Waraana Tigraay: 'Uummanni Tigraay mirga dhabe qabsoo isaatiin deebifachaa jira, ni deebifata' - Dabratsiyoon Gabramikaa'el

Uummatni Tigraay mirgoota isaa ji'oota saddeet darban sarbaman deebifachaa jira, kan hafanis guutummaatti harkatti galfachuuf qabsoo itti fufaa jedhan Hogganaan garee TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD).

Sadaasaa darbe waraana mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF, kan motummaan federaalaa shororkeessaa jedhuun, gidduutti eegalame hordofee teessoo mootummaa naannoo Tigraay kan taate Maqalee gadhiisee kan bahe mootummaan naannichaa, ji'a saddeet booda torbanoota dura humni waraanaa mootummaa federaalaa dhukaasa dhaabee naannicha erga gadhiisee iddootti deebi'eera.

Pireezidantii naannichaa kan turan Dabratsiyon Gabramikaa'eel (PhD) ibsa Kamisa miidiyaalee dhaaba isaaniitti dhiyeenya qabaniif kennaniin, ji'oota saddeettan darban humnootni mootummaa Itoophiyaa, waaraana Eertiraa fi Milishaa naannoo Amaaraa dabalachuun uummata Tigraayirraan dararaa hamaa gahaniiru jedhan.

''Uummata Tigraay akka Sabaatti balleessuuf rasaasa, beela, miidhaa saalaa sukkaneessaa fi qabeenya barbadeessuu kan hammateen paakeejiin balleessuu ji'oota saddeetiif irratti raawwachaa tureera'' jedhan.

Ta'uus uummatni Tigraay hammeenya irratti raawwateen boquun isaa cabee, hamileen isaa cabee, sodaatee kan bitamu osoo hin taane hammeenyi irra gahe kan qabsoo olaanuuf isa kakaasu waan ta'eef qabsoo isaatiin mirga dhabe deebifachaa jiraa jechuun dubbatan.

''Mirgootni isaa hafanis osoo hin sharafamiin guutummaatti harkatti deebifachuuf qabsoo itti fufaa'' jedhan.

Badiiwwan ji'oota darban raawwatan keessa tokko lafa mootummaan Tigraay bulchaa ture humnaan weeraruudha jedhan Dabratsiyon.

Lafa kana to'achuuf yeroo dheeraaf qophii gochaa turanii erga qabatanii boodas akka gadhiisan gaafatamanii ''humna isaaniitti abdatanii didan'' kan jedhan Dabratsiyoon, ''ammas irra deebiin lafa humnaan qabattan dafaa gadhiisaa bahaa jennaa'' jedhan.

''Yoo ta'uu baate garuu akkauma ji'oota saddeettan darbe goone qabsoofnee mirga keenya kabachiifna'' jedhan.

Dabratsiyoon ergaa kana kallattiin eenyuuf akka dhaaman ifa godhaniiru.

Barootaaf Mootummoonni naannoo Tigraayiifi Amaaraa lafa daangarra jiran kanneen akka Allaamaaxaa, Koram, Humaraafi kaanis kan kooti jechuun irratti wal falmaa turan.

'Uummatni Amaaraa diina keenya miti'

Waraanni Tigraay dhalachuun dura lafti irratti waldhaban bulchiinsa mootummaa Tigraay jalatti bulaa kan ture yoo ta'u, erga waraanni kun ka'ee booda garuu humnoonni naannoo Amaaraa duula dhaala (ristii) deebifachuu jedhuun to'ataniiru.

Dabratsiyoon dhaamsa isaanii kanaan uummatni Tigraay kaleessas uummata Amaaraa akka diinaatti laalee hin beeku, har'as hin ilaalu borullee akkasumaa jedhan.

Ta'us garuu hooggantootni naannichaa aangoof jedhanii uummata Amaaraa badiisa guddaatti galchaa jiruu jedhan.

Uummatni Amaaraa fedha abbootii aangoo kana diiduu qaba jedhanii, "uummatni Itoophiyaas badii hanga ammaa gahe keessaa kan harka qaban seera dura haa dhiyaatan jedhaa malee humna biyya alaa affeeree badiisa dabalataaf qophaa'aa jiruuf tole hin jedhiina" jedhan.

Dabratsiyoon ergaa kana kan dabarsan Raayyan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa humnoonni TPLF murtee dhukaasa dhaabuu gama-tokkee mootummaa akka carraatti fayyadamanii haleellaa raawwachaa jiruu jechuun waraanatti deebi'uu akka danda'u wayita ibsettidha.

TPLF labsii dhukaasa dhaabuu kan fudhachuu dideef, gaaffii nagaa uummanni Tigraay kaasuuf deebii kennuu waan hin dandeenyeefi kan jedhan qindeessaan ijaarsa waraanaa Rayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jeneraal Baacaa Dabalee yoomiifi akkamitti akka ta'e ibsuu baatanis raayyan humna TPLF haleeluu akka malu Roobii ibsa kennanniin akeekaniiru.

"Raayyaan ittisaa yoomii fi eessatti haleellaa raawwachuu akka qabu murteessee irratti hojjechaa jira," jedhan.

Mootummaan Naannoo Amaaraa gama isaan lafa kan kooti jedhee amaneefi erga waraanni dhalatee qabate deebisee akka hin laannee fi kanaafis humna waraanaa naannichaa hunda gara adda waraanaatti akka duulchisu ibseera.

Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa guyyaa lama dura baaseen Ummanni Amaaraa weerara TPLF raawwachaa jiruun adda durummaa fi kallattiin kan miidhamu ta'uu eeree, 'falmiin nuti goonu dhimma jiraachuu uummata keenyaa fi birmadummaa biyya keenyaafi' jedheera.

TPLF uummati Amaaraa waggoota dheeraaf gaaffii eenyummaa fi daangaa irratti kaasaa kan ture naannoolee Raayyaa, Allaamaaxaa fi Koram irra deebiin weeraree, Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa humnaan weeraruuf yaalii gochaa jira jedheera.

Kanatti dabalataan humnoonni poolisii addaa naannolee Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoota Amaaraa deeggaruun gara daangaa naannolee lamaaniitti bobbaafamaa akka jiran dhagaahameera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa poolisoota humna addaa isaa gara daangaa naannoo Tigraayitti kanneen ergan keessaati.