Hogganaan Kubbaaniyyaa Niisaan akka huccuutti saanduqaan fe'amee Jappaanii miliqe

Muddee 2019 alkan sa'aatii 4:30 irra ture kan hogganaan duraanii kubbaaniyaa konkolaataa guddicha Niisaan saanduqa keessa kaa'amuun xiyyaaraan Jaappaanii bahuuf kan eeggataa ture.

''Xiyaarichi ka'uuf kan karoorfame saa'atii 5tti ture,'' jedhu Mr Kaarloos Ghosn taatee sana yoo yaadatan.

"Daqiiqaawwan 30 saanduqa keessa ta'uun hanga xiyyaarri ka'uutti eeggadhee sunis, tarii muuxannoo sa'aatii dheeraa jireenya kiyya keessatti ture jechuun dana'an.''

Namni yeroo tokko hogganaa kubaaniyoota NIsaanii fi Reenoleet turan amma attamiin akka Jaappaanii itti miliqanii bahan BBCtti himan.

Akka mi'aatti saanduqa keessatti saamsamanii deemuun nama hindhiphisuu? jechuun BBC gaaffii dhiyeesseef.

Saanduqichi kutaa mi'i itti fe'amuutti keessa kaa'ama. Sirriitti pilaatariin saamsameera. Saanduqi isaas kan yeroo baayyee meeshaaleen muuziiqaa keessatti fe'amudha.

Mr Kaarloos attamiin saanduqa sana keessa marmaramanii ciisuun sukkaneessaa akka ture dubbatan. Kaarloos biyyi dhalootaasaanii Liibaanoon.

Mr Kaarloos jalqaba bara 2018 himannaa Niisaaniin mindaasaa dhugaa hinhimne jedhuufi maallaqa kubaaniyyaa qisaasessaniiru jedhamuun irratti banamee to'annoo jala oolfamanii turan.

Haata'u malee Mr Kaarloos garuu himannaa kana ni haalu.

Yeroo sanattis Kaarloos hoogganaa kubaaniyaa Jaappaan kan konkolaataa omishu turan.

Akkasumas dura taa'aa kubaaniyaa Faransaay 'Renault' fi kubaaniyaa Mitsubishi illeen waliitti qabuun hogganaa turan.

Mr Kaarsoos wayita sanatti nama Jaappaan keessatti beekamaniif kabajaman turan. Haata'u malee akka isaan jedhaniitti dhiibbaa siyaasaatiin hidhaan itti murtaa'e.

Galii waggaa keetii sobdee jirta jedhamuun to'annaa jala oolfaman. Haata'u malee dhimma siyaasaatiif motummaan Jaappaan na to'achu barbaadee jedhu. Kan baqataniif kanaaf ta'u himu.

Mr Kaarsloos baasii hirisuun dhaabbata Niisaan akka bu'aa buusuu taasisaniiru. Dhaabbanni konkolaataa Renault ammoo Niisaan keessaa gahee %45 akka qabaatu taasisanii ture. Ammalleen gaheen abbuummaa walakkaan Renault'n akka qabametti jira.

Kanaafu Mr Kaarloos mana hidhaatti dararamuurra miliquu barbaadan. Lammummaan Liibaan kan ta'an Mr Kaarloos baqataa kan turanis gara Liibaanoosiitti ture.

Namni kabajamaafi beekamaan kun haala akkasiitiin saanduqa keessa dhokatanii ni baqatu jedhee kan yaade omtuu hinturre.

Kanaan duras waggaa tokkoof hidhaa irra turuun gadhiifamaniiru.

Hidhaarra waggaaf turanii wabiin haa bahan malee galmeen himannaasaanii hin cufamne.

Adeemsi himannichaa waggoota fudhachu mala.

Gama kanaanis balleessaan kan irratti argame yoo ta'e ammoo waggoota 15f hidhaa keessa turuuf. Jaappaan keessatti ammoo carraan shakkamaan tokko balleessaan irratti argamuun %99.4.

Wayita waggaa tokkoof hidhaa manaa irra turaniitti haadha warraa isaa waliin quunnamtii tokkoolleen akka hinqabaannee dhorkamee ture.

