Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana jalaa miliquuf lammileen Tigraayirraa tibbana Sudaanitti baqatan maal jedhu?
Halkan hunda dargaggoonni daangaa eegumsa cimaa qabu qaxxaamuruun, laga saffisaan yaa’u daakanii Sudaanitti miliqu.
Dargaggoonni kun walitti bu’iinsa sabaa lixa naannoo Tigiraayitti battala kanatti hammaate jalaa baqachuu himatu.
Bakki sun biyyee gabbataa kan qabuufi loltoota mootummaan kan qabatame wayita ta’u, iddoo humnoonni TPLF to’achuuf irratti qiyyaafatan akka ta’eetti ilaalama.
Humnoonni naannoo Tigiraay keessa socho’an kun naannicha to’achuu cimsuufi karaa dhiyeessi murteessaa taate kan biyya Sudaaniin walqunnamsiisu to’achuu barbaadu.
Lolli Tigiraay keessa jiru hammaachuun, walitti bu’iinsa sabaa kutaalee biyyatti bal’oo keessatti hammeessa yaaddoo jedhu uumeera.
‘’Guyyoota lama keessatti akka asii baanu nuuf eeyyamaniru, yoo kana ta’u baate ni ajjefamna’’jedhe dhalataan naannoo Tigiraay kan umriin ganna 18.
Dargaggoon kun hiriyoota waliin barataa ture sadii wajjin laga ce’ullee, maatii isaa Itoophiyaatti hafaniif yaadda’uun eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate.
Dargaggoon kun hidhattoota naannoo Amaaraa kanneen magaalaa daangaarratti argamtu Humaraa to’atan himata.
Hidhattoonni naannoo Amaaraa fedhiinis ta’ee dirqamaaf bobbafaman hidhattoota naannichatti gargaaruuf saffisaan garasitti qajeelaa jiraachuu gabaasaleen kan agarsiisan
Hidhattoonni naannoo Oromiyaafi Sidaamaa irraa garasitti ergaman waliin bobbafamuutu himame.
‘’Hidhattoonni naannoo Amaaraa mana manarra deeemanii sakatta’u.Yoo Tigiree taate si ajjeesu ykn si hidhu. Baayyee gaddina sababni isaammoo biyya keenyadha. Namni miliquu danda’u baqachaa jira,’’ jedhe gurbaa ol adeemaan biraa tokko, magaalaa Sudaan daangaarratti argamtu Hamdayet jedhamtutti.
BBC’n namoota saddeet guyyoota muraasa dura Humeraa gadhiisanii bahan fi seenaa duguuggaa sanyiin walfakkaatu himatan haasofsiseera.
Haata’u malee, Tigiraayi keessatti tajaajilli bilbilaa adda waan citeef qaama walabaarraa mirkaneeffachuun rakkisaa ta’eera.
Kun otoo haala kanaan jiruu mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuu Tigiraayitti labse tarii goolabuu akka danda’u kan eerame yoo ta’u, filciltoota ‘’gocha dubbii barbaacha’’raawwachuun balaaleffachuudhaan, loltoota dabalataan naannoolee biroorraa gurmeessutti jira.
Akeekkachiisa waraanaa
Hamdayet karaa baqattoonni Tigiraay kumaatamaan lakka’aman fi loltoonni finciltootaa ittiin baqatani yoo taatu, yeroo tokko tokko Ertiraatti karaa darbani.
Ji’oota muraasan asitti yaa’insi baqattootaa gadi xiqqaate ture.
Baqannaan kun Sadaasa darbe wayita waraanni loltoota mootummaa Federaalaafi hidhattoota naannoo Tigiraay giddutti ka’e eegale.Amma namoonni 50,000 ta’an dawoo baqannaa Sudaan gara daangaatti dhiyoo keessa jiru.
Waqtiin roobaa akkuma seeneen dawoon keessa qubatan bubbeen cimaan caba.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ejensiin Baqattootaa rakkoolee namoomaa dawoo qubanna sana keessatti mul’atuun walqabatee qeeqni irratti dhiyatu dabalaa jira.
Maddeen basaasaa naannicha jiran BBCtti akka himanitti, walitti bu’iinsi sabaa Tigiraay keessatti dabaluu agarsiisu-keessattuu naannoo Humeratti jiraachuun mallattoo dirree lolaa cimaan jiraachuu akka maluuf mallattoodha.
Finciltoonni Tigraay Kibbaafi Baha naannicha to’atan, otoo roobni hammaatiin Dhiha Tigraay guutummaatti to’achuuf akka yaalanitu himama.
Magaalichi iddoo walfalmiisisa, yeroo dheeraaf sabni Amaaraa kooti jedhanitti kan argamtu yoo ta’u,battala waraanni Tigiraayi eegalametti to’ataniiru.
Yaaddoon jiru lolli naannichatti dabale walitti bu’iinsa saboota biyyattii gidduutti kaasun tasgabbii dhabiinsa Sudaaniif Eertiraatti hammeessu mala.
Hawaasni Tigreefi akka Amaaraa obboleessafi obbolettii turan.
‘’Lafa keenya garuu hin kenninu kanaaf walwaraansi itti fufuuf jira’’ jette hojjattuun baankii fi haati ijoollee lamaa dhiyootti Hamdayet qaqqabde.
‘’Waraanni waan hin hafnedha. Hidhattoonni naannoo Amaaraa namoota hidhuun dhiyootti dabaleera. Kun duguggaa sanyiiti’’ jedhe Tewodiroos Teferraa, ogeessii baqaqsanii wal’aanuu daangaa qaxxaamuruun bara darbe Sudaanitti baqatefi kilinika xiqqoo baqattoota kumaataman lakka’amaniifi jiraattota Hamdayet itti tajaajilu keessa hojjatu.
Akkuma baqattoota Tigiraay hedduun jedhanitti, Dr Tewodiroos Tigraay Itoophiyaarraa cituu qabdi jedhe amana- Birmadummaa guututu Tigiraayif barbaachisa jedhe.
‘’Lammii Itoophiyaati jedhanii yaaduun hafeera.Namoota obboleettii koo gudeedan, kanneen obbolootakoo dhiiraaf durbaa ajjeessan wajjin ramadamuu hin fedhu.Yaadni paasportii tokkicha qabachuu darbeera’’jedhe.