri Pireezidantii Firaans yoo waanti ibsame dhugaa ta’e dubbii jabduu ta’uu ibse.