Yeroo sanaa kaasee attamiin akka miliquu yaaduu eegale.

Kanaafu Mr Kaarloos waggaa 15f mana hidhaa keessatti rakkachuurra maaliifa sa'aatiiwwan 15f yaalii du'uu ykn jiraachu hintaasifne kan jedhan fakkaatu.

"Karoorichi fuula kiyya osoon hinagarsiifne haala ta'een dhukachuu ture,'' jedha. Kanaafuu malli tokkichi ittiin dhokachuu danda'u ammoo ''saanduuqa ykn boorsaa namni kamuu keessatti na argu hindandeenye garuu kan xiyyaaraan fe'amu ta'u qabaa ture,'' jedhan.

Saanduuqa wayya

Kanaafuu saanduuqa meeshaalee muuziiqaa isa dheeraa fayyadamuun ''yaada gaarii ture, keessattuu yeroo sanatti konsartiiwwan hedduutuu Jaappaan keessatti gaggeeffamaa waan tureef saanduqna wayya ture,'' jedhan.

Haata'u malee nama akkasiin beekamaa turaniif hidhaa manaarra jiran kana attamiin mana isaanii Jaappaanii gara buufata xiyyaarratti geessuun akka miliqu taasisuun danda'ama? kan jedhu gaaffii biraa ture.

Mr Kaarloos bara jireenyaasaanii uffata suufiin bareedanii kan jiraatan turan. Kanarratti sooreessa turan. Addunyaa maraatti naam beekamaniidha.

Kanaafuu ofiisaanii geeddaruutu irra jiraata ture. Uffata kana dura uffatanii hinbeekne kaawwatan. Jiinsiifi tiishartii moofaa uffachuu yaalii karoorsa eegalan.

Mana saanii Tookoyiitii ka'uun gara buufata baabuuraa Osakaa imalan. Achu buufata xiyyaaraatu jira. Buufata xiyyaaraa kana keessas jeettiin dhuunfaa tokko dhaabbate isaan eegaa ture.

Osoo jeettiicha keessa hingaliin gara hoteela dhiheenyatti argamu tokkoo deemuu qabu turan.

Achitti ture saanduqa keessa dhokatan kan ture.

''Tokkicha marmaramtee saanduqicha keessa seenaann waa'ee isa darbees ta'ee isa dhufuu yaaduu ni dhaabda. Kan yaaddu waa'ee taatee yeroo sanaa qofaadha,'' jedhan BBCn.

Mr Kaarloos hotela sana yoo seenan malee yoo bahan hinargamne. Namoonni lama abbaa fi ilmi shaanxaa fi meehsaalee muuziiqaa saanduqaan qabatanii yoo bahan garuu argamaniiru.

Abbaa fi illmi kunis Maayikil fi Piitar jedhamu. Xiyyaaraan imalaa kan jira oggeessoota muuziiqaatii jedhaniiti.

''Walumaagalatti gara sa'aatii tokkoof walakkaa saanduuqa keessa akkan tureen yaadadha. Haata'u amlee akkan waan waggaa tokkoofi walakkaa tureetti natti dhagahame,'' jedhu.

Haata'u amlee jettiin dhunfaa kunis sa'aatuma jedhameetti akak ka'ee balalii'u hayyamameef. Alkana guutuus balalii'ee. Jalqaba Turki qubate. Isaan booda ganama xiyyaara biraatiin gara Liibaanoos balalii'e.

Namoonni lamaan akka oggeessoota muuziiqaa of fakkeessuun jeettiin akka baqatuuf Kaarloosiin garagaaran abbaafi ilmi kunneenis biyyuma isaanii Ameeriikaan Jaappaniif dabarfamanii kennaman.

Balleessaan yoo irratti argamee waggaa sadiin ni adabamu. Mr Kaarloos garuu biyyasaanii Liibaanoosiitti kanajaan jiraataa jiru.

''Waa'ee namoota Jaappaan keessatti sirna haqaatiin danqamanii jiran hundaaf baayyeen gadda'' jedhan Mr Kaarloos.